15/09/2025
Barataa qormaata kutaa 12ffaan 600 keessaa qabxii 9 qofa dhabe Kaalid Bashiriin walbaraa.
"OBN Cyber Media" Fulbaana 05, 2017-Magaalaa Roobee Baalee Kutaa Magaalaa Goobbaatti dhalate.
Daaโimmummaasaatti achuma kutaa Magaalaa Goobbaa Mana Barnootaa Harawa Finjaatti imala barnootasaa eegale.
Barataa Kaalid Bashir kutaa 8ffaattis qabxii olaanaa fiduun Mana Barnootaasaa keessaa seenaa hojjetee akka darbe keessa beektotarraa odeeffanne.
Kutaa 8ffaattis bara 2013 qabxii 96.7 fiduun Mana Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Ifa boruu Bultii Addaa Dodolaatti makame.
Kaaliid Bashiir barataa qaxalee qormaata kutaa 12ffaa akka biyyaatti dursetu addatti OBN waliin turtii taasise.
Daa'imummaa kiyyarraa waa tuttuquu jaaladha, meeshaan beekumsa itti hin qabnes taanaan hiikeen tuttuqa kan jedhe Kaalid, Baatirii maatii dhibbaa ol kukkutee balleessuun irratti barachuus hime.
Barataan qaxalee Kaalid Bashiir Mana Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Dodolatti barachuun qormaata biyyaalessaa bara kanaa Saayinsii Uumamaan qabxii 591 galmeessuukoo gaafan dhagahu, rifatuunis ta'e gammachuunis walmakee natti dhagahame jechuun OBN'tti hime.
Barataan kun Afaan Ingilizii 96,
Herrega 100, Fiiziksii 100, Kemistirii 98, Baayoloojii 99, Aptiituyuud 98 walumaagalatti 600 keessaa qabxii 9 qofa dhabuun 591 argatee akka biyyaatti 1ffaa ta'e.
Dhibbeentaan barattoota dabruu dhabaniifi qabxiin ani galmeesse, gammachuun koo akka walmaku taasisus, icciitiin milkaa'ina kiyyaa cimee waan hojjadheef qofa jedhe.
Barataan kaayyoo qabaachuu qaba, kaayyoof dadhabuu gaafata, barachuun dadhabbii booda firii fida kan jedhe Kaalid, milkaa'ina kaayyootiif cichoominaan hojjachuutu murteessaadha jechuun OBNtti hime.
Waanan qophaa'ee hojjadheef qabxii gaarii galmeesse, gammachuu guddatu natti dhagahama, biyya kiyya teknoolojii sooftiweeriitiin guddisuun fedhas jedhe barataa Kaalid Bashir.
Maatiifi ollaan waayee Kaalid dubbatanis daa'imummaa irraa nama cimaa turuusaa himuun, qabxii gaarii akka galmeessus tilmaamaa turuufi kan isaan akeekan dhugoomuu dubbatan.
Muhaammad Nageessoon