Gamada Gure

Gamada Gure Jireenyi qabsoo hin qabne lafarra hin jiru

27/05/2025

Tokko quufee deeffata
Kaan beela'ee hooqqata!
Kan gamaa buubbisu
Gamanas hin hanqatu!

Yoomi waan kuni?
18/05/2025

Yoomi waan kuni?

15/05/2025

Akeekkachiisa !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!

12/05/2025

"Gurraachaa fi adii keellodha bifti isaa
Uumamni ilmaa namaa kun baayโ€™ee dinqisiisa
Akkuma fuula isaatti baayโ€™ata haalli isaa
Nama jechuu kanaaf mee barbaadaa hiikkaasaa
Bineensa bosonaa hedduu sanyiin isaa
Kan amala ammaatummoo keessaa Leencaaf Qeerransa
Warra isaani wajjiin jiru riibaa keessa
Kan akka Kuruphee, Borofaaf Gadamsaa
Silaa akka humnaati nyaate dhabamsiisaa
Heera uumaa beekeeti qusatee waldhiisaa
Maaf jennaan bineensa
Haalaa bineensaarraa tokko tuqeen ibsa
Nyaattuun abbaa garaa kan hin quufne isa
Jennee kan amannu tokko waraabessa
Inniyyuu nyaata argatu yuusee walitti labsa
Obsaan wal eeggattee gamtaan itti marsa
Gammachuudhaan nyaate kolfee wal geggeessa
Namni waliin dheessa nyaattarratti wal ajjeessaa
Namamoo abbaan garaa dhiiroo waraabessa?" (Artist Aadam Haarun)

03/05/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Marroo Gadisal, Iyyasu Tamee

02/05/2025

Thomas_Sankara vs Blaise Camporรฉ
L M W vs 3A

30/04/2025

Lakkoofsi Shan maali, Oromoo biratti akkamitti ilaalama ? Dhugaa 15 kan 5'nee ibsan dubbisaa!

๐Ÿ–-Oromoon Gadaa shan qaba
1-Gadaa Birmajjii
2-Gadaa Duuloo
3-Gadaa Meelbaa
4-Gadaa Michillee
5-Gadaa Roobalee
๐Ÿ–-Oromoon hortee shan qaba
1-Maccaaf Tuulama
2-Ituuf Humbannaa
3-Raayyaaf Asaboo
4-Sabboof Goona
5-Sikkoof Mandoo
๐Ÿ–-Oromoon bokkuu shan qaba
1-Bokkuu Biifaa
2-Bokkuu Dikaa
3-Bokkuu Horaa
4-Bokkuu kallachaa
5-Bokkuu Roobaa
๐Ÿ–-Oromoon Yaayyaa shan qaba
1-Bannoo Galeessa
2-Boruu Biloo
3-Galleen Annoo
4-Golloo Goboo
5-Mannee Leeqaa Jaarsoo
๐Ÿ–-Oromoon Odaa shan qaba
1-Odaa Bisil
2-Odaa Bulluq
3-Odaa Bultum
4-Odaa Nabee
5-Odaa Roobaa [ Odaa Tarbii ] hin dabalatu ๐Ÿ˜€
๐Ÿ–-Oromoon seera Walaabuu shan qaba
1-Seera Tajoo
2-Seera Faanoo
3-Seera Innoo
4-Seera Irroo
5-Seera Latoo
๐Ÿ–-Oromoon Waayyuu shan qaba
1-Dhaha-dhooftuu
2-Ekera-dubbistuy
3-Huchuu
4-Mallima
5-Qaalluu
๐Ÿ–-Amantiin Oromoo Waaqeffataan daandii shan qaba
1-Damboomsa
2-Haaromsa
3-Gaaromsa
4-Namoomsa
5-Hundeessa
๐Ÿ–-Oromoon mulannoo shan qaba
1-Badhaadhummaa
2-Gaarummaa
3-Gammachuu
4-Mo'aa
5-Namummaa
๐Ÿ–-Oromoon ayyaana mo'aa shan qaba
1-Aarsaa
2-Booranticha
3-Gijaaree
4-Gindiika
5-Urgooftuu Mo'aa
๐Ÿ–-Oromoo biratti mo'aa ta'uun waan shan of keessaa qaba
1-Arjummaa
2-Dhugaa jaallachuu
3-Gootummaa
4-Haayyummaa
5-Obsa
๐Ÿ–-Oromoon seera Gadaa shan qaba
1-Seera Safuu
2-Seera Asaasaa
3-Seera Dhowwaa
4-Seera Basaqqeessaa
5-Seera Gooroo
๐Ÿ–-Horri Oromoo kutaa shan qaba
1-Ittisa
2-Baqassaa
3-Faxxaana
4-Naanniga
5-Qaawwaa Eelaa
๐Ÿ–-Manni Oromoo kutaa shan qaba
1-Goorduba
2-Dinqa
3-Gola mirgaa
4-Gola bitaa
5-Bakka abiddaa
L. C. L

27/04/2025

Wanni Siif Uumame Sin darbuu.
Wanni Si darbee Siif hin uumamne!

Galma'aa jedhaniiru
22/04/2025

Galma'aa jedhaniiru

แˆ›แˆตแ‰ณแ‹Žแ‰‚แ‹ซ

แˆˆแ‰…แ‹ตแˆ˜ แˆแˆจแ‰ƒ แ•แˆฎแŒแˆซแˆžแ‰ฝ แ‹จแˆ˜แ‹แŒซ แˆแ‰ฐแŠ“ (Exit Exam) แˆแ‹แŒˆแ‰ฃ https://exam.ethernet.edu.et แ‹จแˆšแˆˆแ‹แŠ• แˆŠแŠ•แŠญ แ‰ แˆ˜แŒ แ‰€แˆ แˆ˜แˆ˜แ‹แŒˆแ‰ฅ แ‹จแˆšแ‰ปแˆ แˆ˜แˆ†แŠ‘ แŠฅแŠ•แŒˆแˆแŒปแˆˆแŠ•แข

20/04/2025

Bakkuma jirtanii fi haaluma keessa jirtanin baga ayyaana faasikaa geessan!.
Happy Easter!

Isin amantii adda addaansanyii tokko taatanNuti amantiin tokko taaneeNama meeqa taane=====Eebila 15/2025Guyyaa wareegamo...
15/04/2025

Isin amantii adda addaan
sanyii tokko taatan
Nuti amantiin tokko taanee
Nama meeqa taane
=====
Eebila 15/2025
Guyyaa wareegamoota dhugaa
Kan hin aalle haqa

Maal jedha barreeffamni afaan Oromoo kun jamaa?
14/04/2025

Maal jedha barreeffamni afaan Oromoo kun jamaa?

Address

Nekemte

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gamada Gure posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share