Oromoo KOO

Oromoo KOO Gaarummaan Ofumaaf✍️

02/10/2026
02/10/2026

Itoophiyaafi Jaappaan waliigaltee deeggarsa Birrii Miliyoona 375 waliif mallatteessan

‎Oduu Waliif Tv Sadaasa 1/2026/Finfinnee

Itoophiyaa fi Jaappaan waliigaltee deeggarsa Birrii miliyoona 375 waliif mallatteessuun ibsameera.

Itoophiyaatti misooma ruuzii teeknooloojii ammayyeessuufi oomishtummaa guddisuuf kan dandeessisu, waliigalteen deeggarsaa Yeenii Jaappaan Miliyoona 360,(kan Birrii Itoophiyaa miliyoona 375)tti tilmaamamu, mootummaa Itoophiyaa fi mootummaa Jaappaan gidduutti mallatteeffameera.

Waliigaltee kana Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee,Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Ambaasaaddar Shibaataa Hiironorii, akkasumas bakka bu’aan olaanoo Waajjira Ejensii Tumsaa Idil-Addunyaa Jaappaan (JICA) Itoophiyaatti argamuu Hirooyuukii Yaakuushii waliigaltee deeggarsa Birrii Miliyoona 375 mallatteessaniiru.

Deeggarsi teeknooloojii kun qophii lafaa irraa eegalee hanga oomisha walitti qabuu fi qopheessuutti adeemsaalee hojii garaagaraa salphisuu, qulqullina oomisha ruuzii fooyyeessuu fi oomisha erga walitti qabamee booda uumamu mancaatii hedduu hir’isuuf gahee olaanaa akka qabu ibsameera.

Sirna waliigaltee mallatteeffameerratti Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee, qonni guddina dinagdee biyyattii saffisiisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi sadarkaa jireenyaa hawaasa baadiyyaa fooyyessuu keessatti gahee bu’uuraa akka qabu ibsaniiru.

Ministirichi, mootummaa Itoophiyaa qonnaan bultootaaf jireenya fooyya’aa uumuuf sirna hojii ammayyaa teeknooloojiin deeggarame diriirsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Obbo Ahimad Shiideen deeggarsa maallaqaa mootummaafi uummata Jaappaan taasiseef, akkasumas hariiroo fi tumsa waggoota dheeraaf biyyoota lamaanii gidduu tureef galateeffachuun Ejensiin Tumsaa Idil-Addunyaa Jaappaan (JICA) damee qonnaa Itoophiyaa irratti deeggarsa itti fufiinsa qabu taasisaa jirus dinqisiifachuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul'isa.

AMN Wabeeffanne

Odeeffannoowwan dabalataa kanneen biroo argachuuf👇
Facebook- Waliif TV
Youtube- www.youtube.com/
Telegram- https://t.me/waliiftvofficial
Tiktok- www.tiktok.com/
WhatsApp-https://whatsapp.com/channel/0029Vb2IYuXE50UolYA1Up3j
Waliif TV Ilaalcha Haaraa

Address

Ethiopian
Shashemene
1000

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo KOO posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share