Kemal Abdi

Kemal Abdi Time Will Tell......

*ዘመነ ካሤ ወልቃይት እና ራያን ለመስጠት ተስማማ*ከጎጃም እየተሹለከለከ ወደ ሱዳን የገባው ዘመነ ካሤ ከሳምሪ ገዳይ ቡድን ጋር ተገናኝቷል። በዚያው በሱዳን እያለም የሕወሐት ሰዎች በኤርትራ ...
02/05/2025

*ዘመነ ካሤ ወልቃይት እና ራያን ለመስጠት ተስማማ*

ከጎጃም እየተሹለከለከ ወደ ሱዳን የገባው ዘመነ ካሤ ከሳምሪ ገዳይ ቡድን ጋር ተገናኝቷል። በዚያው በሱዳን እያለም የሕወሐት ሰዎች በኤርትራ በኩል ዞረው አግኝተውታል።

በዚህ ውይይት ሣምሪ በሱዳኖች ታግዞ ወደ ወልቃይት ሊዘምት፣ ሕወሐት ያለውን ታጣቂ ወደ ራያና ወደ ወልቃይት ሊያዘምት ተስማምተዋል።

ዘመነ ካሤና ምሬ ወዳጆ ደግሞ ሕወሐት ራያንና ወልቃይትን ሲወስድ መከላከያን ከኋላ በመውጋት እንደሚተባበሩ ቃል ገብተዋል። ለዚህ ውለታም ከዚህ በፊት በመከላከያ በተያዘባቸው መሣሪያ ምትክ ከሕወሐት መሣሪያ ለማግኘት ቃል ተገብቶላቸዋል።

ዘመነና ምሬ ራያንና ወልቃይትን የሚሰጡ ከሆነ እነርሱ ቀሪውን የአማራ ክልል እንዲወስዱ ሻዕቢያ እና ሕወሓት እንደሚያግዙ ተነግሯቸዋል።

ነገሩን የገመገሙ ምሁራን እንደሚሉት፦ ሕወሐት የአማራ ክልልን የምታተራምስበት፤ በየጊዜው መረጃ የሚሰጧት ታጣቂዎች አማራ ክልል ውስጥ አሏት። የአማራ ሕዝብ ግን ስለ ሕወሐት መረጃ የሚሰጠውና የሕወሐትን እንቅስቃሴ የሚገታለት አንድም ሰው ትግራይ ውስጥ የለውም። እንደዚያም ሆኖ ክልሉና ልሂቃኑ ገና በሚገባ አልነቁም። በውጭ ያለው ዳያስፖራም ወልቃይትና ራያን ለማስረከብ ወደ ኋላ የማይል ስልተ ቢስ ነው።

Hooggansa Dubartootaa Hiriira   irratti Aanaa Shanan Dhuuggoo irraa Hirmaatanii
02/04/2025

Hooggansa Dubartootaa Hiriira irratti Aanaa Shanan Dhuuggoo irraa Hirmaatanii

 Injifannoo xiiqiin arganne, Tokkummaan tikfanna!******Godina Harargee Lixaatti Hiriira guddicha injifannoo Bitootessa 2...
02/04/2025


Injifannoo xiiqiin arganne, Tokkummaan tikfanna!
******
Godina Harargee Lixaatti Hiriira guddicha injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun Aanaalee fi Bulchiinsi Magaalota Godinichaa irraa uummatni dhaadannoowwan garaagaraa dhageessisaa gara Magaalaa Cirootti gaggeeffamaa jira.

Labsii Murteessaafi Yaaddessaa!= = = = = = = =Guyyaa har'aa Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 14ffaa ga...
09/01/2025

Labsii Murteessaafi Yaaddessaa!
= = = = = = = =
Guyyaa har'aa Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 14ffaa gaggeesseen labsii qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuufi gaafatama seeraa hordofsiisu raggaasiseera.

Wixineen labsichaa qabeenya mootummaafi uummataa deebisiisuuf hanqina seeraa ture kan guutu ta’uu kan ibsame yoo ta'u, lammiileen hojjetanii qabeenya akka horatan kan jajjabeessu, kanneen yakkaan qabeenya horatan gaafatamtoota kan taasisu, guddina biyyaa kan saffisiisuu akka ta’ellee himameera.

Qabeenya namni dhuunfaa seeraan alaafi malaammaltummaan horate kan deebisiisu ta’uun, raawwii isaarratti eeggannoo taasisuufi qaamolee raawwachiistotaa cimsuun akka barbaachisuufi mirgi qabeenya horachuu lammiilee akka hinsarbamne sirnaan ilaalamuu akka qabu ibsameera.

Labsiin kun qabsoon farra malaammaltummaa akka cimu kan taasisu, qabeenya biyyaa saamameefi seeran ala horatame deebisiisuufi seeraa alummaa kan dhaabsisu ta'us, labsichis sagalee mormii sadiifi kan sagalee hin kennine afuriin, sagalee caalmaan ragga’eera.

Kanaaf labsiin kun baay'ee murteessaa ta'us ammoo gama biraan yaaddeessadha. Sababiin isaa warri karaa dalgaa duroome ammas karaa dalgaa seeraan alummaa garaa garaa akka hin babal'ifneefi jeequmsa biraa akka hin uumne xiyyeeffannoo addaa kennuun murteessadha. Dhugaan galgala galti.

"Guddinni biyyaa kan saffisu yoo qusannaan jiraateedha" Dr. Baroo Bayyanaa==Qusannoon guddinaafi  Badhaadhina maatiifi  ...
09/01/2025

"Guddinni biyyaa kan saffisu yoo qusannaan jiraateedha" Dr. Baroo Bayyanaa
==
Qusannoon guddinaafi Badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qaba. Biyyoota aadaa qusannaa idileeffatan keessatti jijjiirama diinagdee itti fufiinsa qabu galmeessuun diinagdeen beekamtii argachuu bira darbee dhalootaf bu’uura kaa’uu danda’anii jiru.

Dhaloonni aadaa qusannoo gabbifate diinagdeen ofdanda'uu bira darbee ce’umsa diinagdee biyyaa olkaasuun babal'ina investimantii mirkaneessuun carraa hojii bal'aa uumuun ofbira darbuun guddina itti fufiinsa qabu sadarkaa biyyaatti dhugoomsa. Qusannoon jiruufi jireenya namaa jijjiiruun humna diinagdee akka horataniif ka’umsa jabaadha.

Namni kamuu yoo qusate malee karoora qabate milkeessuus ta’ee, jiruu isaa fooyyeffachuu hin danda'u. Kanaaf sadarkaa jireenya kamittuu qusannoo aadaa godhachuun murteessadha.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas gahee qusannaan misooma naannichaa keessatti qabu guddisuuf hojiiwwan adda addaa qusannaa hawaasaa gabbisuu danda'an hojjechuurratti argama. Kanaanis waggoota muraasa darban bu’aawwan lakkaa’amuu danda’an mul’atanii jiru.

Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaas Qusannaa ilaalchisuun Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti Qo'ataafi Barsiisaa Saayinsii Diinagdee kan ta'an Dr. Baroo Bayyanaa waliin addatti turtii taasisee jira.

Akka ibsa Dr. Barootti beektonni adda addaa qusannaaf hiika adda addaa kennu jedhan. Qusannoo jechuun waan nurraa haferraa kan qusannu osoo hin taane hir’inni osoo jiruu waan qabnu irraa boruu keenyaaf kan kaawwamu akka ta’es Dr.Baroon ibsaniiru.

Biyya keenyatti aadaan qusannaa hawaasaa laafaa ta’uu ibsuun, namoonni waan galiin isaanii guddateefi xiqqaateef osoo hin taane waan qusannaa hin amaleeffanneef ta’uu ibsu. Namoonni galii gadi aanaa qabaatanii qusatan akkuma jiran, faallaa kanaan immoo galii guddaa qabaatanii kan hin qusanneefi waan argatan sirnaan itti fayyadamuu dhabanii liqeeffatan akka jiranis Dr. Baroon xiinxala qaban bu’uura godhachuu

09/01/2025
 “Kibba Oromiyaa,Gujiifi Boorana magaalaa Yaaballo,Mooyyale,Areero,Dubluq,Eelwayyeetti abiddii diimaan kun galgala kana ...
09/01/2025


“Kibba Oromiyaa,Gujiifi Boorana magaalaa Yaaballo,Mooyyale,Areero,Dubluq,Eelwayyeetti abiddii diimaan kun galgala kana samii keessaa gara lafaatti bu'aa turee yeroo ammaa suuraan kana fakkata

  'Misoomni kilaastara Sheedii Magaalaa, magaalota wiirtuu oomishtummaafi carraatti jijjiiruun tarkaanfiwwaan galmoota b...
09/01/2025


'Misoomni kilaastara Sheedii Magaalaa, magaalota wiirtuu oomishtummaafi carraatti jijjiiruun tarkaanfiwwaan galmoota badhaadhinaa qabannee jirru fuulduratti furguugsuuf dandeettii guddaa qaba'-Shimallis Abdiisaa

Kallacha Oromiyaa: Amajjii 01, 2017- Magaalonni keenyaa sirnaakkoo qormaatilee hedduuf mandhee ta’aniidha; godaannisa hundeeffama isaanii irraa kaasanii amma har’aatti giddugala hiyyummaafi hojii dhabdummaan itti angaa’eedha.

Haata’u malee humni qabeenya jiran ida’ee sirnaan sochoosu jiraannan magaalonni keenya wiirtuu carraawwaniiti.

Mootummaan Jijjiiramaa keenya kana hundeerraa hubachuun galmoota magaalaa gurguddoo afur kaa’ee milkeessuf socho’uu irratti argama.

Kanneen keessaa tokko wabii nyaataa mirkaneessuudha.

Galma kana milkeessuf, mootummaan tarkaanfilee-addaa magaalonni dilbii qaban duguuganii fayyadamuuf isaan dandeessisu bocee xiyyeeffannoo addaan hojjachaa jira. Kana keessaa tokko misooma kilaastara magaalaa Oromiyaati.

Inisheetiviin kun bara 2016 jalqabus, gama hedduun ummata keenya fayyadamaa taasisaa jira.

Misooma kilaastara magaalatiin, waabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, dhiyeessii nyaata madaalawaa dhugoomsun dhaloota fayyaalessaaf dorgomaa ta’e horachuu kan barbaannu yoota’u, carraa hojii dabalataa umuufi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessun hawaasa magaalaa fayyadaa jira.

Akkasumas aadaa hojii lammilee jijjiiruu, madda galii babaldhisuu, kaayyoo badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuuf qabanne utubuus jalqabeera.

Haaluma kanaan, mootummaan keenya bara 2016 irraa eegalee kilaastara loon foonifi aannanii, kilaastara horsiisa lukkuu foonifi killee, kilaastara horsiisa booyyeefi qurxummii ijaaruufi babbaldhisuu irratti xiyyeeffannoon hojjachuu irratti argama.

Furdisa looniitiif, bara 2016 kilaastara 2,784’fi loon kuma 244 oliin jalqabuun bara hanga bara 2017 kurmaana 2ffaatti kilaastara gara 13,669’fi loon foonii gara kuma 442 oliitti kan guddisneedha.

Horsiisa loon aannaniitiin, bara 2016

09/01/2025
Subhaanallah!😭Garri fantaallee sababa Kirkirri lafaa har'a guyyaa sa'aatii 9 tti uumameen gaarri jijjigaa oole.Yaa rabbi...
09/01/2025

Subhaanallah!😭
Garri fantaallee sababa Kirkirri lafaa har'a guyyaa sa'aatii 9 tti uumameen gaarri jijjigaa oole.

Yaa rabbi najaa nu baasi!🤲🙏

Address

Oromia Region

Telephone

+251960998793

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kemal Abdi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Kemal Abdi:

Share