31/08/2026
Gujiin Atileetoota Addunyaa Beekamoo Hedduu Biyyaaf Gumaacheera!
***Jirra24/7🌕: 31/08/2026
Oromiyaa, Godinni Gujii naannoo atileetoota ciccimoo hedduu horatee, sadarkaa biyyaalessaa irraa kaasee hanga sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti maqaa Oromoo fi Itoophiyaa ol kaasanii fi beekamudha.
Atileetoonni Gujii keessaa bahan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessatti hirmaachuun, injifannoo fi riikardiiwwan galmeessuun, maqaa dhaloota isaanii fi biyya isaanii kabajaa guddaa argamsiisaniiru.
Atileetoonni kunneen dorgommiiwwan fageenya dheeraa, maaraatoonii fi ispoortiiwwan biroo keessatti dandeettii fi cimina isaanii agarsiisuudhaan, dhaloota haaraafis fakkeenya ta’anii jiru.
Milkaa’inni isaanii seenaa ispoortii Itoophiyaa keessatti qooda olaanaa qaba; akkasumas Gujiin bakka atileetoota dandeettii addaa qaban itti dhalatan ta’uu mul’isa.
Atileetoota muraasa Gujiin biyyaaf gumaachee fi maqaa isaanii sadarkaa olaanaatti ol kaasanii beekamtii argatan keessaa:
🏅 Guyyee Adoolaa
🏅 Sh*ttoo Gumii
🏅 Shuree Damisee Waaree
🏅 Sambaree Tafarii
🏅 Daraartuu Shibbiruu
🏅 Ruuti Aagaa
🏅 Daadhii Duubee
🏅 Addisuu Goobanaa
Isaan kun maqaa Oromoo fi Itoophiyaa bakka gara garaatti dhageessisuu keessatti shoora isaanii bahaniiru. Dorgommii irratti yeroo ba’an, asxaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane, maqaa dhalootaa, eenyummaa fi abjuu dhaloota isaanii waliin baatu.
Milkaa’inni atileetoota kanaa dhaloota har’aa fi dhufuuf ergaa guddaa qaba: dandeettiin yoo carraa, leenjii fi deeggarsa argate, Gujii irraa ka’ee sadarkaa addunyaatti gahuun ni danda’ama.
Gujii — lafa atileetotaa, lafa dandeettii fi lafa injifannoo! 🌍🏆
***Jirra24/7🌕
31/07/2026