Global Affair

Global Affair Simbirroon muka irra teesse tokko dameen muka sanaa hin caba jettee hin sodaattu, sababni isaas amantiin ishee damee muka sanaa osoo hin taane koochoo isheeti.

Maalidha jechuun sirrii mitii tarii maaltu beeka sa'aatii gaafachaa jirti ta'aam itti siqxe.
27/12/2025

Maalidha jechuun sirrii mitii tarii maaltu beeka sa'aatii gaafachaa jirti ta'aam itti siqxe.

13/12/2025

😭 Bar tokko Balaa tasaa Mana Barumsaa koo qaqqabee tureen lubbuun barattoota 7 darbe😭
An Garuu akka tasaa Yeroo Balaan sun ta'e Mana fincaaniin ture. Mana Namaa taa'ee Rakkina meeqaan sababan baradhuuf Lubbuun koo oolte jedheeman Raajeffadhe.Rabbi Nabsee isaanii ha maaru malee Maatii Barattoota du'an sanaaf Beenyaa Qarshii Million 3 kaffalameef. Yoona kana Namtichi An bira taa'ee baradhu kana dhaga'ee "Fincoo kee ha qabuuti Class keessa gab jettee hin teessuu,Kunoo Du'a Irraa haftee Million 3 na dhabsiiste🤬" Naan jedhe. duriiyyuu du*aa koo ergaan jedheem nani

04/12/2025

✍️Waaqatti hin sagadiinaa

Ani waan tokkon qaba
‎Waa'ee waaqaa qeeqa
‎Waaqnumti jeettan kunii
‎Eesumatti isin beekaa?

Mee natti hima mee
Eesumatti agartanii
Guyyaa tokkoof beektu
Karaa isaa dabartanii

Akkamiitti itti sagaddu
Sammuu hin qabdani
Maalif rakkattu mee
Karaa irraa dabdanii

Waaqa waaqa jettuu
Galgalaa fi ganamaa
Eessare natti himaa
Iddoo kamitti argama

Namni of danda'aan
Kan in taane rakkataa
Mee Maaluma ta'eeti
Waan in jirree kadhataa?

Naannoo kam Jira
Waaqni jettaan kunii
Deebii naaf deebisa
Sinirraan qaba komii?

Harkaaf miilaan qaba
Hoomaa hin qabu hirruu
Ani of danda'aa namaati
Waaqni na faana in jiru

Jedhee in haasa'u
Hanga kee wallalee
Eeyyeeni ati waaquma
Waaqa waaqa caale

Ani si qofaan beeka
Kan du'a salphisee
Bolla du'a cabsee
Kan Qullatti hambise

  ***************************1:- Namootni obbbolaan dubaraa lamaan fuudhan woliif GOBBAANII jedhamu.2:-Dhiirri hin fuudh...
30/11/2025


***************************
1:- Namootni obbbolaan dubaraa lamaan fuudhan woliif GOBBAANII jedhamu.
2:-Dhiirri hin fuudhin QEERROO,dubarri hin heerumin immoo QARREE jedhamti.
3:-Obboleettiin kee,haadha manaa teetiif SAYYUU jedhamti.
4:- Horiin LOON yoo jenne Hoolaaf Re'een immoo BUSHAAYEE jenna.
5:- Aannaniif DHADHAA Bunaaf RAJAA jenna.
6:-Horiif DIL'UU yoo jenne, kotte duudaaf COOFIRA Namaaf immoo OBBAATII jedhama.
7:-Dubartiidhaan ulfi IRRAA BA'E yoo jenne horiin immoo GATATTE jenna.
8:- Daa'ima abbaaf haati irraa du'an YETAAMA jedhama.
9:-Sa'a jabbii malee elmamtuun HARKUU jenna.
10:-Saani daftee dhaltu TAADHII jedhamti.
11:-Saani Aannan baay'ee hin qabne BAAKKUU jedhamti.
12:- Saani osoon elmamin bulte BIRRII jedhamti.
13:- Saani Osoo hin dhalin dulloomte DHANKAAKA jedhamti.
14:-Dubartiin deettee ciiftu ULMAA jedhamti.
15:-Kormi Cidhaan tokkoo DABEENUU jedhama.
16:-Namaaf MANA,Hoolaaf GOORUU,Gaalaaf MOONAA jedhama.
17:-Horiif RIMAA qabatte, Gaalaaf immoo GOOJJE Jenna.
18:- Intalli osoo hin heerumin mana worraatti yoo deesse ,QUMAANXAA deesse jedhama.
19:-Kormi Gaalaa KARAADICHA jedhama.

Hubadhu!
*Arguun dhagayuu akka caalu.
* dubbisuuf yeroo qabaadhu, hundee beekkumsaatii...
* Hojjachuuf yeroo qabaadhu, hojiin hundee jireenyaatii...
*yaaduuf yeroo qabaadhu, burqaa dandeettiitii...
*Barachuuf yaali, yoo Carraaqxu argachuuf jirtaatii...
* Aabjuu sodaaf,hirriba hin dhabin...
Qo'achaatiin qabsoofna!!


Horaa bulaa deebanaa!!!!!!

Kan dubbisnee irraa isiniif qoodne yaada isinitti tolu keessaa fudhadhaa isa dogoggora tahe comment jalatti sirreessuun nuuf barreessaa.

23/11/2025

Saaksii shamarranii fi hiika isaa!😂
Part 1👋🤪
1. Haati manaa kee sitti dheekkamtii rafi! Hiika isaa: haadha manaa qabda moo hinqabdu?🤔

2. Manaa ba’uu hin danda’u.
Hiika isaa: si arguu hin barbaadu!🙄

3. Bilbillikoo charge cufuufi!
Hiikasaa: sitti haasa’uun na jibbisiisaa jira😞

4. Balance’n koo narratti dhumaa jira!
Hiika isaa: kaardii naaf guuti rakkataa wayii!🙂

5. Hirribni na ajjeeseera! Hojiirran oole!
Hiika isaa: haasa’uu barbaadaa hin jiru maaf siingalu maaf dhagaa taata?😁

6. Deebisee siif bilbiluu?
Hiika isaa: gonkumaa siif hinbilbilu nan eegin!🫡

7........

Yoo like emoji Kun 😁 30 ol seene part 2 ffaa ittin fufaa

Let's be like 👇

25/10/2025

Oromoof amhaara afaan walii hin beekne gaafa waliin haasa'an
Amhara👉ምን ትላለህ❓
oromo 👉 lakki waaqni ija koo haa jaamsu an sin ilaalle

18/10/2025

Singer Solomon Alemu

Elaa anumti kuni
Inni amma dheegassan sagaleesaa Aaaa
Yesuus ta'e utubaa koo
Jiruu koof tottolche dagaleesaa
Itti yaadee na waame lakkii innoo natti hin gorre karaarraa Aaaa
Eenyuun of ergisaree uumaa koo
Nan faarfadha garaarraa Aaaa
Kan dacheetti na hiqsu
Hawwa ishii waadeen
An biyya lafaa kaade
Utu aduun hin lixini
Kan faloo falate
na kan lammaffaa dhalate
Kan dhacheef na marmaarsu
Jiidha ishii waadeen
An biyya lafaa kaade
Utu aduun hin lixini
Ka yesuus filate
na kan lammaffaa dhalate

Foolii urgaasaan
Foolii urgaasaa Na suufsise waamicha mi'eessee
Akkan fiigufi
Akkan fiiguuf Gara isaatti miilla na si'eesse
Sagaleesaan
sagaleesaa marartootin Booresse garaa koo
Koloniisaa
Koloniisaa Jalan seene dhaale maraako

Kakawweessa koo kakawweessa'uu
Sagaleensaa urgufu maccoota
Balaqqeessa koo balaqqeessa'uu
Calaqqeensaa gab godhu maccoota
Labobeessa koo labobessa'uu
Homtuu qeeqne hin tuqnes qubaanu
mal dhoksuree maccattan odeessaa laalaa karaasaatin qabbana gubaanuu

Isa ijoolle itti waamamni koo
Innan faarsee jalloota aarsuu
Eenyutu ormaaf kenne qabiyyeesaa kanumsaati akkin itti faarsu *4

Uumamuun koo takkaa waafi
Mootii koof hojjedhee darbuufani
Isan yaaduuf isan saadu
Addunyaan kun akka arguufani
Hin barbaadu lakki an hawwee hin beeku of garboomsuuf gonka garaaf ani

Mootii haasasaan dachee raasu
Inni jaalko kottaa baraafani
Ilaa na baraa maalo
Mee baraa
Elaa na baraa kottaa
Kottaa baraa
Elaa na maalo
Mee baraa
Elaa na baraa isaani
Kottaa baraa
Mootii ifaa isa qajeelaa
Mee baraa
Sichuun faarfadha eeka
Kottaa baraa
Haqa hanqaqni hin micciirre
Mee baraa
Isa gootni eegaa beekaa
Kottaa baraa
Karaadha inni dhugaadhaa
Mee baraa
Jireenyatti tarsiisa
Kottaa baraa
Maqaansaa moo yesuusi
Mee baraa
Warra hin beeknen barsiisa
Kottaa baraa

Tokko ha fiigu tokko ha dhiisu
Tokko ha ijaajju tokko ha ciisu

16/10/2025

Beeksisa Fuudha

Shamarri Ulaagaa armaan gadii kana guutuu dandeessu keessan hello jedhi

1ffaa. Mana Abbaa ciisichaa 3 Finfinnee Boolee keessaa kan qabdu yoo ta'e

2ffaa Makiinaa V8 Ykn Mercedes-Benz qabdu yoo ta'e

3ffaa kan hin dhugne kan hin qamaane yoo taate filatamaadha

4ffaa Umrii rakkoo hin qabu inni lakkoofsa waan ta'eef

5ffaa Ilaalcha Siyaasaa kam irraayyuu bilisa kan taate. Garuu jarsicha jaalachuu qabdi.

Ulaagaa kenneen guutuu yoo dandeesse ammuma hello jedhi🙏🏿 for call for __Bariisoo Birhaanuu

11/10/2025

Barsiisaa: "Har'a maaliif guyyaafattee?"

Barataa: "Harmee fi Abbaan wal lolaa waan turaniif"

Barsiisaa: "Kan harmee fi Abbaan kee wal lolan maaltu mana baruumsaa barfachuu waliin wal qabsiisa"

Barataa: "kopheen koo inni miila tokkoo harmee koo harka inni miila tokkoo immoo Abbaa koo harka ture."

Takka kolfaamee jedheen!🙏

06/10/2025

Baacoo kana ittiin bohaaraa
=======================
Gurbaa tokkotu yuunivarsiitii mootummaa irraa ogummaa injiinaraatiin eebbifamee hojii dhabee taa'a ture. Hiriyaan isaa tokko garuu kiliniika banatee keessatti hojjachaa
jira. Innis kilinikaa banachuuf murteesse.

Akkuma murteesseen banate. Balbala kiliniikicha irratti beeksisa Yaala kamuu qarshii 300 qofaan raawwanna. Yoo yaaluu dadhabne qarshii 1000 deebisnee isiniif kennina kan jedhu maxxansee jira. Namichi qaroon tokko osoo karaa irra darbu beeksisa
kana argee "Eeyye qarshii kana argachuun qaba" jedhee murteeffatee olseene.
"Maal taate?"jedhen doktoriichi.

namichi "Arrabni kiyya naa dhandhamuu didee jira" jedhen. doktoriichi narsii waamee "Ilaa dawaa sanduuqa lakkofsa 22
keessaa fidiif" jedhee narsittii ajaje. Isheenis daftee deemtee qoricha qabdee dhufte.

"Mee xiqqoo ishee dhugi " jedhe doktoriichi namichaan. Namichis irraa fuudhee
dhuge. "yaa rabbi...tu..tu fincaan na obaastaa?" jedhe namichi doktoriichaan.

"Wow baga gammadde arrabni kee amma sirritti dhandhama. Baga fayyite" jedhee harka dhaheef. Namichi qarshii 300
kafalee bahe. Namichis ofitti aare. Nyaachuuf nyaattame kaa. Ammas mala biraa malutti ka'e. Akkaataa qarshii 300 san ittiin deebifatuun.

Malas argatee gara mana yaala saniitti qajeele. "Maal taate har'a? Baga nagaan dhuftes" jedhe doktoriichis. "Dandeetti waa yaadachuu kootu bade yaa dr" jedhen.

"OMG kun balaa guddaadha" jedhee narsattii waame. "hatattamaan dawaa lakkofsa 22 qabii koottu" jedhee osoo
hin xumurin; namichi "dawaan lakk 22 sun
fincaaniimii; naa hin fidinaa" jedhe.

doktortichi ol ka'ee harka dhahaa "Baga gammadde dandeettiin waa yaadachuu kee sii deebi'eera" ittiin jedhee har'as qarshii 300 irraa fudhatan jedhama.

Hojii dhabne jettanii abdii hin kutatinaa. Hojiin lafa jira waan ta'eef uumaa itti fayyadamaa.

Maddi : kanaan dubbiseerra!

Maxxansa mimmiidhagoo Akka Kanaa Argachuuf Follow Godhaa

03/10/2025

Gorsa onneerra madde!🫡
1. Hammam yoo jaallatte iyyuu, Uumphaaa jettee text hin barreessiniif.😁 Dhungachuu yoo barbaadde deemi dhungadhu malee qubee afaan Oromootiin hin taphatin😄

2.Gaafa durba tokko jaallattu, naaf gaafadhu jettee nama kan birootti hin himatin! maal ati afaan hin qabduu ofii keetii hin gaafatattuu?🙄

3. Jaalallee keetii bilbiltee gaafa toorri bilbila ishee qabamaa ta'u, "Eenyutti haasa'aa turte?" jettee hin gaafatin!. Akka isheen "obboleessa kootu ykn adaadaa kootu naaf bilbile" siin jettu hin beektuu ati maaliif gowwaa taata?🤦🏽‍♂️

4. Moobaayilii chiikii keetii harkaa fuutee miiseejii (📥 inbox) seentee hin ilaalin. Amma dhuguma text dhiirri kan biroon barreesseef utuu irraa hin balleessiin sitti laatti jettee yaaddaa?🤔

5.Walaloo durii isa "bishaan qilxuu jalaa kan dhugu simbira. Ani rafee hin bulu yaanni koo si bira isa" jedhu tokko ammoo hin barreessiniif!. Barri isaa itti darbeera. walaloo haaraa kan ofii keetii barreessuufii yaali!.😋

6. Yoo haasaan sirkaa bade, booda siif bilbila jedhii irratti cufi malee, sirba jaalalaa bantee hin dhaaggeffachiisiin 📻✌️😀

Hin gaha isa dhageenye inni nuuf haa Eebbisu

Address

Https://m. Tiktok. Com/h5/share/usr/7228590900321797125. Html?_d=e6m6l0gd6hj59a&sec_uid=MS4wLjABAAAAoQsyQICJ38mOWf9nYwQhKljpIEoI1KXxkblS5vkp6--6P2jrZ4tAU9ODSwUj-xYu&share_author_id=7228590900321797125
Nekemte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Global Affair posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share