27/07/2024
Irra Jabaa Dhiifamaa Seenaa keessatti ππ
Seenaa bareedduu kana dubbistee
Guyyaa tokko sahaaboonni rasuulaa S.a.w Iddoo tokko taa'anii wajjiin haasa'aa turan. Osoo wajjin haasa'aa jiranii, Haasaa kessatti Abuu zarrii fi Bilaal walitti mufatan. Yaroo kana abuu zarri "yaa gurraacha, Ilma gurraachaa" atis anaan mormitaa jadhee arrabse!
Yaroo kana bilaalis hedduu aaree, baay'ee mufatee, Osoo waan tokko hin dubbatin masjiida dhaqe.
Yaroo masjiida ol seenu rasuula S.a.w argee, yaa ergamaa rabbii! Waan abuu zarri naan jadhe ati wahi dhageessee ?! Jadheen.
Yaroo kana rasuulliniis S.a.w "maal siin jedhe?" isaan jannaan
- yaa gurraacha, ilma gurraachaa jedheeti na arrabse Jedhee itti himnaan, Nabiyyiin S.a.w Hedduu mufatee, fuulli isaa gurraachoome.
Bilaal erga xiqqo isaan bira turee booda ka'ee biraa deeme. Eega bilaal deeme booda abuu zarriis masjiida dhufe.
Yaroo inni masjiida ol seenu ergamaan S.a.w
- Yaa abuu zarri haadha isaatiin isa arrabsitaa ?ati wallaalummaa jaahilummaatu si keessa jira Akkamitti haadha isaatiin bilaaliin arrabsita ?! Jedhee isaan lole.
Abuu zarri boo'ee akkana jedhe Yaa ergamaa rabbi dhiifama naaf godhi, Eegasii masjida ba'ee irraa boo'aa Bilaal bira dhufee mallaa isaa biyyee irra kaa'ee akkana jedhe! wallaahi Yaa bilaal mallaa kiyya ol hin fudhadhu hanga miila keetiin narra ejjattutti, ati nama kabajamaadha ani nama salphataadha !!
Bilaalis boo'ee isatti dhiyaatee olqabee fuula isaa sana dhungatee akkana jedheen wallaahi fuula rabbiif sujuuda tokko sujuude irra hin ejjadhu! eegasii olka'anii wal haammatanii boo'an !!
Arraan kana gariin keenya garii arrabsaa yeroo tokkollee dhiifama Yaa obboleessa kiyya yookaa obboleettii kiyya hin jedhu Gariin keenya garii madeessaa, madaa guddoo dhiifama naaf godhi hin jedhu dhiifama jechuu ni saalfata .π