02/04/2021
Oduu Ammee
Eegdonni Hayyu duree ABO Obbo Daawid Ibsaa tika mootummaatiin butaman...
Guyyaa har'aa waardiyyoonni Mana jireenyaa Obbo Daawid Ibsaa lama Dargaggoo Yoonus Alii fi Kadir Immiruu jedhaman tika mootummaatiin bakka eegumsarra jiranii butamuu isaanii qondaalli Adda Biliisummaa Oromoo Obbo Lammii Gammachuu OMN-tti himan.
Akka Obbo Lammiin jedhanitti, har'a ganamarraa kaasuun namoonni kunniin hojii idileesaaniitti bobba'uun eegumsa mana jireenyaa Obbo Daawidiif taasisaa kan turan yoo ta'u, namoonni siivilii ta'an muraasni bakka sana dhufuun waraqaa eenyummaa tika ta'uusaanii mullisu agarsiisanii utuu baayyee hin turin, Konkolaataan poolisii Federaalaa dhufuudhaan namoota kana ukkaamsanii fudhatan.
Eegdonni dhuunfaa Obbo Daawid Ibsaa butaman kun yeroo ammaa kana garam akka geeffaman beekamaa miti kan jedhu qondaalli ABO OMNiif yaada kenne kun, Guyyaa kaleessaas, Waardiyyoonni waajjira Dhaabaa isa Muummichaa Gullallee ta'an, Obbo Odaa Jabeessaafi Dureessaa Tulluu tika mootummaatiin butamanii yeroo ammaa kana Buraayyuutti hidhamanii jiraachuu isaanii Obbo Lammiin himaniiru.
Haalli Naannoo mana jireenya Obbo Daawid Ibsaa maal fakkaata jechuun gaaffii gaafanneef deebii yoo laatan, hanga ammaatti eegdonni sun ukkaamfamuu malee wanti haaraan akka hin jirreefi Obbo Daawid Ibsaa nagaa qabaachuu isaanii OMN-tti himeera.
Dhumarrattis Waajjira Adda Biliisummaa Oromoo kan Gullalleefi Mana jireenyaa Obbo Daawid irraa eegdonni butamanii hidhamuun iccitii inni of duubaa qabu beekuu baannus nu yaaddessa jechuun kan dubbatan Obbo Lammiin, 'ta'us ammoo sodaa hin qabnu' jechuun yaada isaanii OMN-tti himaniiru.