
13/06/2025
"Gadaa Gadaa dabarsi
Ilma abbaa dabarsi" jedha Oromoon. ( akka amma baratame jedha Tuulamni hin jennu )
Tuulamni utubaa biyya tanaati. Tuulamni handhura qabsoo Oromooti. Asirraa kaatee babal'atte qabsoon teenya
Tuulamni seenaa Oromoo qajeellotti fakkaata. Tuulamni warra sirna ofiititti cichedha. Tuulamni ilmaan hangafa Oromooti. Tuulamni tuulaa lafaafi namaati. Abbaa sirna dilbiifi mararteeti.
Qe'een Tuulamaa teessoo mootummaa giddu-galeessati. Durimmoo dirree muudaafi irreecha qajeellooti. Tuulamni ambas, diinas hammatee waliin bulee har'a gahe. Tuulamni ciininsifatee jabduu har'aa kana dahe.
Haawasni Tuulamaa sirnaa'aa ture. Obboleewwan isaa wajjin waliigalee jiraata. Garuu erga ( waa waa ) makatee rakkoon itti hammaate.
Tuulamni ilmaan sadi dhalche. Daacci, Bachoo fi Jiille. Daacci Hangafa. Bacho itti aana. Jiille quxusuudha. Fincaan Tuulama sadeenii jedhamuunis beekamu.
Fincaan Tuulama sadeenii ( Daacci, Bachoo fi Jiille ) ilmaan dhalchan qabu. Daacci ilmaan sadi dhalche. Isaanis: Galaan, Oboo fi Sooddo. Bacho ilmaan jaha dhalche. Isaanis: Iluu, Uruu, Meettaa, Garasuu, Keekkuu fi Wajjitu. Jiilles ilmaan jaha dhalche. Isaanis: Goona, Guusa, Looyya, Siiba, Warree fi Gindoo.
Fincaan ilmaan Tuulamaa kunniin hundisaa gosaafi balbala qaba. Fakkeenyaaf; gosti Galaan Jaha. Gosti Oboo torba. Gosti Sooddoo sadi. Warri kaanis akkasuma. Balballi gosaas tartiibuma kanaan itti fufa.
Ilmaan Tuulamaa kuni sirna habashaatiin akka malee warra hubamnedha. Kana ammoo firris alagaanis beeka. Sababni hubamuu Tuulamtichaas beekamaa. Bareedinni sirnaa, qabeenyi dacheesaafi kanneen biroo diina itti dhale. Diinni sunis warra Habashaati. ( ilmaan nfxgn ) jechuudha.
Tooftaan ittiin Tuulama miidhan guddoon sirna isaarra dhaabbachuuni. Sirni Tuulamtichaa ammoo sirna Oromoo maraati. Kanaaf miidhamni daangaa hanga daangaatti wal gahe.
Har'a dhaloonni rakkoo darbe sana boolla gadi fageessee qotee awwaalaa jira. Garuu rakkoon mana Tuulamaa keessa jirtu tokko ni jirti. Innis Siyaasa Mootummaati. Tuulamni dhugaa tana wallaalee otuu hin taane harkifatee waan of tolchuuf deemu fakkaata. Kuni abshaalummaa tahuu mala. Walitti gungumuu caalaa sirnicha soneessuun dhaloota egeree ni baraara.
Gadaan dhuftuu dabartuudha. Michilleen afurtamman gahee jira. Muudinni muudana qotachuufi. Seera ittiin sirna ofii keessa jiraatan jechuudha. Akkisaa akkuma kaleessati. Haata'u malee erga bara Gadaa Birmajiitii as wanti nama ceephessu baay'een otuu ummata giddun galeeffatin deemaa ture. Gadaan Michillee ( gadaan Abbaa kiyyaa ) Tuulama keessatti hacuucaa jala ture. Akki dhiittaa isaa sirnuma mootii fakkaata. Baraa Gadaan san jalaa Tuulamni ni baha. Bahuufis jira!
Michillee milkaa'i. Gadaa abbaa koo rooban gali.
Gadaan quufaa gabbina
Barri roobaa nagaa!