Chala Alemayehu Beriso

Chala Alemayehu Beriso “Coffee is not just a product; it is a heritage. We provide it from farm to cup!”

01/02/2023

Ati Addunya kanaaf kenna addaati

Namoota addunyaa kana jijjiiruf jiran keessa ati isa tokkoodha.

Addunyaa kanarra warshaalee hedduutu jira. Muraasni isaanii hojii walfakkataa hojjatu. Muraasni isaanii immoo hojii garaa garaa hojjatu. Haa ta'u malee warshaan huccuu oomishu miidhan daaku hin danda'u. Hoccuu oomishuu qofa gaheen isaa.yoo akkas hin taane fayidaas gatis hin qabu. Garu wanta hojatameef sanin yoo hojjanne warshaan fayyidaa hin qabne hin jiru. Namnis akkasuma. Hundi keenyayu; kan dandeenyu dhiisnee qarshi isa qofa laallee wanta hin beekne borcina(bukeesina) abalu hojjatee maa nutti hafaree? Sammuus of dhippifna. Osoo kan dandeenyuu fi kan baaknu hojjanee wanti hin jijjiiramneef hin jiru. Mee warsha xiyyaara oomishuu fi warshaa waraqata(pestali) homishu ilaali. Osoo akka yaada kenyati warshaa xiyyaara oomishu qofatu lafa kanarra guuta silaa.

Waa maraafuu waaqnis faayidaa malee lafa kanarrati sin uumne.kan dandessurra ka'i

26/01/2023

𝙪𝙪𝙢𝙖𝙖 𝙠𝙚𝙚 𝙜𝙖𝙡𝙖𝙩𝙚𝙚𝙛𝙛𝙖𝙙𝙝𝙪

𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖 𝑘𝑎𝑙𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎 𝑑𝑢'𝑎𝑛 𝑔𝑎𝑛𝑎𝑚𝑎 ℎ𝑎𝑟'𝑎𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑜𝑜𝑟𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑎𝑛. 𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑛𝑛𝑖 ℎ𝑎𝑟'𝑎 𝑔𝑎𝑛𝑎𝑚𝑎 𝑑𝑢'𝑎𝑛 𝑖𝑚𝑚𝑜𝑜 ℎ𝑎𝑟'𝑎 𝑔𝑎𝑙𝑔𝑎𝑙𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑘𝑎𝑟𝑜𝑜𝑟𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑎𝑛. 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑖 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑖𝑛𝑢𝑢 𝑓𝑒𝑑ℎ𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑞𝑎𝑎 𝑚𝑎𝑙𝑒𝑒 ℎ𝑖𝑛 𝑡𝑎'𝑢. 𝑠𝑒𝑘𝑜𝑛𝑑𝑖 𝑚𝑢𝑟𝑎𝑎𝑠𝑎 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑖 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑖𝑛𝑢𝑢 𝑗𝑖𝑗𝑗𝑖𝑖𝑟𝑟𝑎𝑚𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑎'𝑎. 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑎𝑓𝑢𝑢 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑘𝑒𝑒 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑠𝑎𝑙𝑝ℎ𝑎𝑎 ℎ𝑖𝑛 𝑠𝑒'𝑖𝑛. 𝑗𝑖𝑟𝑒𝑒𝑛𝑦𝑖 𝑐𝑎𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑡𝑎𝑘𝑘𝑎 𝑞𝑜𝑓𝑎 𝑞𝑎𝑏𝑑𝑖. 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑘𝑎𝑚𝑖𝑖𝑦𝑦𝑢𝑢 ℎ𝑎𝑎𝑙𝑎 𝑘𝑎𝑚 𝑘𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎𝑙𝑙𝑒𝑒 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎𝑡𝑡𝑢𝑠 𝑢𝑢𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑒𝑒 𝑔𝑎𝑙𝑎𝑡𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑑ℎ𝑢. 𝑘𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑢𝑢𝑚𝑒𝑠 𝑖𝑠𝑎, 𝑘𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑗𝑖𝑟𝑎𝑎𝑐ℎ𝑖𝑠𝑢𝑠 𝑖𝑠𝑎 𝑤𝑎𝑎𝑛 𝑡𝑎'𝑒𝑒𝑓. 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑖𝑛𝑛𝑖 𝑠𝑖𝑖𝑓 𝑘𝑒𝑛𝑛𝑒𝑡𝑡𝑖 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑔𝑎𝑙𝑎𝑡𝑒𝑒𝑓𝑓𝑎𝑡𝑡𝑢 ℎ𝑖𝑛 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑖𝑛.

𝑔𝑢𝑦𝑦𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑟𝑒𝑒𝑑𝑑𝑢𝑢 𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑖𝑓 𝑦𝑎𝑎 𝑡𝑎'𝑢🙏🏽🙏🏽🙏🏽


oro_motivate

05/11/2022

𝙤𝙗𝙨𝙞 𝙨𝙞 𝙗𝙖𝙧𝙗𝙖𝙖𝙘𝙝𝙞𝙨𝙖!

𝑜𝑏𝑠𝑎 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑢𝑢𝑛 𝑤𝑎𝑛𝑡𝑎 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑢 ℎ𝑢𝑛𝑑𝑎 𝑑𝑎𝑙𝑎𝑔𝑎𝑎, 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑓𝑖𝑖𝑔𝑎𝑛/𝑘𝑎𝑎𝑡𝑎𝑛 𝑖𝑚𝑚𝑜𝑜 𝑑𝑎𝑏𝑎𝑟𝑠𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎. 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑓𝑖𝑖𝑔𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑑𝑢𝑟𝑠𝑢𝑢𝑓 𝑗𝑒𝑐ℎ𝑎 𝑑𝑜𝑔𝑜𝑛𝑔𝑜𝑟𝑎 𝑏𝑎𝑎𝑦'𝑒𝑒 ℎ𝑜𝑗𝑗𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎. 𝑘𝑢𝑓𝑎𝑎𝑡𝑖𝑓𝑖𝑙𝑙𝑒𝑒 𝑠𝑎𝑎𝑥𝑖𝑙𝑎𝑚𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑎.
𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜𝑛 𝙖𝙗𝙗𝙖𝙖 𝙝𝙪𝙢𝙣𝙖𝙖𝙩𝙞. 𝑖𝑡𝑡𝑖𝑖𝑛𝑎𝑛 𝑑𝑜𝑟𝑔𝑜𝑚𝑎 𝑦𝑜𝑜 𝑗𝑒𝑡𝑡𝑒, 𝑘𝑎𝑛 𝑠𝑖 𝑚𝑜𝑜'𝑎𝑡𝑢 𝑐𝑎𝑎𝑙𝑎𝑎, 𝑠𝑖 𝑘𝑢𝑓𝑓𝑖𝑠𝑒𝑒𝑡 𝑠𝑖𝑏𝑖𝑟𝑎 𝑑𝑎𝑟𝑏𝑎/𝑡𝑎𝑟𝑎. 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑚𝑜𝑜'𝑎𝑐ℎ𝑢𝑢 𝑘𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑢 𝑜𝑏𝑠𝑖𝑡𝑒𝑒 𝑘𝑎𝑛 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑠𝑠𝑢 𝑑𝑎𝑙𝑎𝑔𝑎𝑎, 𝑘𝑎𝑛 ℎ𝑖𝑛 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑒 𝑖𝑚𝑚𝑜𝑜 𝑔𝑢𝑦𝑦𝑎𝑎 𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑎𝑎𝑛𝑢𝑡𝑡𝑖 𝑑𝑎𝑏𝑎𝑟𝑠𝑢𝑢𝑑ℎ𝑎𝑛 𝑞𝑜𝑓𝑎.


𝑑𝑎𝑎𝑤𝑤𝑖𝑡𝑖𝑖 𝑚𝑖𝑙𝑘𝑎𝑎'𝑖𝑛𝑎𝑎

07/06/2022

"Yeroon hojjechuu dhiisuudhaan qofa utuu hin taane hojjechuudhaanis ni qisaasa'a" Maal jechuudha? Jireenya keessatti waan hojjettu tokko irraa gita hojjetutti bu'aa hin argattu yoo ta'e ,kun qisaasa'ummaa yerooti,qisaasa'ummaa humnaatis. Kun akka ta'u kan godhu karoora beekumsa irraa hin ijaaramne,tarsimoo yeroo giddu hin galeeffanne,naannoo wallaaluu,tooftaa dhuma hojii tokko irratti rincicuudhaan. Yeroofi humna hojii keerratti aarsaa gootuuf bu'aa argattu wal madaalchisi. Kan wal gitu mitii? "Amma hojii kana jijjiiruun qaba" jettee yaadde? Lakkii! Utuu hojii hin jijjiirin dura mee karoora hojii kee qori. Tooftaa hojii kees ilaali. Mee tooftaawwan hojiikee ittiin hojjetamuu danda'u keessaa tooftaa isa olaanaa fayyadamaa jirtaa? Kana hunda ilaali waan sirreessuun sirra jiru sirreessi. Hojjechuun kee gaarii ta'us hamma hojiicharraa argachuu dandeessu mara duguugdee argachuun sirra jira. Kanaaf,itti yaadi.Yeroo haala kana keessatti qisaasa'u irraa of eeggadhu. Jireenya keessatti yeroon irraa hafaa qisaasa'u danda'u hin jiru. Waan hojjechuu hin qabne hojjechuudhaanis yeroo hin balleessin.

Address

Shakiso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Chala Alemayehu Beriso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share