Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa

Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa This is the Official page of East Borana Zone Health Office.

Baga bacaqii gannaa nagaan baatanii booqa birraa geessan. Ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu isiniif haa ta'u...
11/09/2026

Baga bacaqii gannaa nagaan baatanii booqa birraa geessan. Ayyaanni kun kan nagaa, jaalalaa fi gammachuu isiniif haa ta'u.
Ayyaana Gaarii!!!

Ibsa Gaddaa Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa irraa dabreStatement of Condolence Forwarded from East Boorana Zone Hea...
10/09/2026

Ibsa Gaddaa Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa irraa dabre
Statement of Condolence Forwarded from East Boorana Zone Health Office
Waajjirri Fayyaa Godina Boorana Bahaa Du'aan booqachuu Ogeessa Fayyaa Waajjira Fayyaa Aanaa Waacillee Hojjataa Buufata Fayyaa Waacillee Obbo Dhukkubsataa Turee osoo Yaalarra jiruu lubbuun isaa Addunyaa kanarraa du’aan booqachuu ilaalchisee Gadda Guddaa itti dhagahame ibsee jira.
Obbo yeroo lubbuun jirutti Nama quqamaa fi aantummaan Uummata Isaa tajaajilaa tureedha. Hawaasa bal'aa irraayis Nama jaalala Guddaa qabuudha. Waajjirri Fayyaa Godina Boorana Bahaa Gadda Guddaa itti dhagahame ibsaa Maatii fi Firoottan isaatiif jajjabina hawwa.
Rest In Peace!

Ergaa Baga Bara Haaraa 2019 Geessanii Hoogganaa Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa Obbo Areeroo Biiqichaatiin Dabre.Pa...
10/09/2026

Ergaa Baga Bara Haaraa 2019 Geessanii Hoogganaa Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa Obbo Areeroo Biiqichaatiin Dabre.
Paagmee 5,2018: Nageellee Booranaa
Bacaqii Gannaa Baatanii Baga Bara Haaraa 2019tti Ceetan!
Hoogganaan Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa Obbo Areeroo Biiqichaa Ergaa Baga Bara Haaraa 2019 isiiniin gahee Hawaasa Biyya keessaa fi Biyya Alaa,Hawaasa Guutuun Godina Boorana Bahaa, Hojjattoota seekera Fayyaa Godina Boorana Bahaa akkasumas Hojjattoota Mootummaa seekroota birootiif ergaa Baga Bacaqii Gannaa Baatanii Bara 2019 Ceetanii dabarsanii jiru.Gama Biraatiin Bara 2018 keessa Bu'aa bahii baayyee keessa dabrinee Gama Seektara Fayyaatiin bu'aa fi Milkaahina guddaa galmeessinee jirru Ibsanii jiru.Dabalataan Hoogganaan Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa Obbo Areeroo Biiqichaa Hojjattoota seektara Fayyaa Godinaa kaasee hanga Sadarkaa Aanaa fi Gandaatti jiraniif ergaa Galateeffannaa Milkaahina isaan Bara 2018 keessa Seektara Fayyaa Godinaa keessatti fidaniif dabarsanii jiru.Dhumarratti Barri Haaraan Kan Milkii,Kan Fayyaa,Kan Jaalalaa fi Kan Badhaadhina Hunda keenyaaf akka tahu ergaa isaanii Hawaasa Godinichaa Guutuuf dabarsanii jiru.

Happy New Year 2019 message from Mr. Arero Bikicha, Head of East Borana Zone Health Office.
Pagme 5,2018: Nagelle Borana
Happy New Year 2019 !!!
The Head of East Borana Zone Health Office Mr. Arero Bikicha has forwarded Happy New Year 2019 message to the local and foreign communities, the entire community of East Borana Zone,Health sector workers of East Borana Zone and Government employees of other sectors .On the other hand, in 2018, we have passed through many achievements in the health sector and we have achieved great results and successes.In add to this Mr. Arero Bikicha sent a message of thanks to the health sector workers and entire community of the Zone that the new year will be a year of success, health, love and prosperity for all of us.

Daneessuumaan kenna tajaajila fayyaa fedhii hawaasa garaagaraa hubatee deebii quubsaa kennu ijaara. Daneessummaan, ogeey...
09/09/2026

Daneessuumaan kenna tajaajila fayyaa fedhii hawaasa garaagaraa hubatee deebii quubsaa kennu ijaara.

Daneessummaan, ogeeyyii seenaa jireenyaa, muuxannoo, beekumsa, aadaa fi ilaalcha garaagaraa qaban walitti fida. Kunis kenna tajaajila fayyaa fedhii hawaasa garaagaraa hubatee deebii quubsaa kennu ijaara.

Daneessummaan dandeettii kalaqaa, hojii garee, rakkoo furuu fi hariiroo cimsa. Akkasumas gareen hawaasaa kamiyyuu akka hin dagatamnes ni gargaara.

Fayyaan Faaya !
Qaammee 4, 2018

Guyyaa Qaammee 3, 2018_Guyyaa CichominaaGuyyaa Qaammee 3, 2018, Qindoomina Waajjira Fayyaa Godina Booranaa Bahaa, Waajji...
08/09/2026

Guyyaa Qaammee 3, 2018_Guyyaa Cichominaa
Guyyaa Qaammee 3, 2018, Qindoomina Waajjira Fayyaa Godina Booranaa Bahaa, Waajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa N/Booranaa fi Kilinika G/G Firaa’ol waliin ta’uun, sagantaa Kenna Tajaajila Lammummaa (KTL) keessatti hojii calallii dhibee TB meeshaa ammayyaa’aa AI-powered Digital X-ray fayyadamuun gaggeeffame.
Sagantaan kun namoota 90 ol ta’aniif tajaajila calallii TB bilisaan kennuu dabalatee, calallii dhibee Sukkaaraa (Diabetes Mellitus) fi Dhiibbaa Dhiigaa (Hypertension) uummataaf bilisaan kennuun itti fufeera.
Bu’aa raawwii sagantichaa:
Calallii TB Digital X-ray’n: Namoota 91
Shakkamtoota TB: Namoota 15
Calallii Sukkaaraa (DM): Namoota 91
Sukkaaraan olka’aa: Namoota 13
Calallii Dhiibbaa Dhiigaa: Namoota 91
Dhiibbaa dhiigaa olka’aa: Namoota 19
Hojiiwwan kun dhibee TB, sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa yeroo isaa keessatti adda baasuu, gara tajaajila fayyaa barbaachisaa ta’etti dabarsuu fi fayyaa hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu.
✍Fayyaan Faaya!

Sirni Awwaalchaa Artiist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti raawwate==Sirni Awwaalchaa Artiistiifi qabsooftuun mirga namo...
08/09/2026

Sirni Awwaalchaa Artiist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti raawwate
==

Sirni Awwaalchaa Artiistiifi qabsooftuun mirga namoomaa Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti bakka angawoonni mootummaa, maatii, firoottan, dinqisiifattoonni, jiraattoonni magaalaa Amboofi naannawaa ishee kumaatamaan lakkaa'aman argamanitti raawwateera.

Cichoominni ogeeyyii fayyaa bu'uura sirna fayyaa dandamataati!Ogeeyyiin fayyaa utubaa tajaajila fayyaati. Yeroo weerara ...
08/09/2026

Cichoominni ogeeyyii fayyaa bu'uura sirna fayyaa dandamataati!

Ogeeyyiin fayyaa utubaa tajaajila fayyaati. Yeroo weerara dhukkubaa, balaa uumamaa, walitti bu’iinsaa fi haala muddamaa biroo keessatti cichoominaaf quuqamaan tajaajilu. Kun ammoo, tajaajilli fayyaa yeroo mijataa qofa osoo hin taane yeroo rakkoo cimaa keessattillee akka itti fufuufi dandamataa akka ta'u godhee jira.

Hawaasni itti gaafatamuummaa fudhatee cichoominaan fayyaa isaa eeggachuu fi gorsa ogeeyyii fayyaa hojiirra oolchunis akkasuma murteessaa dha.

Fayyaa keenya cichoominaan eeggachuun imala ijaarsa sirna fayyaa dandamataa haa dhugoomsinu!

Fayyaan Faaya
Qammee 3, 2019

Carraa Barnoota Digrii 2ffaa Msc In Clinical Midwifery
07/09/2026

Carraa Barnoota Digrii 2ffaa Msc In Clinical Midwifery

Gamaaggamni Argannoo Hordoffii fi Deggarsa Sagantaa Rifoormii Hojirra Oolmaa Rifoormii Buufata Fayyaa ykn EHCRIG fi Sirn...
07/09/2026

Gamaaggamni Argannoo Hordoffii fi Deggarsa Sagantaa Rifoormii Hojirra Oolmaa Rifoormii Buufata Fayyaa ykn EHCRIG fi Sirna Referaalaa ykn Referal Audit and Feedback Gaggeeffame.
Qaammee 2,2018:Nageellee Booranaa
Waajjirri Fayyaa Godina Boorana Bahaa Dhaabbata EECMY DASSC MIHRP ykn Ethiopian Evangelical Church Mekaneyesus Development and Social Service Commission, Momentum Integrated Health Resiliance Project wajjiin tahuudhaan Hirmaattota Ogeeyyii Aanaa Dhaas, Waacillee, Magaalaa Nageellee Booranaa fi Hospitaala Walii galaa Nageellee Booranaa waliin Gaggeeffame. Gamaaggamni kanarratti Duubdeebiin Hordoffii fi Deggarsa Hojii Rifoormii Hojirra Oolmaa Buufata Fayyaa fi Sirna Referaalaa erga dhihaatee booda mariin bal'aan irratti Gaggeeffamee jira. Marii kanarratti argamuudhaan Gamaaggama kan gaggeessan Qindeessaa Garee Hooggansaa fi Deggarsa Dhaabbilee Fayyaa Obbo Muhammed Diimaa, Qindeessaa Dhaabbatichaa Obbo Bunoo fi Ogeessa Rifoormii Godinaa Obbo Kumaa Tasfaayeeti. Gamaaggama kanarratti ciminnii fi hanainni jiru erga adda Bahee booda kallattiin gara fuula duraa kaahameera.

Daawwannaa Ijaarsa Hospitaala BorborQaammee 2; Guyyaa olka'iinsa Biyyaa!Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaasitti Qaammee 2; ...
07/09/2026

Daawwannaa Ijaarsa Hospitaala Borbor
Qaammee 2; Guyyaa olka'iinsa Biyyaa!

Godina Boorana Bahaa Aanaa Dhaasitti Qaammee 2; Guyyaa olka'iinsa Biyyaa sababeeffachuun marii paanaliitiin booda daawwannaan Hospital jalqaba Borbori bakka hoggansaa fi hojjattoonnii mootummaa Aanichaa argamaniitti gaggeeffameera!

Address

East Borena, Oromia
Negele

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Fayyaa Godina Boorana Bahaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share