17/08/2022
Muftii Oromiyaa!
Maqaan isaanii Aadam Ahmad Ammarroo Shankoor ja'ama. Garuu yeroo ammaa Sheikh Aadam Tuulaa jachuun beekkamu. Baha Oromiyaa Aanaa Kombolchaa Araddaa Tuulaa Ganda Usmaan iddoo ja'amutti, Bara 1907 A.L.I ykn Hijraa 1336 A.L hijraatti dhalatan.
Sheikh Aadam Tuulaa daa'imummaadhaan waggaa 12 tti barnoota Diin Islaamaa barachuu eegalan. Sheekkan akka: Sheikh Muhammad Ibraahiim, Sheikh Aliyyii Aruusii, Sheikh Muhammad Oborraa, Sheikh Sa'iid Kombolchaa, Sheikh Ibraahiim Usmaan (Ceekhaa) fi kkf irratti, kitaaboota adda addaa, Fannii baay'ee akka Fannii Nahwii, Ma'aanii, Manxiqaa, Fiqhii, Tafsiira Quraanaa, Sahiiha lamaan fi kkf barate.
Sheikhni keenya haala kanaan bonaa fi ganna keeysa, baddaa fi gammoojjii keeysa Osoo dadhabe hin ja'in Sheekha tokkorraa gara sheekha biraatti osoo dabruu, barnoota isaanii kan waggaa 12 irraa hanga waggaa 37 JACHUUNIIS waggaa 25 isaanitti fudhate injifannoon xumuran.
Eega barnoota isaanii xumuran boodaas fadhii isaan Diin Islaamaa barsiisuuf qaban irraa kan ka'e, Baha Oromiyaa Aanaa Dirree Xayyaaraa Araddaa Suqul Ganda Adduus iddoo ja'amutti Majliisa (caayaa) Diin Islaamaa dhaabuun barsiisuu eegalan.
Sheekhni keenya erga barsiisuu eegalan waggaa 55 caaleeti jira. Sheekkan Majliisa isaaniitti baratanii, isaan irraa eeybifamanii Majliisa dhaabanii akkuma sheekha keenyaatti barsiisuurratti arkaman qofti nama 40 irra hedduu dha.
Sheekh Aadam Tuulaa yeroo ammaa manguddoo umriin isaanii amata 100 ol dabre tahullee hanga ammaatti Diin Islaamaa barsiisaa jiran.
Sheekha keenya RABBI umrii isaanii nuuf haa dheereeysu. Jazaa (galata) isaanii Jannatul-Firdoowsi RABBI haa godhu.
Barreeysaan: Hamza Abdulhakim.
Galatoomaa!