Karaa lakkuu

Karaa lakkuu Deemsa kayyoo The two ways life way and evil way

12/02/2026
SEENSA Kitaabni kun kitaaba hafuura jireenya amanaa tokko sirriitti of ilaalchisuudha jedheen amana. Qabiyyeewwan hedduu...
01/01/2026

SEENSA

Kitaabni kun kitaaba hafuura jireenya amanaa tokko
sirriitti of ilaalchisuudha jedheen amana.
Qabiyyeewwan hedduu kan of keessaa qabuu fi waa'ee
jireenya guyyaa booddeetti kan xiyyeeffatee dha.
Akkuma kitaaba kana dubbisteen jireenya kee irratti
jijjiiramni akka ta'u nan amana. Kanaaf nuffa tokko
malee akka dubbistu; dubbisuu qofaas utuu hin taane
jireenya keetti firoomsitee akka ilaaltu dhaamsa kooti.
Dubbistee fixuuf yeroo muraasa si fudhaachuu danda'a;
garuu of keessaa yoo qabaatte bara ati jiraattuuf galaa
sif ta'a jedheen amana.
Kitaabni kun tajaajila kee irratti, jireenya hawaasa
waliin jiraattu keessatti jijjiirama amala gaarii akka ati
fiddu, akkasumaas jaallatamuummaan ati waldaa
keessattii fi biyya keessatti qabdu akka dabalu shakkii
hin qabu. Kun akka ta'uuf kadhata kooti. Gooftaan
hafuura hubannaa fi ogummaa sif haa kennu.
Gara mata duree kitaabichi irratti xiyyeeffatuutti
yommuu deebinu ‘Oolanii oolchuu’ kan jedhu kun
ergaan isaa ifaadha jedheen yaada. Sababni isaa
abboonni keenya gaafa mammaakan, "Ibidda nama irra
bu'e dura of irraa buusani, ergasii nama irraa buusu"
jedhu. Oolanii oolchuun dhaamsa kana of kessaa qaba. 6 OOLANII OOLCHUU
Namni tokko waa'ee mootummaa Waaqayyoo namatti
himuun dura ofii itti amanuu fi beekuu qaba. Yoo akkkas
ta'uu dhaabaate akka nama bifa qilleensaa himuu ta'a;
kun immoo wallaalummaa nama sanaa mul’isa.
Kanaaf namni barreefama kana dubbisu marti akka of
argatuun barbaada. Erga nyaannee nyaachisuun salphaa
dha. Kanaaf dursa jireenya kee hanga ga'umsa kee yoo
beekte miidhama dhufu mara irraa in oolta. Jireenyi
kristiyaanummaa immoo ofii mijeefffatanii taa'uu miti;
isa badees barbaaduudha malee. Macaafa Qulqulluu
keessa jireenya nama Waaqayyoo Eliyaasiin yoo ilaalle
fakeenya gaarii nuuf ta’a jedheen yaada. Eliyaas nyaatee
deebi'ee rafe; ergamaan Waaqayyoo immoo isa
dammaksee, “Ammas ka'ii nyaadhuu dhugi! Karaan si
dura waan jiruuf” ittin jedhe. In

13/12/2025
25/06/2025

Address

Kingdom Of God
Nekemte

Opening Hours

09:00 - 17:00

Telephone

+251921179420

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Karaa lakkuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category