16/10/2025
**Ijaarsa Seeraan Alaa Hambisuuf Mariin Gadi Fageenyaan Gaggeeffame**
Bulchiinsi Magaalaa Sanbataa, Ganda 02 keessatti, ijaarsa seeraan alaa ittisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin marii bal’aa gaggeesse.
Marii kanaanis, ijaarsi seeraan alaa kamiyyuu akka hin raawwatamne irratti walii galtee irra gahuun ibsameera.
Marii kana kan gaggeessan Itti Aanaa Kantiibaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Bu’uura Misoomaa fi Magaalaa Obbo Nuraddiin Ahmad yoo ta’an, ogeessotni ijaarsa manaa fi namootni dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.
Marichi, ijaarsa seeraan alaa ittisuu fi bulchiinsa magaalaa keessatti qajeeltoowwan ijaarsaa eeguuf xiyyeeffannoo kan kennedha. Bulchiinsi magaalichaa, ijaarsa seera qabeessa ta’e cimsuuf kutannoo akka qabu mirkaneesseera.