Bikila Diriba

Bikila Diriba Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bikila Diriba, Digital creator, Nejo.

God is good!!
04/11/2024

God is good!!

04/11/2024
10/04/2023
30/04/2021

Send a message to learn more

11/12/2020

!
Daangeffamaa yaadaa siif hin qabu
Ilaalcha koo jallaan siif qajeelcha
Daba dubbadhee hamaa hin ba’u
Halkan bulchee guyyaa situ na oolcha
Barsiifata hin qabu waa deggersa
Arjooma kee malee mi’aa hin qabu
Sagalee godeessan siin ciradhe
Of jaalladheen jira komii hin qabu

Ballaa lafaa situ uume
Bo’oo bishaan irra deemu
Qaqawweedhaaf karaa baafte
Balaqqeen hin naasifamu
Ifa lafa naaf abboomte
Tutaan keesse urjii torbii
Onaa lafaa magarsite
Kennaa keeti bokkaaf roobi

Daandii ifti ittiin tamsa’u
Situ kaa’e qajeelcha isaa
Bittimfamuu qara ifaa
Ooleera gubaa qilleensaa
Qalqala bishaanii jigsee
Situ roobsa samii keessaa
Biyyoo lafaa jabeessite
Suphee suphee wal qabsiisa
Dhuunfaa keeti ogummaansaa

Cabsatee nan nyaanne galaanni
Manii isaatti cufaa goote
Duumessaaf dukkana uffata
Cufaa itti goote danqartee
Hamma ifaa situ hubataa
Dukkanaaf daangaa situ kaa’e
Dandeettii kee maaltu hubata
Duumessa’oo situ lakkaa’e

Na oolchite konkolaachuu dhagaa gaaraa
Ya Uumaa koo dhukkubattis situ na maara
Tulloonni koo bara baraan eebba cobu
Ooyiruudhaaf bineeldonnis nagaa qabu
Natti aanta akka ormaa siin saalfadhu
Anaaf beekta turjumaana hin waamsifadhu
Sin jaalladha toora jiruu na barsiifte
Garraamii koo fooniif lubbuun na eebbiste
Haala hin eegu iddoo hin filu faarfachuun koo
Yeroo mara siif ho’aadha galanni koo

Hundee lafaa situ dhaabe
Safartuusaa ofiin murteessee
Burqituu galaanaa tolche
Ogummaan kee gadi fageessee
Qarri du’aa siin dhaga’a
Sodaachisuun isaa siif miti
Sagaleedhaan geggeessitee
Bakakkaayyuu abboomtahoo ati
Kanan qabu faaruu keeti

Gaarummaan kee anaan ifa
Si’iidha kan na eebbisu
Nagaa kootiinan jiraadha
Lagoonni illee naaf mirgisu
Sagaleen kee naaf dubbata
Laftis midhaan anaaf baasa
Ya Uumaa koo galata kee
Onnee koo irraan si eebbisa

Ajaa’ibni ani dubbatadhu
Dinqii keetu faarfamaadha
Isan si beeku irra caalee
Addummaan kee edaa jaaraadha
Ifa keetiin miidhagsitee
Anaaf uumteem ati dachee
Furee biyyaa ragaa qabda
Yeroo dhabaan lakkuu dhalche
Cariin qilleensaa boora’ee
Magarisni yoo gogani
Jaalalli kee ammayyuu jira
Anaaf sidhaam hardhas gootni

Uumaa maraa sagalee keetu anaan dhiba
Yaadaan qabee kaaniin dhiisee kaaniin diba
Ajajaan kee eenyutu ka’e maaltu dhufee
Dacheen kunuu beekumsi isheeyyuu siin kufe
Haa hammaatu biyyi lafaa naaf liqiidha
Si wajjiiniin Gooshen anaaf bakkee jiidhaa
Bayyaannadhee sitti hin ta’u ani nama qoosaa
Seera keetu qajeelfamaan na geggeessa

Address

Nejo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bikila Diriba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share