18/06/2026
✅ 💉 “Diclo + Dexa”! Hawaasa keenyaaf Waamicha Of Qabuu!
👨🦳 Obbo R, nama ganna 37, furdina qaama qabu, qufaa fi garaa dhukkubbii salphaa qabee gara Hospitaala Meelba dhufe.
Duraanis Kilinika dhuunfaa irraa qorichoota akka Ceftriaxone + Diclofenac + Dexamethasone walitti makanii sirinjii tokkoon itti kennamaa ture.
Yeroo fayyaa itti dhaga’amu hunda immoo “lilmoo sana” akka deebi’ee fudhatu dubbate!
🩸 Dhiibbaan dhiigaa: 180/90 mmHg
🩸 Sukkaaraan dhiigaa (HbA1c): 10.3%
🤕 Dhukkubbii garaachaa cimaa qaba; qorannoon agarsiise — isteeroyidii fi Diclofenac yeroo dheeraaf to’annaa malee itti fayyadamuun miidhaa fidaa ture!
➡️ Kana jechuun — fayyaa yeroo gabaabaa argachuuf, balaa yeroo dheeraa ofiin uumeera!
⚠️ “Diclo + Dexa” – Miidhaa Suuta Jettuudha!
Hawaasni keenya bakka hedduutti “Diclo + Dexa” jedhu kana
akka qoricha dhukkubbii, hargansuu, alerjii, ykn marfata miira fayyaa ta’eetti fayyadama.
Namoonni hedduun maqaa garaa garaatiin ni waamu:
Garuu dhugaan jiru —
🚫 Ajaja ogeessa fayyaa malee kennamuu hin qabu.
🚫 Diclofenac fi Dexamethasone sirinjii tokko keessatti walitti makuun hin hayyamamu!
🚫 FDA fi EMA irratti qorichaa wal makamee akkasii tokkollee hin mirkanaa’in!
📊 Ragaa Qorannoo
📍 Qorannoon bara 2024 Finfinneetti gaggeeffame akka agarsiisutti —
namoota 5 keessaa tokko lilmoo ajaja ogeessa malee fayyadama; hedduun isaanii isteeroyidii (Dexamethasone) of keessaa qabu.
📍 Qorannoon bara 2023 immoo, dhaabbilee fayyaa sadarkaa duraa keessaa 37% keessatti lilmoon nageenya hin qabne akka kennamu agarsiise.
👉 Kun seenaa tokko qofaa miti — biyyatti mara keessatti babal’ataa jira!
💡 Maalif Namoonni “Diclo + Dexa” Filatu?
✅ “Lilmoon” saffisaan fayyisa jedhanii amanu.
✅ Ogeeyyiin tokko tokko maamila gammachiisuuf saffisaan furmaata kennu barbaadu.
✅ To’annoon laafaa fi ajaja malee kennamu.
✅ Miidhaan isaa yeroo gabaabaa hin mul’atu — garuu yeroo dheeraa rakkoo fida.
⚕️ Miidhaa Qorichoota Lamaan Irraa Dhufu
💢 Dexamethasone irraa:
1️⃣ Dhukkuba sukkaar
F.Negasa follow godha🙏