Abdul Baasix Qamar

Abdul Baasix Qamar Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdul Baasix Qamar, Digital creator, Robe.

guyyaan soomaa boru...
17/02/2026

guyyaan soomaa boru...

17/02/2026

فلنستقبل هذا الشهر بقلب سليم
عفواً لكل إخوة الفضلاء

🌗Ramadaanni nutti seenuuf guyyaa muraasatu hafe… yeroo qalbiin itti qophooftu, yeroo Rabbitti dhiyaannu, yeroo lubbuu it...
14/02/2026

🌗Ramadaanni nutti seenuuf guyyaa muraasatu hafe… yeroo qalbiin itti qophooftu, yeroo Rabbitti dhiyaannu, yeroo lubbuu itti qulqulleessinu dha.
🌙 Ramadaanni Kennaa Guddaa Rabbiin nuu kenneedha.
Rabbi akkana jedha“Yaa warra amantan! Akkuma warra isin dura irratti dirqama ta’e, soomni isin irrattis dirqama ta’eera, akka isin Rabbi sodaattaniif.”(Al-Baqarah 2:183)
➡️ Kana jechuun Ramadaanni adabbii miti; karaa nuti Rabbi itti sodaannu fi ittiin qulqulloofnu dha.
❤️ Ramadaanni Yeroo Araaraa fi Araarama Ergamaan Rabbii **Nabi Muhammad ﷺ akkana jedhan:“Namni Ramadaana iimaana fi abdii mindaa Rabbii qabuun soome, cubbuun isaa hundi isaaf araarama.”
Subhaanallaah…
🌸 Ji’a Qur’aanaa
Ramadaanni ji’a Qur’aanaa dha. Rabbi akkana jedha:
“Ji’a Ramadaanaa keessa Qur’aanni buufame.”
(Al-Baqarah 2:185)
Kanaaf Ramadaanni:
yeroo Qur’aana hedduu dubbisnu
yeroo dhageenyu
yeroo itti yaadnu (tadabbur)
Ji’a kana Qur’aanni si bira jiraachuu qaba akka hiriyyaa kee isa dhiyoo.
🤲 Balballi Jannataa Ni Banfama
Nabi ﷺ ni jedhu:
“Yeroo Ramadaanni seene, balballi jannataa ni banama, balballi jahannam ni cufama, sheyxaannis ni hidhamti.”
Mee yaadi…
👉 Jannanni si eeggachaa jirti
👉 Jahannam cufamtee jirti
👉 Sheyxaanni humna hin qabu
Kana caalaa carraan gaarii jiraa?
💎 Ramadaanni Suuqii Mindaa Guddaa
Ulamaa’oonni akkana jedhu:
Ramadaanni akka suuqii guddaa dha.
Namni daldalu bu’aa argata, namni taphatu immoo ni kasaara.
Ji’a kana:
Salaata dabali
Sadaqaa dabali
Istighfaara baay’isi
Du’aa'ii baay’isi
🌺 Ergaa Qalbii
Obboleessa koo / obboleettii koo…
Ramadaanni dhufuuf jira.
Garuu nutti deebi’ee dhufuu isaa hin mirkaneeffannaa?
Namoonni hedduun Ramadaana darbe nu wajjin turan har’a hin jiran.
Kanaaf ji’a kana akka:
Ramadaana jalqabaa keenyaatti
Ramadaana dhumaa keenyaatti
itti qophoofna.
🤲 Rabbi nu haa ga’u Ramadaana kana
🤲 Rabbi sooma keenya haa qeebalu
🤲 Rabbi qalbii keenya haa qulqulleessu
Aamiin 🤍

بشرى سارةرابطة حلقات العلمية فى بالى روبى قد هيأ فى هذا العام طلاب حذقاء وطلاب الكبار لنشر دين الإسلام و رسالة نبينا محم...
11/02/2026

بشرى سارة
رابطة حلقات العلمية فى بالى روبى قد هيأ فى هذا العام طلاب حذقاء وطلاب الكبار لنشر دين الإسلام و رسالة نبينا محمد صلي الله عليه وسلم فى نواحى اروميا من شوى وغجى وغيره وبدأ انطلاق هذا العمل من مركز إمام الشافعي فى ناحية روبى بارك الله لكم جميعًا وتقبل الله سعيكم

  kamuu Nurraa mala Kaayyoof barannaanobboleessa keenya qaali   safi Barumsa jabina qaamaa fi ibsituu tookummaa fi jagnu...
09/02/2026

kamuu Nurraa mala Kaayyoof barannaan
obboleessa keenya qaali safi Barumsa jabina qaamaa fi ibsituu tookummaa fi jagnummaa akkasuma qophummaa, kana baratuun sadarkaa kana geette baga gammaddee congratulations 👏
إلا إن القوة الرمي الآ إن القوة الرمي

✨ Karoorri nuti ji'a Ramadaanaa kana keessa qabaachuu qabnu [part four]📌Sadaqaa irraa — 🌙 Jiini Ramadaanaa ji'a Sadaqaan...
04/02/2026

✨ Karoorri nuti ji'a Ramadaanaa kana keessa qabaachuu qabnu [part four]
📌Sadaqaa irraa —
🌙 Jiini Ramadaanaa ji'a Sadaqaan keessa heddummaatu dha 💎
👉 Ji’a Rabbiin kennaa xiqqoo baay’isee galchuu dha 🤲
📜 Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
«ما نقصت صدقة من مال»
“Sadaqaan qabeenya hin hir’istu.”📖 (Muslim)
💖 Kanaaf waan Rabbiin nuuf kenne irraa
❌ osoo hin sodaatin
❌ osoo hin qusanne
➡️ Rabbiif kennuuf murannoo haa qabaannu
💰 Karoorri Sadaqaa Keenya
📌 Karoora salphaa garuu bu’aa guddaa qabu:
👉 “Guyyaatti birrii 1 sadaqanna” jennee murannee
📅 Ramadaana guutuu keessatti
➡️ Birrii 30 kennina
📜 Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
«اتقوا النار ولو بشق تمرة»
“Ibidda jahanamaa irraa of eeggadhaa, walakkaa tamrii qofaan illee yoo ta’e.”📖 (Bukharii fi Muslim)
✨ Xiqqoo fakkaata?
❌ Rabbiin biratti xiqqoo miti

🤲 Faayidaa Sadaqaa — Hadiisa Irraa
📜 Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
«الصدقة تطفئ الخطيئة كما يطفئ الماء النار»
“Sadaqaan cubbuu dhaamsa akkuma bishaan ibidda dhaamsu.”
📖 (Tirmizii)
🌿 Sadaqaan:
➡️ cubbuu ni haxofti
➡️ balaa ni deebisti
➡️ qabeenyi ni dabalti
📜 Akkasumas ﷺakkana jedhan:
«داووا مرضاكم بالصدقة»
“Dhukkubsattoota keessan sadaqaan wal’aanamaa.”📖(Tabaraanii)
🛡️ Sadaqaa — Gaaddisa Guyyaa Qiyaamaa namaa taati
📜 Nabiyyiin ﷺ akkana jedhan:
«كل امرئ في ظل صدقته يوم القيامة»
“Guyyaa Qiyaamaa namni hundi gaaddisa sadaqaa isaatiin jala jiraata.”📖 (Ahmad)

💎 Kanaaf sadaqaan keenya:
➡️ Aakhiraa keenyaaf kuusaa
➡️ Yeroo rakkinaa nuuf furmaata
➡️ Jannataatti nu dhiheessa

🌙 Xumura — Murannoo Keenya Haaromsuu
⚠️ Ramadaanni ni darba
💰 Garuu sadaqaan keenya nu wajjin ni hafa

🤲 Rabbiin sadaqaa keenya haa qeebalu
🤲 Qabeenya keenya haa eebbisu
🤲 Aakhiraa keenyaaf ifaa haa godhu
✍️ Itti fufa… In shaa Allah 🌙✨

✨ Karoorri Nuti Ji’a Ramadaanaa Kana Qabaachuu Qabnu. [PartThree]✨ Zikrii irraa — Jireenya Guyyaa Keenya Guutuu Haaromsu...
01/02/2026

✨ Karoorri Nuti Ji’a Ramadaanaa Kana Qabaachuu Qabnu. [PartThree]
✨ Zikrii irraa — Jireenya Guyyaa Keenya Guutuu Haaromsuu ✨
🌙 Akkuma Qur’aanaa fi Salaataatti,
👉 Zikriin waan ji'a Ramadaanaa keessaa dalagnu keessa isa ijoodha 📿
Zikrii jechuun arraba qofa osoo hin taane,
➡️ qalbii, yaada fi jireenya guutuu Rabbiin waliin hidhuudha 🤍
🚶‍♂️ Yeroo karaa deemnu
🪑 Yeroo teennu
🛌 Yeroo ciifnu
⏳ Yeroo hunda
❌ Haasawa namaa fi silkii of irraa gabaabsinee
✅ Zikrii Rabbiitti jabaachuun
➡️ Rabbiin wajjin haasawuu heddummeessuu qabna
📿 Zikriin:
🕊️ Qalbii ni tasgabbeessa
🕊️ Iimaana ni dabala
🕊️ Rabbiin si dhiheessa

📿 Zikriiwwan Guyyaatti Dhibba Dhibbaan Jechuu Qabnu
🔹 لا إله إلا الله وحده لا شريك له
له الملك وله الحمد وهو على كل شيء قدير
🧮 Yeroo 100

🔹 سبحان الله
🧮 Yeroo 100

🔹 سبحان الله والحمد لله ولا إله إلا الله والله أكبر
🧮 Yeroo 100

🔹 سبحان الله وبحمده
🧮 Yeroo 100

🔹 سبحان الله وبحمده
سبحان الله العظيم
🧮 Yeroo 100

🔹 لا حول ولا قوة إلا بالله
🧮 Yeroo 100
🔹 أستغفر الله وأتوب إليه
🧮 Yeroo 100
🔹 أستغفر الذي لا إله إلا هو
الحي القيوم وأتوب إليه
🧮 Yeroo 100

📌 Guyyaatti zikriiwwan kana dhibba dhibbaan jechuu
📌 Akkasumas zikriiwwan biroo itti jabaachuun
📌 Arraba keenya zikrii Rabbiitiin guutuu
🌙 Xumura irratti — Murannoo Keenya
✨ Zikrii baay’isuu jechuun:
➡️ Rabbiin si yaadata
➡️ Cubbuu siif dhiisa
➡️ Qalbii siif ifeessa
⚠️ Ramadaanni yeroo gabaabaa dha
💎 Garuu bu’aan isaa daangaa hin qabu
📿 Kanaaf:
👉 Guyyaa fi halkan zikrii irraa hin dhaabbanne
👉 Akkuma nama Rabbiin barbaaduu
👉 Akkuma nama carraa dhumaa argateetti
🤲 Rabbiin zikrii keenya haa qeebalu
🤲 Qalbii keenya isaatiin haa guutu
✍️ Itti fufa… In shaa Allah 🌙🤍

✨ Karoorri Nuti Ji’a Ramadaanaa Kana Qabaachuu Qabnu ✨ [ Two]🌙 Akkuma kana dura wal yaadachiifne,👉 Karoorri keenya jalqa...
31/01/2026

✨ Karoorri Nuti Ji’a Ramadaanaa Kana Qabaachuu Qabnu ✨ [ Two]
🌙 Akkuma kana dura wal yaadachiifne,
👉 Karoorri keenya jalqabarratti Qur’aana irra jira 📖
Ammas akkasuma, Salaata irrattis murannoo fi kutannoo cimaa qabaachuu qabna 🕌
🕌 Salaata — Murannoo fi Kutannoon Itti Fufu
🤲 Guyyaatti salaata waajibaa shanan
➡️ Jama’aan Masjidatti
➡️ Tokko illee osoo nu jalaa hin tarre
➡️ Murannoo fi kutannoon jabaachuun salaatuu qabna 💪
📌 Akkasumas Salaata Sunnah:
👉 Guyyaatti yoo xiqqaate Raka’aa 29 salaatuu qabna jennee karoora kaa’uu qabna
🔹 Zuhr – dura 4, booda 4
🔹 Asr – dura 4
🔹 Maghrib – booda 2
🔹 Ishaa’ii – booda 2
🔹 Subhi – dura 2
🌙 Salaata Taraawiih — Itti Jabaachuu
✨ Salaata Taraawiih – Raka’aa 11
➡️ Waliigalaan Raka’aa 29 guyyaatti
🕌 Imaamni jalqabee hanga xumurutti
❌ Tokko illee osoo hin dhiifne
➡️ Isaan waliin dhaabbachuun
➡️ Murannoo fi kutannoon ka’uu qabna
🤍 Murannoon Yoo Jiraate – Gargaarsi Rabbii Dhufa
📿 Yoo abbaan murate, Rabbiin irratti nama qaba
عون الله تأتي على نيتك وهدفك
الهبات تُعطى على قدر النيات
✨ Keessattuu:
👉 Salaata Waajibaa
👉 Salaata Taraawiih
irratti akkaan jabaachuu qabna
🔋 Ramadaanni Kuusaa Iimaanaa Keenyaati
🌙 Ji’a Ramadaanni
➡️ Charge iimaanaa waggaa guutuu dha 🔋
⚠️ Namni ji’a kana ibaadaa irratti hin jabaatin,
➡️ Wagaa guutuu irrattis laaffata
💎 Halkan Ramadaanaa keessaa
➡️ Halkan waggaa 83 oli caalu jira
➡️ Rabbiin biratti mindaan isaa guddaadha
👉 Kanaaf jabaachuun dirqama
👉 In shaa Allah 🤲
✍️ Itti fufa… 🌙✨

30/01/2026

Dhaamsaa fi Gorsa mi'aawaa akkaan namattii tolu, hanga dhumaa Yoo dhageeffattan akkaan irraa fayydamtu

Address

Robe

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdul Baasix Qamar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share