
14/01/2025
Oduu Addaa‼👏
= = = =
Ergamni waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti raawwatame dinqisiifate.
Komishinii Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti dura taa’aa kan ta’an Ambaasaaddar Mohaammad El Amin Siyuuf, ibsa baaseen, waliigalteen kuni “hariiroo gamlamee keessatti milkaa’ina murteessaadha” jechuun waliigaltee Ankaaraa hojiitti hiikuuf tarkaanfii murteessaa ta’uu ibseera.
Ambaasaaddarichi hariiroo diiploomaasii biyyoota lamaanii cimsuu, tumsa nageenyaa cimsuufi hariiroo diinagdee ijaaruun nageenya biyyoota lamaan gidduu jabeessuun “nageenya naannoo, tasgabbiifi badhaadhina walootiif” barbaachisaa ta’uu eereera.
Ergamni Gamtaan Afrikaa Somaaliyaatti gaggeessu yaalii nageenyaa Somaaliyaa taasisftuufi hariiroo naannoo utubuuf kutannoo akka qabu eeruun fedhii ummata Somaaliyaafi mul’ata Gamtaa Afrikaa kan ardii nageenya qabduufi badhaadhtee ijaaruuf kutannoodhaan hojjatu kan tumsuu ta’uu ibseera.
Biyyoonni lamaan, ibsa Amajjii 11, 2025 baasaniin, karaa qonsila biyyoota lamaaniitiin hariiroo gidduusaanii jiru deebisanii ijaaruuf waliigaluu ibsaniiru. Dantaa waloo dhugoomsuuf dhimma waloorratti tumsaan akka hojjatan eeraniiru.
Ibsichi rakkoo nageenyaa jiru xiinxaleera. “Rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru tumsa cimaa biyyoota lamaan barbaada,” ibsichi jedheera.
Sodaa gareen finxaaleyyii naannichatti uuman hiikuuf waloon hojjachuuf akka yaadan gaggeessitoonni biyyoota lamaanii himaniiru. Kunis ergama al shabaab waraanuuti.
Biyyoonni lamaan waldhabdee sababa waliigaltee handaara galaanaa Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallattaa’e hordofee waggaa tokkoof gidduusaanii ture furuuf waliigaltee Turkii Ankaaraatti malleessuu hordofeeti.
Akkaataa waliigaltee kanaatiin, Itoophiyaan qarqara handaara galaanaa kan argattu yoo ta’u Somaaliilaandiif beekkamtii kenniti. Waliigalteen kuni Somaaliyaa muffachiisuu hordofee Iroophiyaa waliin waldhabdee keessa galteerti.
waldhabdee ture hordofuun, ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa diiploomaatiin Itoophiyaa