24/09/2025
"Irreechi hariiroo hawaasummaafi diinagdee cimsuun olka’iinsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee guddaa qaba" Doktor Muhaammad Namoo
Kallacha Oromiyaa: Fulbaana 14, 2018- Yuunivarsiitii Arsiitti Qorataafi barsiisaan Gadaa, Fookilariifi Seenaa Doktar Mohaammad Namoo Ayyaana Irreechaa Fulbaana 24 fi 25 kabajamu ilaalchisuun Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Dr Muhaammad yaada kennaniin,Irreechi hariiroo hawaas-dinagdeefi siyaasaan cimsuun olka’iinsa biyyaa mirkaneessuu keessatti shoora olaanaa qabaachuu dubbatu.
Irreechi sirna Oromoo jabaa hariiroo oleefi dalgee tiksuun jiruufi jireenya keessatti kan raawwatamu ta'uu kan ibsan Dr.Muhaammad Namoo, kanaaf ayyaanni Irreechaa sirna kadhannaa, galateeffannaa, marartee, safuu, jaalalaafi waltajjii guddaa sabaaf sablammootaati jedhan.
Uummanni Oromoo dur-irraa eegalee lrreecha boroo irraa jalqabee gara mijjirii ykn gosaatti darba, sanaan booda, gara Irreecha sabaa kan qaamolee garaa garaa hirmaachisu kan akka Hora Finfinneefi Hora Harsadeetti wal gahee waloomaafi wayyoomaan kabajata jedhan.
Irreechi haala kanaan kabajamaa kan dhufe ta'us,walakkeessaa jaarraa 19ffaa booda garuu, sirna gita bittaa yeroo sana tureen giddutti laaffatuu kan himan Dr.Muhaammad, Kufaatii sirna Dargii booda,deebi’ee eegalamuun suutuma suutaan guddataa kan dhufe yoo ta'u, yeroo jijjiiramaatii asitti ammoo ittuu babal'achuun sadarkaa biyya keessaafi alattis bifa adda ta'een beekamtii guddaan kabajamaa jiraachuu dubbataniiru.
Ayyaanni Irreechaa bakka garaa gartee amantaa,sabaafi siyaasaa tokko malee walooma, jaalalaafi obbolummaan waliin bahanii kan darbeef waaqa itti galateeffataniifi kan dhufuuf ammoo abdii itti horatan ta'uu Dr.Muhaammad ibsaniiru.
Ayyaanni Irreechaa duudhaa wal qixxummaa,araaraafi nagaa labsuu kan ofkeessaatti hammate waan ta'eef,sabootaafi sablammoota walitti hidhuun hariiroo obbolummaafi nageenyaa jabeessuu keessattis shoora olaanaa qabaachuu Doktor Muhaammad Namoo himaniiru.
Walumaagalaatti Ayyaanni Irreechaa Aadaa, duudhaafi safuu Oromoo ganamaa gabbisuu bira darbee hawwattummaa turiiziimii dabaluun galii biyyaattii guddisuun olka'iinsa biyyaa toora hundan kan mirkaneessu waan ta'eef, ayyaanichi bara kanaas karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf uummanni Oromoo,dhaabbileen miidiyaafi Kominikeeshinii fi qooda fudhattoonni hundi gahee isaanirraa eeggamu bahachuu akka qaban Doktor Muhaammad Namoo yaadachiisaniiru.
Odeeffannoo dabalataa argachuuf;
kallachaOromia: https://m.facebook.com
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------