03/02/2025
Kafaltii gibiraa irraabarbaadamu yeroon kafaluun misooma biyyaa keessatti qooda ofii bahachaa jiraachuu kafaltoonni gibiraa anaa Dinshoo himan
Radical Media (Finfinnee)-Godinichatti ji’oota jahaana dabaranitti maddoota galii gara garaa irraa qarshii biliyoona 1ol sassaabuuf karoorfame keessaa Qarshii biliyoona 1,185,169,220 sassaabamuu biiroo galiiwwan oromiyaatti dameen godina baalee himunis baramee jira.
Jiraattonni Aanaa Diinshoo yaada kennaniin gibira yeroon kafaluun jijjiirama biyyi roga maraan galmeessaa jirtu kan tumsuu tahuu yaadachiisan.
Keessattuu mootummaan rakkoolee bu'uraalee misoomaa hawaasa bal'aa deebisuuf sassaabbiin gibiraa murteessaa tahuu waan hubannuuf gahee nurraa egamu ni baanas jedhan
Ittigaafatamaan waajjira Galiiwwanii aanaa Diinshoo Obbo Aliyyi Ahmad bara bajataa 2017 ji'oottana jahaana dabaranitti maddoota galii garagaraarraa qarshii miiliyoona 151 ol sassaabuuf karoorfamee hojjatamaa turuus himaniiru
Sochii sassaabbii galii gibiraa ji'oota jahaan dabran keessatti taasifameen qarshiin miiliyoona 76,366 ol sassaabamuus himun galii sassaabame keessaa dhibbantaan 27 ol kan idilee yoo ta’u kan hafe dhibbantaa 49 galii mana qopheessaa ta’uus himaniiru
Keessattuu, mootummaan rakkoolee bu'uraalee misoomaa hawaasa bal'aa deebisuuf sassaabbiin gibiraa murteessaa ta’uu hubachuun Kaffaltoonni gibiraa gahee isaanirraa eeggamu bahuu akka qabaniis dhaamaniiru
Ittigaafatamaan waajjira galiiwwan godina baalee Obbo Taajuddiin Hasuu bara bajataa 2017 tti ji’oota jahaan darbanitti maddoota galii gara garaa irraa qarshii biiliyoona1ol sassaabuuf karoorfamee hojjatamaa ture keessa ji'oottan jahaan dabran keessatti taasifameen qarshiin biliyoona 1,185,169,220 ol sassaabamuus himan.
Sababoonni galiin haaluma karooraan sassaabameef maddoonni galii gibiraa dabaluu, geeggesitoonniifi ogeessonni sadarkaan jiran riifoormii sassaabbii galii hojirra oolchuu, kafaltoota gibiraa hedduu gara saaphana taaksiitti dabalamuuf hubannoon kaffaltoota gibiraa