03/08/2026
Aanaa Bachootti Duulli Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Marsaa 8ffaan Gaggeeffamaa Jira
Aanaa Bacho, Adoolessa 27, 2018
Godina Iluu Abbaa Boor, Aanaa Bachootti duulli dhaabbii biqiltuu sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaa mootummaa fi hirmaannaa hawaasaa bal'aatiin har'a milkaa'inaan gaggeeffamaa jira.
Duula kana irratti hoggantoonni mootummaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin Gadaa fi hawaasni bal'aan harka wal qabatanii biqiltuu dhaabuun eegumsa naannoo cimsuu fi misooma waaraa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiru.
Hirmaattonni sagantichaa akka ibsanitti, biqiltuun har'a dhaabamu gaaddisa qofa osoo hin taane, jijjiirama qilleensaa hir'isuun, lafa magariisa deebisuu fi dhaloota boruuf naannoo mijataa uumuuf gahee olaanaa qaba. Kanaafis biqiltuu dhaabuun hojii yeroo tokkoo qofa utuu hin taane, aadaa fi itti gaafatamummaa lammummaa ta'uu qaba jechuun ibsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 8ffaan guutummaa biyyattiitti yeroo walfakkaataatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, Aanaa Bachoottis hirmaannaan hawaasaa cimaa ta'een hojii dhaabbii biqiltuu milkaa'inaan gaggeeffamaa jira.
Biqiltuu har'a dhaabnuun egeree magariisaa ijaarra. Hirmaannaan hawaasaa duula kana keessatti mul'ate hojii eegumsa naannoo fi misooma waaraa cimsuuf bu'uura jabaa ta'uu ibsameera.
Kemalo Teka
Kaliifaa Umar
Bultuu Abbaal
Lij Naty
Alex Ilu
Taajuu Abbaa Daama
Tigabu Seyoum
Muktar Fita