28/09/2023
23 WANTOOTA ABBA WARRAA KEESSAN HARKA KEESSAN JALATTI GOCHUUN ITTIN TO'ANNAA
1. Maqaa gaariin isa waamaa
2. Mataa maatii ta ee aangoo isaa akka fayyadamu hayyamiif.
3. Yeroo miidhamee isa hin mormin.
4. Yeroo inni aaru callisi. Yeroo tasgabbaaye keessatti dhiifama gaafachuun gara isaatti deebi'uu dandeessa maaliif akkasitti amala akka isa aarse ibsuun dhifama gaafadhu.
5. Yeroo isa mufachiiftu hunda "Dhiifama jaalallee koo" jechuutti ariifadhu, dhiifama isaa irratti cichi,yeroo inni mufachiisu dinqisiifadhu fi dhungadhu.
6. Hiriyyootaa fi obbolaa isaa duratti gaarii isaaf dubbadhu.
7. Haadha isaa kabaji
8. Warra isaatiif kennaa akka bitu cimsi kakaasi ammalle warra keetiifis akkasuma akka godhu jajjabeessi
9. Keessattuu yeroo qarshii harkaa hin qabne nyaata jaallatuun isa ajaa'ibsiisi nyaata isaas gonkumaa hin tursiisi.
10. Yeroo mana jirtutti hojjettuun manaa nyaata akka isaaf dhiheessitu hin hayyaminaa. Sababni isaas ishee irraa si arguu danda'a.
11. Yeroo inni deebi'u hammachuudhaan simannaa ho'aa isaaf godhi, meeshaa isaa irraa fudhuu fi uffata isaa baafatuu gargaaruu.
12. Yeroo isa ilaaltu seeqadhu yeroo hawaasummaan baatu tasa isa dhungadhu.
13. Yeroo tokko tokko ijoollee kee duratti isa faarfadhu.
14. Yeroo inni tuubii ykn shawaari keessa jiruu dugda isaa dhiqiif.
15. Sanduuqa laaqanaa ykn boorsaa isaa keessa yaadannoo jaalalaa kaa'i.
16. Bilbilaan akka isa yaadde itti himi.
17. Lakkoofsa isaa bilbiltee "hello" jedhiiti akka isa jaallattu qofa itti himi.
18. Nama ummataa ykn nama siyaasaa yoo ta'e ganama barii suuta dammaqsuun hamma barbaadamutti jaalalaan gara jaalalaatti waami. Guyyaa sana dubartii biraa kamiinuu hin sossobamu.
19. Abbaa manaa kee ta'ee isa argachuun kee hammam akka carraa qabdu itti himi.
20. Sababa tokko malee ammadhu ofiitti qabi.
21. Adamii jireenya keetiif Rabbiin galateefadhu.
22. Yeroo hunda isaaf Rabbii kee kadhachuu yaadadhu.
23. Waliin salaatuun ganamaa fi galgala zikrii godhaa.
Rabbiin bultii keessan hasurreessu