Sagni Gamula

Sagni Gamula I'm love mam🤱and dad👦
I'm Christian 🙏✝️
I'm like football ⚽
I'm love man united

“Mootiin Chaayinaa yoo dhufellee Oliisee hin gurgurru,” jedhan Ulii HunaasPirezidaantiin kabajaa Baayermuunik Ulii Hunaa...
02/08/2026

“Mootiin Chaayinaa yoo dhufellee Oliisee hin gurgurru,” jedhan Ulii Hunaas

Pirezidaantiin kabajaa Baayermuunik Ulii Hunaas Riyaal Maadriid Oliisee barbaaduun “na kofalchiise” jedhan.

Fedhiin Riyaal Maadriid Oliiseedhaaf qabu “qoosaa” jechuun kan ibsan pirezidaantichi kontiraata waggaa sadii akka qabuu fi isa fudhachuun akka hin danda'amne dubbataniiru.

Itti dabaluudhaanis, “Mootiin Chaayinaa yoo dhufellee ammatti dhimma Oliisee maryachuuf hin teenyu” jedhan.

“Kun Diyaaziifis ni hojjeta. Sarara fuulduraa addunyaa kanarraa isa gaarii ta’e qabna, isaan keessaa tokkollee hin gurgurru,” jechuun pirezidaantichi dabalaniiru himaniiru.

Kaarloo Anchelootiin Neymaar garee waancaa addunyaa bara 2026 Biraazil keessatti hammatamuusaa irratti gaabbii hin qabu ...
02/08/2026

Kaarloo Anchelootiin Neymaar garee waancaa addunyaa bara 2026 Biraazil keessatti hammatamuusaa irratti gaabbii hin qabu jedhan. 🤝🇧🇷

🗣️"Sadarkaa teeknikaatiin akka danda’a jedhamee abdatametti gumaacha hin goone natti fakkaata, sababiin isaas hin dandeenye. Garuu gama ilaalchaan ilaalcha baay’ee gaarii ture. Jaalala guddaan isaaf qaba." Jedhan.

Seelta Vigoon Altaayi Baayindir ergisaan fudhachuuf Maanchistar Yunaayitid waliin walii galtee irra ga'aniiru. Taphataan...
02/08/2026

Seelta Vigoon Altaayi Baayindir ergisaan fudhachuuf Maanchistar Yunaayitid waliin walii galtee irra ga'aniiru. Taphataan kun torbee dhufu Vigo gahuu akka danda'uuf dhuma torbee kanaa irratti sanadoonni ni wal jijjiiramu.

🚨🔴 Michael Carrick waa'ee bilbila ajaa'ibaa Bruno Fernandes irraa argate dubbate!Manchester United erga Atlético Madrid ...
02/08/2026

🚨🔴 Michael Carrick waa'ee bilbila ajaa'ibaa Bruno Fernandes irraa argate dubbate!
Manchester United erga Atlético Madrid 2–1 injifatee booda, Carrick bilbila Captain club Keenya Bruno Fernandes irraa argateera. 📞🔥
Bruno akkaataa taphni garee sun itti deeme, humna, tokkummaa fi kutannoo taphattootaa dinqisiifachuun isaa ibsameera.
Akkasumas Bruno leenjii dhuunfaa isaa Portugal keessatti ture addaan kutuun, saffisaan Manchester deebi'ee garee waliin leenjii jalqabuuf fedhii guddaa akka qabu himeera. ❤️
🗣️ “Har'a garee ilaaluun koo maaliif deebi'uu akka barbaadu na yaadachiise. Guyyaa jalqabaa irraa kaasee kutaa garee kanaa ta'uu barbaada.” — Bruno Fernandes
Kun amala hoogganaa dhugaa dha! 👑🔴
Tokkummaa, kutannoo fi fedhiin injifannoo jiru Manchester United keessatti mul'achaa jira. 💪🔥

02/08/2026

wantan post godhu namoota baayyee bukkee waan hin geenyeef like follow share gochuun na bira dhaabadha.

tap tap please🙏

🚨🔴 Maatiyaas Kunhaa 🇧🇷 Biraazil keessatti suuraan isaa guddaa ta'e daandii irratti kabajaan kaafameera. Suuraan kun Danc...
01/08/2026

🚨🔴 Maatiyaas Kunhaa 🇧🇷 Biraazil keessatti suuraan isaa guddaa ta'e daandii irratti kabajaan kaafameera. Suuraan kun Dance kabajaa isaa beekamaa ta'e, jechuunis yeroo goolii lakkoofsisu agarsiisa surfing 🏄🏽‍♂️ jedhu agarsiisa.
Suuraan kun deeggartoota naannoo sanaatiin kan hojjetame yoo ta'u, hojii isaa dirree irratti agarsiise fi Biraaziliif Waancaa Addunyaa 2026 irratti taasise kabajuuf qophaa'e. ❤️🤝
Kabajni hojii cimaa hordofa.! 🔴🙌

Maark Kukureyaa,Maak Alisterii fi Saakaan haala murmurannaa rifeensa isaanii jijjiirrataniiru.Kan eenyuutu bareeda jettu...
01/08/2026

Maark Kukureyaa,Maak Alisterii fi Saakaan haala murmurannaa rifeensa isaanii jijjiirrataniiru.

Kan eenyuutu bareeda jettu?

🚨MIRKANAA'EERA. Marcus Rashford leenjisaa Michael Carrick amansiisuun gara karoorawwan garee jalqabaatti deebi'uu danda'...
01/08/2026

🚨MIRKANAA'EERA. Marcus Rashford leenjisaa Michael Carrick amansiisuun gara karoorawwan garee jalqabaatti deebi'uu danda'eera; kanaanis uffata lakkoofsa 11 isa seena qabeessa ta'e sana uffachuuf qophiidha! 👀💥

Gama biraatiin… Matheus Cunha gurmuu uffata lakkoofsa 10 akkuma qabatetti fufa 🪄🇧🇷 —

Eegaa gara marii keenyaatti haa deebinu… 🗣️

Rashford lakkoofsa 11 uffatee gara tapha Yuunaayitaditti deebi'uun isaa… Isin deebii isaatiif qophiidhaa dhaa? Moo tarkaanfii sodaa fi balaa qabudha jettu?

Kuni Rashford-fiis deebii haaromsaa fi ka'umsa fooyyee ta’uu danda’a… ykn immoo jalqaba falmii fi jeeqummasa biraa ta'a? 😬🔥

Meendiin waancaa addunyaa gurgure“Waancaan kun kan kooti,waanan barbaaden godha” Beenjaamiin MeendiiTaphataan Firaansi, ...
01/08/2026

Meendiin waancaa addunyaa gurgure

“Waancaan kun kan kooti,waanan barbaaden godha” Beenjaamiin Meendii

Taphataan Firaansi, Beenjaamiin Meendii, waancaa Addunyaa bara 2018 injifate, badhaasa fakkattii waancichaa kan isaaf kenname akka gurgure gabaafameera.

Murtoon isaa kun erga ifa ba'ee booda mormii fi qeeqa cimaa hordoftootaa fi jaallattoota kubbaa miillaa irraa isa mudateera.

Meendiin qeeqa kanaaf deebii kenneen, "Waancaan sun kan koo dha,kan keessan miti" jedheera.

Itti dabaluudhaanis, "Waancaa sanaan waanan barbaade nan godha. Kana malees saanduqa waancaa koo keessatti iddoo baay'ee na jalaa qabatee ture" jechuun dubbateera.

Kana qofa osoo hin taane, "Ammas waanan gurguru hedduun qaba" jedhee, waancaawwan Maanchester Siitii waliin mo'ate illee gara fuulduraatti gurguruu akka danda'u akeekkachiiseera.

🟢Seera haraa gara Pirimeer Liigii Inglaand dhufuu jiru. Goolii eegaan dirree iratti yaaliin yoo kan taasifamuuf ta'e, id...
28/07/2026

🟢Seera haraa gara Pirimeer Liigii Inglaand dhufuu jiru.

Goolii eegaan dirree iratti yaaliin yoo kan taasifamuuf ta'e, iddoo isaa taphataan tokko daqiqaa tokkoof ala kan turu ta'a.

Taphataa dirree irraa bahu leenjisaan garee seekoondii 10 keessatti filachu qaba.

Abban murtee yoo filachuu baate duursaan garee daqiqaa tokkoof ala kan turu ta'a.

Kanaan dura Geeba Addunyaa iratti taphatoota dirree iratti yaaliin taasifameef daqiiqaa tokkoof ala akka turan seerii jedhu hoojiirra oolee ture. Amma kan goolii eegaas itti dabalameera.

Address

Nekemte
Nekemte
LALO

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagni Gamula posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share