01/09/2023
Finxaaleyyiin naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa sochoâan sadarkaa yaaddoo tahuu hin dandeenye irra gahaniiru,ââ jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Waraanaa Itoophiyaa, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa.
Ajajaan waraanaa, Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa kana kan jedhan yeroo humni waraanaa biyyattii naannoo Amaaraa keessa bobbaâuun hidhattoota Faannoo irratti tarkaanfii fudhataa jiruttidha.
Jiâa Eeblaa darbe keessa yeroo mootummaan Itoophiyaa poolisii humna addaa naannolee irra deebiin gurmeessuu fi qaama al-idilee meeshaa waraanaa hidhate hiikkachiisuuf murteessu, naannoo Amaaraa keessatti muddamne uumame.
Hidhattootni Faannoo humna nageenyaa mootummaa waliin walitti buâaa turan.
Hookkarri naannoo Amaaraa keessatti mudate dabalaa dhufuun naannichi humna koon ol waan taheef mootummaan federaalaa gidduu galuun tasgabbeessuu qaba jechuun gaafatee ture.
Manni Maree Ministerotaa Hagayya 28, 2015 ALItti wal gahii ariifachiisaa taaâuun Labsii Yeroo muddamaa naannicha keessatti akka hojiirra oolu labse.
Komaandi postiin hundaaâuun naanicha bakka afuritti qooduun oppireeshinii akka gaggeessu qaamni labsicha raawwachiisu beeksiseera.
Torbanoota darbaniif magaalaa Baahirdaar fi magaalota kaan dabalatee hidhattoota Faannoo fi humna nageenyaa mootummaa gidduutti dhukaasni gaggeeffamaa ture.
Ajajaan humna waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuun akka jedhanitti tarkaanfii humni waraanaa fudhataa jiruun âârakkoo nageenyaa mudatee ture fooyyaâaa jira,ââ jedhan.
Gaaffii uummta Amaaraa akka dahootti fayyadamuun fedhii isaa humnaan galmaan gahachuuf qaama sochoâaa ture irratti tarkaanfiin fudhatamaa ture ââbuâaa argamsiiseeraââ jedhan.
Itti dabaluun ââfinxaaleyyiinââ naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa sochoâan sadarkaa yaaddoo tahuu hin dandeenye irra gahaniiru jedhan.
ââWaraanni keenya rakkoo naannoo Amaaraatti tibbana mudateefi Shaneen naannoo Oromiyaa keessatti uume sirreessuuf hojjechaa jira,ââ jedhan.
Mootummaan Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin karaa nagaa mariâatanii