09/01/2025
'Misoomni kilaastara Sheedii Magaalaa, magaalota wiirtuu oomishtummaafi carraatti jijjiiruun tarkaanfiwwaan galmoota badhaadhinaa qabannee jirru fuulduratti furguugsuuf dandeettii guddaa qaba'-Shimallis Abdiisaa
Kallacha Oromiyaa: Amajjii 01, 2017- Magaalonni keenyaa sirnaakkoo qormaatilee hedduuf mandhee ta’aniidha; godaannisa hundeeffama isaanii irraa kaasanii amma har’aatti giddugala hiyyummaafi hojii dhabdummaan itti angaa’eedha.
Haata’u malee humni qabeenya jiran ida’ee sirnaan sochoosu jiraannan magaalonni keenya wiirtuu carraawwaniiti.
Mootummaan Jijjiiramaa keenya kana hundeerraa hubachuun galmoota magaalaa gurguddoo afur kaa’ee milkeessuf socho’uu irratti argama.
Kanneen keessaa tokko wabii nyaataa mirkaneessuudha.
Galma kana milkeessuf, mootummaan tarkaanfilee-addaa magaalonni dilbii qaban duguuganii fayyadamuuf isaan dandeessisu bocee xiyyeeffannoo addaan hojjachaa jira. Kana keessaa tokko misooma kilaastara magaalaa Oromiyaati.
Inisheetiviin kun bara 2016 jalqabus, gama hedduun ummata keenya fayyadamaa taasisaa jira.
Misooma kilaastara magaalatiin, waabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hintaane, dhiyeessii nyaata madaalawaa dhugoomsun dhaloota fayyaalessaaf dorgomaa ta’e horachuu kan barbaannu yoota’u, carraa hojii dabalataa umuufi qaala’iinsa gabaa tasgabbeessun hawaasa magaalaa fayyadaa jira.
Akkasumas aadaa hojii lammilee jijjiiruu, madda galii babaldhisuu, kaayyoo badhaadhina maatiifi biyyaa mirkaneessuuf qabanne utubuus jalqabeera.
Haaluma kanaan, mootummaan keenya bara 2016 irraa eegalee kilaastara loon foonifi aannanii, kilaastara horsiisa lukkuu foonifi killee, kilaastara horsiisa booyyeefi qurxummii ijaaruufi babbaldhisuu irratti xiyyeeffannoon hojjachuu irratti argama.
Furdisa looniitiif, bara 2016 kilaastara 2,784’fi loon kuma 244 oliin jalqabuun bara hanga bara 2017 kurmaana 2ffaatti kilaastara gara 13,669’fi loon foonii gara kuma 442 oliitti kan guddisneedha.
Horsiisa loon aannaniitiin, bara 2016