Qeerroo

Qeerroo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Qeerroo, Digital creator, Oromiyaa, Oromiyaa.

23/04/2025

I Love Prophet
🕋.. ❤️𝗦.𝗔.𝗪✍️

03/06/2024
Sahaaban Tokko Gara Ergamaa Rabbii♦️《ﷺ》♦️Dhufee Akkana Jechuun Gaafate.📚📚✍️✍️ Yaa Rasulullah Mee Gorsa Gabaabduu Taate N...
20/05/2024

Sahaaban Tokko Gara Ergamaa Rabbii♦️《ﷺ》♦️
Dhufee Akkana Jechuun Gaafate.📚📚✍️✍️
Yaa Rasulullah Mee Gorsa Gabaabduu Taate Naaf Keennaa Jedhan Ergamaan Rabbii 《ﷺ》 Akkana Jedhaniin Salaata Kee Yeroo Salaattu Akka Nama Addunyaa Kanarraa Yeroo Dhumaatiif Godaanaa Jirutti Of-Yaadaa Salaati Jedhan Ammas Jecha Booda irratti Dhiifama Si Gaafachiisu Takka Namatti Hin Dubbatin Jedhan Ammas Wanta Harka Namoota irra Jirus ilaaltee Hin Hinaaffin Jedhan!!
اللَّهُمَّ صَلِّ وَسَلِّمْ وَبَارِكْ عَلَى سَيِّدِنَا مُحَمَّد وَعَلَى آلِهِ وَصَحْبِهِ أَجْمَعِينَﷺ❤

Diin Ajaa'ibaa! 🌹✔️ Salaanni dilii namarraa qulqulleessiti ✔️ Fottoqqeen timiraa ibiddarraa nama tiksiti ✔️ Sadaqaan Dal...
27/04/2024

Diin Ajaa'ibaa! 🌹

✔️ Salaanni dilii namarraa qulqulleessiti
✔️ Fottoqqeen timiraa ibiddarraa nama tiksiti
✔️ Sadaqaan Dallansuu Rabbii dhaamsiti
✔️ Qur'aanni warra isa qara'aniif Magantaa dhaabbata
✔️ "Subhaanallaah wabihamdih Subhaanallaahil Aziim" jechuun miizaana (madaallii) guyyaa qiyaamaa kaafti
✔️ Wuduu'ni Dilii qaamni hojjate Namarraa haqa
✔️ Toltuun tokko kudhaniin baay'ifamti

♣️ Ergamaan Rabbii ummata isaatiif Magantaa (shafaa'aa) dhaabbata
♣️ Malaaykoonni warra Rabbitti Amananiif Araarama kadhatan!
♣️ Rabbiin nuti gabbarru Abbaa Rahmataa kan Gabroottan isaatiif laafu...!

Diin bareedaa akkanaa kana badhaafamuu keenyaaf Alhamdulillaah jenna. 🌹🌹🌹
Irratti jiraannee irratti du'uu Rabbiin nu haa waffaqu!

Ergamaa Rabbii ﷺ Abjuun Arguuf Hedduu Hawwuu Ture !!••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••Tahus jire...
27/04/2024

Ergamaa Rabbii ﷺ Abjuun Arguuf Hedduu Hawwuu Ture !!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Tahus jireenya isaa keessatti waan ijaan isaan arguu hin dandeenyeef abjuun osoo isaan argee maal qaba jedhee hawwa.

Yeroo dheeraaf. Hawwus isaan arguu hin dandeenye.

Yommuu kana aalima tokko bira deemuun "Rasuula ﷺ naan jaaladha. Qaamaan isaan arguuf immoo carraa hin arganne. Eebjuun isaan arguuf hawwus garuu arguu hin dandeenye maal haa godhu?" Isaaniin jedhe.

Aalimichis gaaffii kanaaf deebii kan siif kennu boru ganama.

Har'a keessummaa koo tahi jedhaniin.

Innis deebii argachuuf waan jarjareef tole jedhee fudhate. Irbaata nyaata gaarii tahe isaaf dhiheessan.

Nyaatni kan hancufa nama liqimsiisu tahus sooqiddi itti baay'atee waan tureef akkuma xinnoo nyaateen bishaan isa barbaachise. Bishaan naaf kennaa jedhee gaafate.

Aalimtichi garuu "laa bishaan amma siif hin kennu ganama yommuu deebii siif kennu sana qofa argatta" jedhaniin. Tole jechuun walii gale.

Ganama yommuu hirriba isaatii ka'u aalimtichi "bultiin akkam ture" jechuun gaafate. Gaarii ture jedhe.

Abjuun maal agarte? Jechuun gaafataniin.

Keessummichis Roobni yommuu roobu, laggeen yommuu yaa'an, yommuu galaana keessa seenee daaku arge jedhe.

Isaanis akkana jedhaniin "argitee! Halkan bishaan waan sirritti si barbaachisee tureef waa'ee Roobaa waa'ee bishaanii Abjuun agarte.

Akkuma kana Nabi Muhammadiin ﷺ murannaanii fii sirritti ilaaluuf yoo hawwite isaan arguu dandeessa." jedhaniin.

Rabbiin Nama waan dhagahetti fayyadamu irraa nu haa taasisu.

Share gochuun waliif haa Dabarsinu!

By: ✍️Qeerroo

Guyyaa tokko Aa'ishaan akkana jachuun rasuula (SAW) gaafatte!Yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo baqeeyxee...
16/04/2024

Guyyaa tokko Aa'ishaan akkana jachuun rasuula (SAW) gaafatte!
Yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo baqeeyxee, harcaate Eysa geeyfamti ? Jannaan rasuul (SAW) akkana ja'een.
Guyyaa qiyaamaa dachiin yaroo baqeeyxee, harcaate SIRAAX gubbaadha geeyfamti.
Guyyaa qiyaamaa Iddoo sadi qofaatu jira.
1. Jannata.
2. Jahannam fi
3. Siraax..
Namni hundi jannata seenuuf dildila/riqicha SIRAAX gubbaa
dabaruun dirqama. Siraax gubbaa yaroo dabru Yoo diliin isaa guddoo taate, Deemuu dadhabeeti hudduun shorroqa.
Gariin osoo shorroquuti jahannam keysatti kufa. Gariin immoo eega qaamni isaa cicciramee booda jannata seena.
Namni dilii hin qabne (kan diliin isaa waa xiqqoo) Akka hangaasuutti, hanga libsuu ijaatti SIRAAX dabree jannata seena.
Rasuul (SAW) xarafa siraax dhaabbateeti Yaa rabbi ummata
kiyya naaf baasi, Yaa rabbi ummata kiyya naaf baasi ja'a!
Nama hunda dura ummata isaatu siraax dabaree jannata seena.
Siraax Maal Fakkaata?
1. Jala isaa ibiddaatu jira..
2. Cuubeerra qara..
3. Shiggiree/haadduu rra qara..
4. Isa gubbaa hookkoo qaama namaa cirtuutu jira..
Anaa fi isiniis warra hanga libsuu ijaatti, akka hangaasuutti SIRAAX irra dabru RABBI nuhaa godhu..
Yaroo kana Aa'ishaan guyyaa qiyaamaa yaadattee booche!
Ergamaaniis (SAW) maaltu siboochisa ja'ee gaafate.
Isiiniis akkana jatteen yaa ergamaa rabbii! Guyyaa qiyaamaa yaadadheetiin boohe!
Guyyaa san FIRRI, FIRA isaa niyaadataa ?! Jattee gaafannaan rasuul (SAW) akkana ja'een..
Eee wal yaadatan.
Garuu iddoo 3tti namni tokko wal hin yaadatu.
1. Yaroo hojiin namaa madaalamtu.
2. Yaroo sartifikeetni namaaf hiramu.
3. Yaroo siraax gubbaa jiran..
Iddoo 3n tanatti namni tokko wal hin yaadatu! Kanaaf addunyaarratti kheeyrii haa carraaqannuu..
Risaalaa bareedduu tana sadaqaadhatti niyyadhuu SHARE godhi. sababaa ati SHARE gooteef obbaleeysi kee tokko qaceeluutu waa hundarra siif caala Jzk.

Yaa Rabbi 🤲* Soommana keenya nurraa qeebali* Salaata keenya nurraa qeebali * Du'aa'ii keenya nurraa qeebali* Sadaqaa tee...
02/04/2024

Yaa Rabbi 🤲

* Soommana keenya nurraa qeebali
* Salaata keenya nurraa qeebali
* Du'aa'ii keenya nurraa qeebali
* Sadaqaa teenya nurraa qeebali
* Gaarii yaaduu fi hojjachuu nuuf laaffisi
* hamtuurraa gaachana nuuf tahi
* adaba guyyaa qiyaamaa duraa bilisa nu baasi
* Badhaasa addunyaa fi aakiraa nuuf kenni
* haadhaaf abbaa keenya ibiddaarraa bilisoomsi
* beekkumsa boona hin qabne nuuf kenni
* qabeenya dhabni booda hin jirre nuuf kenni
* Umrii dheertuu nasrii guutamte nuuf kenni
* Rizqii Maleeykotaan eeggamtu nuuf kenni

🤲

Rabbii kee fayyaa sii godheef galataa gachiif Alhamulila Alhamulila Alhamulila yaa Rabbilalamiin🤲
13/03/2024

Rabbii kee fayyaa sii godheef galataa gachiif Alhamulila Alhamulila Alhamulila yaa Rabbilalamiin🤲

10/03/2024

Daqiiqaa 1 qofa fayyadamii Nabiyyii kee ﷺ irratti salawaata buusi!

  Rabbi Anaafii nama du.aaii tana Ammiin Jadhee   godhu hundaafuu QebaliMana bareedaa, jireenya gammachuu, Rizqii baraka...
07/03/2024

Rabbi Anaafii nama du.aaii tana Ammiin
Jadhee godhu hundaafuu Qebali
Mana bareedaa, jireenya gammachuu, Rizqii barakaa, Umrii dheertuu, Jaartii Raaziyaa, ilmaan gaggaarii, Jiruu Ibaadaa, Du'a shahaadaa (khaatimaa bareedduu) Rabbi sihaa badhaasu!

Du'aa'ii tana Aamiin jachuu hin dagatinaa Jzk..

Address

Oromiyaa
Oromiyaa

Telephone

+251928693843

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Qeerroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share