Gadisa Gemechu

Gadisa Gemechu Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gadisa Gemechu, Digital creator, Nekemte, Nek'emte.

 !  =====^^^======^^^^^=======   Sirni Jalqabsiisa Wiirtuu Kenniinsa  Tajaajila iddoo tokkoo Geggeeffame.Kantiibaan Maga...
11/06/2026

!
=====^^^======^^^^^=======
Sirni Jalqabsiisa Wiirtuu Kenniinsa Tajaajila iddoo tokkoo Geggeeffame.

Kantiibaan Magaalaa Naqamtee Obbo Meseret Hailu Gerbi Jalqabsiisa Kenna Tajaajila Iddoo tokkoo[MESOB] kana irratti argamuun akka jedhanitti Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo teknooloojii ammayyaa’aan kan deeggaramee fi Wirtuu kanatti tajaajilli kennamu fedhii lammiilee giddu-galeessa kan godhate taasisuu, mootummaa fi lammiilee gidduutti walitti-dhufeenya gaarii uumuu, alseerummaafi hojimaata badaa hambisuu, sirna iftoominaa kenna tajaajilaa dijjitalessuu, saffisiisuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa akka qabu ibsaniiru.

Magaalaa Naqamteetti sirna dijiitaalaatti fayyadamuun kenna tajaajila si’ataa, haqa-qabeessaa fi dhaqqabamaa taasisuuf wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo hundaa'ee hawaasni tajaajila barbaachisaa akka argatu taasifamee jira jedhaniiru.

07/06/2026

Haala Yeroo ilaalchisuun Ibsa Waajjira Ministeera Muummeerraa kenname.

Kallacha Oromiyaa,Caamsaa 28/2018 - Ebla 24, Bara 2018 ganama barii, daangaa hanga daangaatti magaalota gurguddoo hanga maagaalota xixiqqootti lammiileen Itiyoophiyaa hiriira dheeraa saa'aatii dheeraa kutannoo olaanaa agarsiisuun ba'anii mootummaa isaanii filataniiru.

Lammileen miliyoona shantamii afurii ol ta’an dirqama seena qabeessa kana raawwachuuf galmaa’aniiru.

Lakkoofsi kun lakkoofsa ummata waliigalaa biyyoota tokko tokkoo oli.

Filannoon kunis qaama dhugummaa isaa gaafatu kamiiifuu deebii ifaafi shakkii hin qabne kenneera!

Boordiin Filannoo Biyyoolessa Itoophiyaa buufataalee filannoo kuma 52 keessaa kanneen kuma 50fi 188 ol ta’an yeroon banamanii guyyaa guutuu filattoota keessummeessaa akka turan mirkaneesseera. Kaadhimamtoonni kuma10fi 438 ol paartilee siyaasaa 42 irraa dhuufanfi dhuunfaan kan dorgoman 80 kan ta’an teessoo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataafi Mana Maree Naannoo injifachuuf dorgomaniiru. Kunis ulaagaalee safaramuu danda’an kamiiniyyuu, seenaa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa diimokraasii isa guddaafi murtee dabarsuufis ta’e gama bulchiinsaatiin haala qindoomina qabuun hojiirra ooledha.

Gareen Taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa(AU), Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Kabajamoo Uhuruu Keeniyaataatiin durfaamuufi biyyoota Afriikaa 37 irraa mudamtoota 83 of keessatti qabate, filannicha 'haala seeraa fi caasaa bulchiinsa diimokraasii bal'inaan deeggaru keessatti kan adeemsifame' jechuun madaaleera.

Gareen Taajjabdoota Filannoo IGAD kan Itti-Aantuu Pirezidaantii Yugaandaa duraanii Kabajamtuu Speesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibweetiin(PhD) durasamu gabaasa kan jalqabaa baaseen, buufataalee isaan taajjaban hundatti saanduqni filannoo haala sirriitiin saamsamuu isaanii, bakka bu'oonni paartilee adeemsa guutuu keessatti argamuu isaanii, akkasumas filannichi guddina caasaa, bulchiinsaa fi teeknoolojii baay'ee ajaa'ibsiisaa akka argisiise mirkaneesseera.

Dursaan Taajjabdoota Filannoo IGAD filannoo kana 'filannoo boqonnaawwan haaraa hedduu' jechuun moggaaseera.

Komishiniin Mirgoota Namummaa Itoophiyaa (EHRC) adeemsa sagalee kennuu keessatti dhiittamni mirga namummaa kamiyyuu mudachuu dhabuu isaa mirkaneesseera.

Qindoominni Taajjabdoota Hawaasa Siiviilii dhaabbilee 55 Boordii Filannootiin beekamtii argatan irraa taajabdoota kuma 65fi 299 guutuu biyyattii keessatti bobbaasuun, buufataalee filannoo dhibbeentaa 99 irratti gufannaa tokko malee taajjabuuf carraa argachuu isaa mirkaneesseera.

Kunneen madaalliifi murtii dhugaa dhaabbilee biyyaalessaafi Ardii amanamummaa qabaniin kennameedha.

Miidhaa gocha jeequmsaa finciltoota ABO Shaneetiin lammiilee nagaa irratti, keessattuu dhaabbilee amantii keessatti xiyyeeffannoo godhatee raawwatame hordofuun; maatiifi firoottan isaanii kan dhabaniif, miidhaa qaamaa kan irra ga’eefi qabeenyi isaanii kan jalaa barbadaa’eef lammiilee keenya Godina Arsii keessa jiraniif Ministirri Muummee Abiy Ahimad(PhD) maqaa mootummaa Itoophiyaatiin gaddi guddaa itti dhaga’amuu ibsaniiru.

jeequmsi kun qaamolee guddina Itoophiyaa gufachiisuu barbaadan, gareewwan finciltoota keessoo naannoo Amaaraa keessatti socho’aniifi humnoota alaa guddina Itiyoophiyaa guutuu biyyattiif jibba qaban waliin qindoominaan kan raawwatame yoo ta'u; kaayyoon isaas Itoophiyaa keessatti tasgabbi dhowwuufi gufannaa filannoo uumuuf karoorra badii qophaa'e hordofee kan dhufedha.

Mootummaan filannoon waliigalaa 7ffaan tokkollee osoo dhimmi nageenyaa hin mudatiin haqa-qabeessaafi hirmaachisaa ta’ee akka xumuramuuf waggaa tokkoo oliif qophii addaa gochuun kutannoodhaan hojjechaa tureera. Karaa biraatiin, humnoonni badii dinagdeefi siyaasa alaa waliin hidhata tokkummaa uumuun kaayyoo isaanii badii galmaan ga’uuf qophii bal'aa gochaa turaniiru, filannoon biyyaalessaa akka hin raawwatamnes carraaqqii guddaa taasisaniiru. Akka qabatamaatittis yeroo filannoon duraafi yeroo filannoo keessatti mirgaafi bilisummaa filachuu lammiilee doorsisuufi gufachiisuuf harka isaanii kan badii diriirsaniiru.

Humnoonni diinaa kunneen wal-deeggaruu fi wal-qunnamuudhaan fincilaafi jeequmsa kaasuuf, magaalota gocha shororkeessummaatiin rukkutuuf, kellaawwan karaa irratti gocha sochii daangeessuufi naannolee murtaa’an keessatti addaan baasanii xiyyeeffannoo biraatiin miidhuuf socho’aniiru. Akka agarsiiftuutti, meeshaalee waraanaa, dhukaasaafi loojistikii biroo deeggarsaan dhiyeessuun naannolee muraasa kaaba Amaaraa keessattifi kibba Tigiraay daangessanii argaman irratti kaka'umsa badii raawwataniiru, Naannoo Amaaraa keessatti dabalatee magaala Bahir Daar, Gondor, Debre Birhaanfi Woldiyaa irratti akkasumas lammiilee nagaa xiyyeeffannoo godhachuun gocha shororkeessummaaf qophii taasisaa turaniiru.

Magaalaa Finfinnee keessattis garee dhokataa ijaarratanii naannolee filataman irratti miidhaa geessisuuf socho'anii kan turan ta'us yaaliifi shira badii kana fashaleessuun danda'ameera.

Waajjira Ministeera Muummee

Caamsaa 1,2018Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Wal harkaa fuudhinsi daangaa lafa baadiyyaa pilaaniidhaan gara Magaalaa Na...
09/05/2026

Caamsaa 1,2018
Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Wal harkaa fuudhinsi daangaa lafa baadiyyaa pilaaniidhaan gara Magaalaa Naqamteetti daangeffame gaggeeffame.

Kanaan dura Caaseffamni pilaanii Magaalaa Naqamtee lafa hektaara 8200 qofa irra kan ture yoo ta'u, bara kana pilaanii haaraa hojjetameen gara lafa hektaara 30,000tti ol guddachuu danda'ee jira.

Bu'uuruma kanaan Guyyaa har'aa daangaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamteefi Aanolee ollaa Godina Wallagga Bahaa gidduutti walharkaa fuudhiinsi lafa baadiyyaa pilaaniidhaan gara magaalaatti daangeffame bakka hooggantoonni Godinaa, Magaalaa, Aanolee ollaa argamanitti raawwatamee jira.

Walharkaa fuudhiinsi kunis Bulchiinsa Magaalaa Naqamteefi Aanoolee Guutoo Giddaa, Saasiggaa, Diggaa, Waayyuu Tuqaa gidduutti kan raawwatame yoo ta'u, Caaseffama Pilaanii haaraa kanaan Magaalaan Naqamtee lafa hektaara 8200 qofa irra turte yeroo ammaa gara lafa hektaara 30,000tti guddachuun kan babal'atteefi Magaalaa Naqamtee kanaan booda Kutaa magaalaatti qoodamuun kan caaseffamus ta'a.

Sirna wal harkaa fuudhinsa kana irratti Bulchaan Bulchiisa Godina Wallagga Bahaa Obbo Waggaarii Nagaraa haasaa taasisaniin, gaaffii yeroo dheeraaf ummanni gaafataa ture Mootummaan Naannoo Oromiyaa haala mijeessuun guddummaa magaalattii mirkaneessuufi Magaalaa qaroominaanis ta'e akka biyyaattis dinagdeen dorgomaa taasisuuf qorannoo gaggeessuun, yeroo ammaa magaalichatti gandoota Aanolee ollaa irraa itti dabaluun caasaa pilaanii haaraa qopheessuun daangaa lafa baadiyyaaf magaalaa mirkaneessuun isaa hawaasa keenyaaf baayyee murteessaa ta'uufi waliin taanee nageenya keenya mirkaneessuun biyya badhaateefi miidhagde uumuu qabna jedhaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obbo Masarat Haayiluu gama isaaniitiin, Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoodhaan Lafa Magaalomsuu, Nama Magaalomsuufi Mootummaa magaalomsuu jedhu milkeessuuf hojjechaa kan jiru ta'uu himanii, Wal harkaa fuudhinsi daangaa gaggeeffame kun, hawaasni gara magaalaatti dabalame jiruuf jireenya

  Ministirri Muummee   Ahimad (PhD) Magaalaa Naqamteetti argamuun misooma Koridarii  daawwatan.Magaalaan  Naqamtee Magaa...
19/02/2026


Ministirri Muummee Ahimad (PhD) Magaalaa Naqamteetti argamuun misooma Koridarii daawwatan.
Magaalaan Naqamtee Magaalaa Dhaloota egereef mijattee fi Waan Hundaan badhaate dha.

18/02/2026

Address

Nekemte
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gadisa Gemechu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share