Mirkanaa Mangashaa

Mirkanaa Mangashaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mirkanaa Mangashaa, Digital creator, Nekemt.

03/02/2024

Khuullee....naaf sagaleessaamee...ani kuullee jedheen sagaleessa. Haga ammaa barreeffama kana sagaleessuu hin dandeenye dhugaa waaqaa.

03/02/2024

Dhimma qubeetiif kan aaru, mi'aafi bu'aa qubeen isaafi sabasaaf buuse kan hubate. Gaashe Fedhasaa Taaddasaan gaafa dhimma kanarratti defense godhu, miira aarii keessaa bahaa jedha irra deddeebi'uun. Qubee laaqee baxabbaxee nama itti qoosu yoo argite aaruu dhiisii osoo kokkee qabdee huutee keessaa baafteeyyuu si hin gaddisiisu. Dhimmi qubee akka har'a itti qoosamu hin taatu. Wal-gaggalaafata taati jedhe Haceen osoo bakka dhugaa hin deemin😰

Waggaa kudhanii asitti gammachuun isa lagachuun hireen isaa imimmaan dhuguu qofa taate! Zenebe Ayana jedhama. Dhibee isa...
15/01/2024

Waggaa kudhanii asitti gammachuun isa lagachuun hireen isaa imimmaan dhuguu qofa taate! Zenebe Ayana jedhama. Dhibee isa muudateen kalee n isaa hojiin ala ta'uun waggoota kurnan walitti aananiif yaalii ogeessoonni fayyaa taasisaafi turaniin hanga har'aatti lubbuu isaa tursiisuu danda'aniis, yeroo ammaa dhukkubni isaa itti hammachuun kaleen isaa hojiin ala ta'e😭 akkas jedha yoo dubbatu. 'Yaalii Ogeessoonni fayyaa naaf taasisaa jiraniin biyya keessatti hanga har'aatti jiraachaan Jira. Kaleenkoo guyyaatti yeroo 2 miiccama Amma garuu, ogeessonni fayyaa biyya tti deemee akkan kalee kiyya jijjiradhuuf natti himan! Kanaaf, haati warraakoo kalee ishee akka naaf kennitu murteessitus Qarshii ittin deemuu Nan dhabe. Waggoota darba kanatti hiriyyoonnikoo fi firoonnikoo hanga humnaasaaniitii olitti nagargaaranis, qabeenyakoo hunda xumureera waan ta'eef adaraa uummanni Oromoo nabira dhaabbadhaa😭 Yeroo ammaa kana Qr miliona 2 ol biyyaa alaa deemee yaalamuuf waan nagaafateef, Amma kalee haadha manaakoo argadheen baasii ittin deemuu dhabe😭 Ogeessonni fayyaa yeroo ammaa yeroo gabaabaa keessatti deemtee hin yaalamtu taanaan carraan jiraachuukee baay'ee dhiphaadha naan jedhani'😭 jechuun imimmaanin maddii isaa dhiqaa dubbata! Kanaaf, sabni Oromoo qaqqabaafi!
Zenebe AYANA Darse
CBE: 100063581384
Awash: 0132014181000
📞Phone number 0910003781
Waan qabdanii tumsaa!

Warreen gandummaa malee, sabummaa keessaniin iyyitanii sabaa birmattanii; birmachiiftan.
Akka birmannaa taasistaniif isiniin jedha! Fayyaa hin dhabiina!

Share gochuun hiriyyoota keessaniin gahaa! "Rakkoon sabaa fi Amantii hin qabu"!

28/12/2023

Qilleensi bubbee ta'us
Akkam jirta abbaa firaa
Koochoon barrisee hin dhufu
Daandii gubbaarran jira
Ko'oommattuu deesseekoo
Firoomfattuu alagaa
Gammachuun kee hin hir'atin
Siif haa laatu waaqni nagaa🥰

30/08/2023

Be bright to accomplish something you believe in and plan for. Try it out. Don't hesitate to do whatever you have to do!. But don't get hurt!. Don't make unnecessary sacrifices!. You will never be born again!.

Marii araaraa   tti boor eegalu gama lachuu namoonni bakka bu'an beekamanii jiru.Mootummaa bakka bu'uun 1. Doc. Geediyoo...
24/04/2023

Marii araaraa tti boor eegalu gama lachuu namoonni bakka bu'an beekamanii jiru.

Mootummaa bakka bu'uun

1. Doc. Geediyoon Ximootiyoos
2. Amb. Reeduwaan Huseen
3. Kaffaaloo Tafarraa
4. Jeneraal Demis
5. Obbo Boonsaa

ABO-WBO kan bakka bu'an immoo

1. Jireenyaa Guddataa
2. Prof. Mohaammed Hassan
3. Obbo Tahaa Abdii
4. Paastor Bantii Ujuluu
5. Obbo Warquu

Qamni sadaffaan immoo
1. Mootummaa Keeniyaa
2. Mootummaa Norway
3. IGAD

Rabbi Haa Milkeessuu !

23/04/2023

Yaa waaq dhaloota seenaa hojjetame qofa dubbatu nu hin taasisin!. Dhaloota seenaa sanas beekee seenaa utubu nu taasisi!. Dhaloota seenaa hojjetee dhalootaaf olkaa'u nu taasisi!. Dhaloota eenyummaasaa guddisu nu taasisi!. Dhaloota eenyummaasaa tikfatu nu taasisi!. Dhaloota qe'eesaa eeggatu nu taasisi. Dhaloota afaan isaa guddifatu nu taasisi. Dhaloota afaan isaa teknoojiitti ol guddisu nu taasisi. Dhaloota aadaasaa eeggatu nu taasisi. Dhaloota rakkoo hawaasaa hubatee furmaata itti godhu nu taasisi. Dhaloota bakka jiru hundatti cimee guddina saba kanaaf tumsu nu taasisi. Dhaloota jireenya hawaasaa ammayyoomsee dhaloota itti aanuuf seenaa olkaa'u nu taasisi.

Yaa dhaloota ammaa....
Imaanaan gootota kaleessaa yeroo hunda nu keessa haa bulu. Nuti har'a bakka kaleessaa hin jirru. Goototni kaleessaa nu ceesisanii jiru. Oolmaa jaraatiin har'a geenye. Dhaamsa qabsaa'ota darbanii yeroo hunda haa yaadannu. Dhalootni qubee qabsaa'otaafi wareegamtoota kaleessaatiin har'a gahe qubeesaa haa tikfatu. Afaan isaa haa guddifatu. Eenyummaasaa haa tikfatu. Aadaasaa haa guddifatu. Jiruuf jireenya uummata keenyaa jijjiiruuf haa fuulleffatu. Tokkummaa saba kanaa tiksuurratti yeroo hunda haa xiyyeeffatu. Qabsaa'onni kaleessaa tokkummaam Oromoo akka meezoo tokkoon hin sharafamneef itti of wareegan. Seenaa sana dagachuun dhaloota qubeerraa gonkumaa hin eegamu. Yeroo hunda kaayyoon wareegamtoota Oromoo nu keessa haa bulu. Dhalootni qubee imaanaa guddaa of harkaa qaba. Goototni har'a nu biraa darbaa jiran, kan akka Wadaajoo, Goobanaa, Birraa, Hundeessaa...imaanaa ulfaataa nutti dhiisanii darban😓. Dhalootni ammaa imaanaa kana dhaloota itti aanuuf ceesisuun dirqama. Kaayyoo jaallan nu biraa darbanii kabachiisuun dirqama.
Dhalootni ammaa yeroo kamiyyuu caalaa yerootti imaanaa ulfaataa fuudhachaa jirru waan ta'eef dhaloota qoosaa qofa akka hin taane, dhaloota hojiis akka taanu, dhaloota seenaa hojjetus akka taanu waaqni nu haa taasisu❤

Address

Nekemt

Telephone

+251934391875

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mirkanaa Mangashaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mirkanaa Mangashaa:

Share