Oromoo Koo

Oromoo Koo Odeeffannoo haqa qabeessa qabsoo jijiiramaaf "
Page keenya irratti qaama ummataa waan gaarii hojjate mara ni jajjabeessina... ol kaasnee xiiinxalla.

Kan badii fi yakka irratti bobba'e garuu waan sanaaf malu akkasumas sirreeffama isaa xiinxalla

Jawaar gaduma deema biyyi oluma deemti!Akkuma beekamu waggoottan darban kana keessa biyyi keenya Itiyoophiyaan roga mara...
04/11/2025

Jawaar gaduma deema biyyi oluma deemti!

Akkuma beekamu waggoottan darban kana keessa biyyi keenya Itiyoophiyaan roga maraan injifannoowwan gurguddoo seenaan dagachuu hin dandeenye akkasumas immoo kan diinonni keenya keessaa fi alaa boquun itti cabe galmeessisuu dandeessee jirti. Kana malees Itiyoophiyaan erga hidha haaromsaa guddicha laga abbayyaa xuruudhaan eebbisiisteen booda fuula ishee gara ulaa galaanaa deebisuutti naanneffattee jirti. Kunis milkaa’ina guddaa akka ta’e eenyuyyuu haaluu hin danda’u.

Milkaa’iinni har’a Itiyoophiyaan galmeessaa jirtu kun immoo diinota biyya keenyaa warreen akka Missir, Shaabiyaa fi baandota akka murna ABUT, finxaalessa Faannoo fi Shanee fa’aaf mataa dhukkubbii cimaadha. Sababiin isaas hammuma Itiyoophiyaan milkaa’aa fi olka’aa deemtu diinonni ishee immoo badaa fi dhabamaa deemu.

Kanarraa ka’uudhaan yeroo kanatti Baadonnis ta’e Baandonni milkaa’ina Itiyoophiyaa duubatti deebisuuf namni isaan itti fayyadamuuf yaalaa jiran tokko nama ofiifuu kasaaraa hamaa keessa jiru Jawaar Mohaammadidha. Jawaaris immoo kana milkeessuuf qarshiin guddaan kaffalameefii yuutuberoota akkasaa waliin ta’uudhaan ololawwan kiiloo hin kaasne hedduu ololaa turee jira.

Haa ta’u malee ololawwan Jawaar oduuwwan mana bunaa fi mana jimaatti haasa’aman walitti funaanuudhaan keessaan naaf ergame jedhee ittiin Missirii fi Shaabiyaa irraa qarshii fudhachaa ture bu’aa diinonni biyya kanaa barbaadan fiduu dadhabuu isaatiin walqabatee isaanis qarshii irraa kutanii jiru. Kanaan walqabatee Jawaariin namni ‘’youtube’’ irrattillee isa affeeru waan dhabameef tibba kanammoo karaa ‘’face book’’ iyyaa jira. Namni biyyatti inaafu eessayyuu gahuu akka hin dandeenye namni Jawaariin arge salphaatti hubata.

04/11/2025
Shaneen haala kanaan funaanamaa jirti!Shaneen saamichaa fi gudeeddiin kan beekamtu bosona fi holka muka dawoo godhattee ...
04/11/2025

Shaneen haala kanaan funaanamaa jirti!

Shaneen saamichaa fi gudeeddiin kan beekamtu bosona fi holka muka dawoo godhattee ta’us, garuu ija fi irree gooticha RIB jalaa ba’uu hin dandeenye. Gootichi RIB kinoo bifa gaditti argamu kanaan yeroo inni walitti isii qabuun gorsuu fi kan fuuldura dhaabbachuu barbaaddu ammo adabu mullata. Shanee biyyeetti makuun itti fufa!

‘’Galgalli harree kanuma waraabessaati’’ jedhama!Yeroo ammaa kana Jawaar Mohaammad uummata irraan dhaladhe jedhu uummata...
27/10/2025

‘’Galgalli harree kanuma waraabessaati’’ jedhama!

Yeroo ammaa kana Jawaar Mohaammad uummata irraan dhaladhe jedhu uummata Oromoo irra diinota uummatichaa ofitti aanfachuudhaan halkanii fi guyyaa qarshiin guddaan kaffalameefi uummata Oromoo xiqqeessaa, nageenya uummatichaatti gufuu ta’aa akkasumas misooma hawaasichaa mormuu irratti argama.

Haa ta’u malee duras uummatichatu isa hin hubanneef malee Jawaar mooraa diinota Oromoo keessa akka turee fi faallaa uummatichaa dhaabachaa nama ture ta’uu isaa odeeffannoon jiru jala muree agarsiisa.

Sana booda yemmuu uummanni Oromoo biyyaa alaa fi biyya keessaa qabsoo isa murna nama nyaataa TPLF irratti finiinsaa turetti qabsichatti abbaa ta’uuf yaadee ‘’ Oromo first’’ jechuudhaan gara qabsoo uummata Oromootti makame. Sanaanis yeroo dheeraadhaaf qeerroo Oromoo goyyoomsee jijjiramaa booda immoo dheebuu aangoo qabu irraa kan ka'e mooraa isaa duriitti deebi'e.

Kanaaf yeroo ammaa Jawaar faallaa dantaa uummata Oromoo dhaabbachuun baandaa ta'ee ergama diinoota ba'uu irratti argama. Hawaasnis shira isaa erga hubatee oolee bubbuleera.

Jawaar ergamtuu diinaati!

‘’Hidda dhiigaa keenyatu cite.’’ Jaal Qeerransoo! Akkuma beekamu tarkaanfii laalessaa irree fi gaachanni uummataa gootic...
23/10/2025

‘’Hidda dhiigaa keenyatu cite.’’ Jaal Qeerransoo!

Akkuma beekamu tarkaanfii laalessaa irree fi gaachanni uummataa gootichi raayyaa ittisa biyyaa murna Shanee irratti fudhachaa jiruun garichi rukutamee humni isaa bututuudhaan diigamee baduuf qarqara irra gahee jira. Tibba kanas immoo godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti Jaal Dinaagool biyyee qammasuu danda’ee jira. kanaan walqabatee murna Shanee keessatti yaaddoo fi muuddamni guddaan uummamee jira. Jaal Qeerransoon gama isaatiin hidda dhiigaa keenyatu cite Diinaagool dhabnee bayyanachuu hin dandeenyu jechuudhaan innis miseensonni isaas abdii kutannaa ulfaataa keessa akka jiran odeeffannoon gamasii miliqee bahe ni argisiisa.

👉Breaking 🇪🇹👌Itiyoophiyaan Haroo Barii Hidha Haaromsa Guddicha walqabatee uumameen lafa bal’aa Iskuweer kiloomeetir 28 t...
16/10/2025

👉Breaking 🇪🇹👌

Itiyoophiyaan Haroo Barii Hidha Haaromsa Guddicha walqabatee uumameen lafa bal’aa Iskuweer kiloomeetir 28 ta’u irratti jallisii, riizoortii, iddoowwan bashannana, hoteelot, fi misooma industirii qindaa'aa hojjachuuf dizaayinii maastar pilaanii qopheessitee jirti. (Masri maraattee baqqaa)

Misoomni qindaa'aan kun qarqara haroo bishaan qulqulluu uumuun lafa heektaara Miiliyoona 2.8 kan uffisu yoo tahu Itiyoophiyaa haaraa nannawa kanatti kan ijaaramu ta’a jedhamee eegama.

Wixineen maastar pilaanii kun Ministeera Bishaanii fi Inarjiitiin kan qophaa’e yoo ta’u, Kibxata kaleessaa Onkoloolessa 4, 2018, Riizoortii Piraamiid Magaalaa Bishooftuutti, bakka qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti dhiyaateera.

Gadaa ol ka'iinsa Itoophiyaa!

Obsaan Dubbisi!J-War, Shaneefi finxaaleyyii Faannoon hawaasa Oromootiif tokkuma!Humnoonni biyya kana diiguudhaaf halkani...
16/10/2025

Obsaan Dubbisi!

J-War, Shaneefi finxaaleyyii Faannoon hawaasa Oromootiif tokkuma!

Humnoonni biyya kana diiguudhaaf halkanii guyyaa hojjetan marti farra nageenyaa lammiilee biyya kanaa akka ta’an gochaan isaanii qofti ragaadha. Isaan maqaa garaa garaa moggaafatan illee hojiin isaanii tokkumma. Innis ajjee-chaa suukaneessaa, hanna daangaa darbe, saamichaa, gudee-ddii fi yakkoota garaa garaa ta’uun isaa eenyuu ni hubata. Hawaasa Oromoo maqaa dhahachuudhaan kan soch’an kanneen Jawaar fa’as wanta Oromoo fayyadu yemmuu isaan haasawan fi dubbata akkasumas gochaan agarsisan argamee hin beeku. Inumaa yakkaafi gidiraa hawaasa keenyaa daran babal’isuun isa Oromoon qabsaa’ee gabrummaa waggoota 150 qabsoo isaatiin cabse har’a illee sana jalatti deebisuuf yeroo isaan hojjatan qabatamaan argaa jirra. Kanaanis humnoota finxaaleyyii dantaa Oromoo faallaa dhaabbatan waliin hariiroo tolfachuun karoora fashalaa’een yemmuu sochii godhan eenyuu ni beeka.

Shaneenis hariiroo humna finxaaleyyii Faannoo ofiin jedhu waliin ta’ee Oromoo Wallaggaa yemmuu inni ficci-siisuu kan quba hin qabne hin jiru. Inumaa garichi akka caasaa mataasaa ijaarratee roorroo armaan dura hin jirree akka uummaticha irratti raawwatuuf haala kan mijeessu Shanee Marroon hoogganamu akka ta’e ifa galaadha. Uummanni akka waan qabuun humna kana ofirraa hin qolanne meeshaa qotee bulaan qabu irraa funaanee harka duwwaatti hambisuun mormi citee roorroon akka hawaasicharratti hammaatu kan taasise Shanee dha. Warreen hedduun immoo qe’eefi lafa isaanii irraa buqqa’anii akka jireenyi isaanii namaa gadi ta’u kan godhe Shaneefi humna finxaaleyyii kana ta’uu haqa hin haalamneedha.

Maarree nutis J-War, Shaneefi finxaaleyyii Faannoon hawaasa Oromootiif tokkuma kan jenneef akkasumaan akka hin taane hunduu hubateera!

Oromoon diinaafi firasaa adda baasee beeka!

👉Hatuu, saamuu, gubuu, ajjee-suu, gudee-duun ......Amaloota Shanee isaan ijoo dha👇👇shaneen Dii-na Oromooti!
08/10/2025

👉Hatuu, saamuu, gubuu, ajjee-suu, gudee-duun ......
Amaloota Shanee isaan ijoo dha👇👇
shaneen Dii-na Oromooti!

Address


Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo Koo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share