16/08/2025
Qotiyyoo qonnarra oolan dheechisuuf, dimimmisa subii lafaa yaafattee baata. Niqorra; nidhaamota. ‘Kirkir, ititit’ jechaatuma midhaaniifi qotiyyoo gidduu dhaabatta. Qotiyyoon tokko tokkotu kaakaatuudha. Tasgabbiin bira hin jiru. Margarra adeemaa marga biraa barbaaddi. As-fiigdee achi fiiguun boqonnaa nama dhowwatti. Utaaltee mataa midhaanii kutti. Irra dhaabbatanii dheeduutu bira hin jiru. Kelkel, felfel jetti. Isaan akkasiitti nama guba. Sagalee dheekkamsaafi miira aariin walmakeen, “Eessa___kee dhaqxa? Maal__kee nagubda; ati maaluma dhabde?” jechuun, waanuma baattuun murxuxxista. Milkooftee yoo gaafatti gore, ‘Kuwaa’ godha. Lafa kana ittiin mara. Yeroos akkatti garaan ofii qabbaneeffatuu? ‘Haadha*aawuu!’ dubbii murxuxxicha booda afaanii nama baatudha.
Tokko tokkommoo nidheeda; garuu naga'ee hinbeeku. Ofuma kanarratti nyaata; garuu garaa hin kaafatu. Horiin akkasii horii mitiim; kallaabbaa horiiti malee. Waanuma afaan hidhaarra oole fakkaata. Siif hinafne, galata garuu namaaf hin kennu. Kelkel, felfeliin bira hin jiru. Tasgabbiimmoo qaba. Hin jarjaru. Hin jeequ. ‘Maalumaaf garaa hin kaafatuu?’ isumaaf jecha isatti aarama.
Yeroo qarri biiftuu muldhachuu eegaltu, boquu olqabattee, gara qe'ee warraa ilaalta. Aarri guutuu mana citaa keessaan boq jechuu eegale, abdii namatti hora. Gola dubartoota qaxaleeti. Dopheen dubartii...lafa ciistee kan hin kaane... Hojiinis kan hinsi'oofneef... mannis hinaaruuf, yeroonis dandeessee maatiishee bakka bakka isaan deemanitti hingeggeeffatu. Urgaan foolii buna akaayaamutti jiruu, halaalatti nama sipha. Yeroo kana nawaamu yookiin dhufanii na erguutu abdatama. Utuu hinturiin, ‘Quhaa quhaa’ sagalee jedhu dhageessa. Milikkita abdii; sagalee mooyyee tumamuuti. Ni iyyiti; garuu dirmataa hinqabdu.
“Barii raffisaan deega farrisaa”
Jiruuf jireenya baadiyyaa!
Guutuun mana kanaa
Garaa nama booressa!