31/10/2024
Aadaafi Aartii !
======
gara Ardaa Odaa
Jila jilachuuf yaa’i Booranaa sadeeniifi qaalluun bakka duraan turanirraa ka’anii gara ardaa jilaatti sirriiqu. Gadaafi Laduu qofa osoo hinta’in namni odaa bulee eebba argadhaa jedhuufi bakkawwan adda addaa jiraatu hundi gara ardaa jilaatti godaana. Fakkeenyaaf; yaa’iin Harbooraa bakka duraan jiruu, ardaa Omaachootii ka’ee ardaa odaa Guutoo qubate. Kan Hawaxxuu bakka duraan jiruu, Aanaa Yaa’abaloo ka’ee ardaa Odaa, Aanaa Areeroo, ardaa Bulee Haraa-Sogiddoo qubate.
Yaa’iin koonnituu Aanaa Areeroo, Ganda Qaawaatii ka’ee Aanaa Areeroo, Ganda Halloonaa, ardaa Halloonaa qubatan. Warri Odiituu Aanaa Areeroo Ganda Halloonaa ka’ee gandichuma keessaa ardaa Hara- Qaalluu qubatan.
Kanaaf jila kanaaf bakkawwan hundaarraa dhufu. Seeraafi duudhaasaanii eeggatanii; meeshaa manaa gaalatti fe’aniifi horiin qaban oofaa gara ardaa lafa dhawaatti godaanu. Godaansi hangaftittii qaba. Jila kanaaf bokkuun waan hangafuuf aadaa hangaftittii eeggatanii bokkuun dura baha. Ittaansuun Abbaan Gadaa faana baha.
Oggaa godaanii qubatan namuu gosa waliin qubatu waan qabuuf namuu garuma gosasaatti godaana. Yaa’iin sadeenuu yoo godaanu Eemmajjiifi Fulleelee gara Odiituu godaanti. Maaliif jennaan warrii kun waan waliif sunsuma ta’aniif. Sunsuma sadeen jedhanii walitti qubatan. Godaananii qajeeltuun Ardaa Odaa hinqubatan. Halkan tokko jidduu bulan. Jalbultiin tun lafa dhaha jedhamti.
Ardaa lafa Dhaha ykn Bacibacii
Ardaa lafa Dhaha jila odaa qofaaf hinbulan. Jiloota hedduu keessaatti lafa dhaha yokiin jalbultii jilaa buluun dirqama. Jiloota akka Odaa, Buttee dhaabuu, Gadamojjiifi kanneen biroo keessatti lafa dhaha buluun beekama.
Jilti Odaa tan baranaa yaa’ii sadeeniifi laduun godaanee osoo ardaa jila Odaa hindhaqqabiin bakkuma jiruu lafa dhaha bule. Ollaan kun shanachaan gargar bahee qubatee, akkuma qubateen uchumaa buufatee buna qalata. Uchuma jechuun muka aadaa kan yoo irban ibiddaa buusuudha. Ummanni Booranaa yoo qubatu jalqaba uchuma buufatu