11/01/2026
Qorumsa Naannoo fi biyyaaleessaa bara 2018tiin qaphxii gaarii galmeessuuf qophii taasifamaa jira jedhame.
Radical Change Media Service (Finfinnee)_Godina Baaleetti barattoota qorumsa naannoofii biyyaaleessaa bara kanaa fudhatan kuma 30 ol ta'an qaphxii gaarii akka galmeessaniif deeggarsi taasifamaafii jiraachuu Waajjirri Barnoota Godina Baalee himee jira.
Aanaa Harannaa Bulluqitti Barattoonni manneen barnoota Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Hangaatuu barumsa dabalataa barsiiftota isaaniitiin kennamaafii jiruun qaphxii fooyyee qabu galmeessuuf qophii taasisaa jiraachuu dubbatan.
Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Abdulqaadir Kamaal akka aanichaatti qormaata naannoof biyyoolessaa bara 2018tiif manneen barnoota Aanichaa hunda kessatti qophiin taasifamaa jira.
Aanichatti yeroo ammaa manneen barnoota 80 keessatti barnoota dabalataa, qorumsa moodeelaa barattoota qopheessuun qaphxii barattootaa fooyyessuuf hojjatamaa jiraachuus yaadachiisan.
Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota Godina Baalee Obbo Tashaalaa Disaasaa gama isaaniitiin rakkoo cabiinsa barnootaa akka biyyaatti mudate furuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu dubbatan.
Barattoota manneen barnootaa godinichaa kutaa 6ffaa,8ffaafii 12ffaa kuma 30,464 qorumsa naannoofi biyyaalessaa fudhataniif deeggarsi barnoota dabalataa qaphxii isaanii fooyyessuuf tumsu kennamaafii jiraachuu himan.
Keessattuu,gumiin tiraanisfoormeeshinii barnootaa sadarkaan dhaabbate sababoota cabiinsa barnootaa adda baasuun qulqullina barnootaa fooyyessuuf tumsa taasisaa jiraachuun fooyya'iinsi mul'achaa dhufuus eeran.
Godinichatti bara barnootaa 2018tti barattoonni kuma 30, 460 ta'an qorumsa naannoofi biyyaalessaa kutaa 6ffaa, kutaa 8ffaa fi kutaa 12 ffaa kan fudhatan ta'uu ragaan Waajjiricharraa argame ni mul'isa.
Kominikeeshinii Godina Baalee