SHENO TIMES

SHENO TIMES Sheno

WallagaaDhiiga koo😭Sabaa koo😭Sarreen anaa jalaa nyattee😭
29/08/2026

Wallagaa
Dhiiga koo😭
Sabaa koo😭
Sarreen anaa jalaa nyattee😭

11/08/2026

Laga Xaaffoo jirra lagni garuu hin jiru

AJEECHAA BARSIISAA TALIILAA BADHAANEE( Gabaasa Qorannoo) Taliilaa Girmaa Badhaanee Salaale Aanaa Warra Jaarsoo Ganda Abb...
24/07/2026

AJEECHAA BARSIISAA TALIILAA BADHAANEE
( Gabaasa Qorannoo)

Taliilaa Girmaa Badhaanee Salaale Aanaa Warra Jaarsoo Ganda Abbuu Keekkuu jedhamutti dhalatee guddate. Barnoota sadarkaa 1ffaafi 2ffaa achumatti barate. Barnoota isaa Digirii jalqabaan Yuuniversiitii Finfinnee kiiloo 6 irraa eebbifamuun barsiisaa Seenaa (History) ta'ee tajaajilaa ture. Godina Buunnoo Baddallee aanaa Daaboo Haannaa mana barumsa Daaboo sadarkaa 2ffaa keessatti barsiisaa seenaa ta'uun tajaajila barsiisummaan dhaloota qaraa ture. Nama quuqama Oromummaa qabuufi quuqamee hojjatu waan ta'ee barsiisaa seenaa ta'uusaa akka carraatti fayyadamee hammeenya sirni wayyaanee Oromoo irraan ga'e barattoota hubachiisaa ture. Mana barumsaa barsiisaa ture keessatti barsiisotaafi barattoota dhoksaan ijaaree dargaggoota magaalaan walitti hidhee sochii FDG naannoo Baddalleetti godhame keessatti qooda guddaa taphataa ture. Fincila Diddaa Maaster pilaanii wayyaaneen barattootaafi dargaggoota kakaasuun sochii guddaa godhaa ture.

Akkuma jijjiiramni qabsoo Qeerroo Oromoon dhufeen hojii barsiisummaa gadi lakkisee gara Finfinnee dhufuun hojii jalqabe. Yeruma gabaabduu sana keessatti waajjiraalee adda addaatti jijijjiiruun rakkisaa turan. Aanaa Qindibiit magaalaa Shanoottis ramadamuun hojjateera. Boodarra aanaa Kuyyuu magaalaa Garba Gurraachaatti gara hooggansaatti fidan. Akka hooggansa haaromsaatti hooggantoota haaraa muudamanitti dabalamee hojjeetaa ture.

Yeroo Taliilaan hooggansa ta'ee jirutti dargaggoota dhalootaan achuma ta'an shan "seelii diinaati" jechuun rashanuuf mariin godhame. Taliilaan yoo dargaggoonni kun WBO waliin hariiroo qabaachuun shakkaman, gorsinee deebifna malee ajjeefamuu hin qaban” ajjeefamuu hin qaban jedhee morme. Kaabinoonni magaalaa Garba Gurraachaa isa waliin turte gaafuma sanarraa ilkaan itti qaruu jalqabde.

Adeemsi hojii kaabinee isa waliin jiranii ta'uufii dide. Kanarraa ka'uun magaalaa Finfinnee galee mana barnootaa naannoo Aqaaqii Qaallittiitti argamu tokko keessatti qacaramuun hojii

Gaafa nama badhaasu,  badaa nama hin dhamaasu jedhaniMiidhagina uumamaa nama raajeffachiiseAkka tasaa, ija kaameeraa see...
08/07/2026

Gaafa nama badhaasu, badaa nama hin dhamaasu jedhani
Miidhagina uumamaa nama raajeffachiise
Akka tasaa, ija kaameeraa seente. Hireen sun garuu carraa gurguddaa hedduu fideefi dhufe. Kunoo dhaabbileen gurguddoo addaa addaa International modelist ishee taasisuuf iyyaafachuun jiruu

Ezeemaan barana akka waliigalaatti teessoo 86 argate; 13 Paarlaamaa, 73 Mana Maree Naannolee. Kuni injifannoo guddaadha....
22/06/2026

Ezeemaan barana akka waliigalaatti teessoo 86 argate; 13 Paarlaamaa, 73 Mana Maree Naannolee. Kuni injifannoo guddaadha.

Wanti beekkamuu qabu garuu Ezeemaan injifannoo kana akka salphaatti hin arganne. Akka namoonni tokko tokko jedhan injifannoo kana badhaasaanis hin fudhanne.

Ezeemaan guyyaa hundeeffamerraa eegalee akka paartii siyaasaa ammayyaatti socho'uu eegale. Sagantaa siyaasaa ofii bocatee qixeeffate. Sana booda akkaataa sagantaa isaatiin cichee hojjete.

Ezeemaan akka paartiilee tokko tokkoo yoo ho'e qabsoo hidhannoo, yoo qabbanaa'e immoo qabsooo karaa nagaa hin adeemsisne. Qabsuma karaa nagaatti ciche. Karaan kiyya kanuma jedhe.

Ezeemaan dantaa biyyaalessaa fi ajandaa siyaasaa yeroo gabaabaa adda baasee beeka. Yennaa biyyi rakkoo keessa galtu kutannoo guddaan ummataa fi mootummaa waliin dhaabbate. Yeroo haalli mijatu ammoo akkaataa sagntaa siyaasaa isaatti tarkaanfate.

Ezeemaan bakka mootummaa waliin hojjetuu qabutti mootummaa waliin dhaabbate; mootummaa tumse. Bakka mootummaa mormuu qabutti immoo ija jabaatee mootummaa fuuldura dhaabbate. Ni falme!

Ezeemaan akka tiksee hamtuu mufatee irbaata hin didne. Carraa aangoo argate harka baldhisee fudhate. Fudhachuu qofa osoo hin tolchee itti fayyadame; bakka itti ramadametti hanga ajandaa ijoo ta'utti ittiin hojjete.

Kuni hundi walitti dhufee har'a Ezeemaa abbaa injifannoo taasise. Kanaafuu, injifannoon kun injifannoo kennaan argamee miti; hojii fi tarsiimoodhaan dhufe. Bu'aa cichoominaati.

Paartiileen tokko tokko sagantaa siyaasaa ifa ta'e hin qabani. Hidhannoos ni deeggaru; qabsoo karaa nagaas ni mokkoru. Dantaa biyyaalessaa fi ajandaa siyaasaa waliin maku. Mufatanii waltajjiirraa hafu ykn dhiitanii bahu. Tarsiimoon isaanii wacaa fi arrabsoodha. Hojiin isaanii mootummaa hamachuudha.

Akkasitti aangoo argachuu barbaadu. Aangoon immoo akkasitti hin dhufu. Yoo dhufes summiidha. Liqimsi! Du'a dhoksanii awwaalcha eessa geessu!

Gadi taa'aa siyaasa Ezeemaarraa qara'aa jenna Kaa!đŸ„ș

SIN TAAJJABE YAA JIRU Bagan daladhee i'shoHin abaaru carraakoSitu Manaa nabaaseeDaaraa natti uffiseeIccitiiko saaxilee m...
15/06/2026

SIN TAAJJABE YAA JIRU

Bagan daladhee i'sho
Hin abaaru carraako
Situ Manaa nabaasee
Daaraa natti uffisee
Iccitiiko saaxilee malee
Ormi hin argine dhufee
Qullaa daaree jiraadhus
Kan nabeeku si qofaa
Bishaan raafu nyachukos

Sittan mufadhee an jiru
Loogii narratti hojjettee
Wolqixumman hin jiruu
Tokko gaara yaabsifta
Tokko cooma nyachifte
Ana maaf jonjaasifta?
Agabuu na bulchitee
Bar'uuf dhi'uu lafaaa
Maalif na wollaalchifta?

Nandeema an callise
Sagaleeko dhokfadhee
Bosonni nama hin nyaatu
Hin jirum kan naaf yaadu
Of keessa. qaba garuu
Bineensa nama nyaatu

Gonkuma siifin ciisuu
Nan dhorkini fiigicha
Hin dhiisu Nan susuka
Nan kiyyeesin na dhiisi
Tarkaanfi nadhorkitus
Jilbeenfadheen daa'ima
Abdii hin kutu na beekta
Kanaaf hirre jabaadhan
Cimsitee nagaadita

Situu Karaa natti base
Uleedhan natti harkiftee
Karrako itti argissise
Male Rakkoon hin beektu
Daandi mana ko fidu
Rakkinni jaamadha ofiifu
Dhaqafi gala hin beektu
Malee Silaa hin galturee
Kaate maaf hin deemture?

Maalif Akkas na goota
Maalif na Miita garuu
Murtinke Kun haqaare
Vaarin nuuf halalamuu
Mo firummatu jiraa
Matta'adhan bitamte
Malammaltumma keetin
Macha'aa na taasifte??

Sin taajjabe yaa jiru
Akkasitti sin dhiisu
Lafti maaf hin bari'u
Urjii na lakkoofsifta
Dabareen ana hinga'u
Rakko narra hariitee
Yeroo kamin nakiifta?

Erga ofiif naffilattee
Akkan ta'uf naf ta'u
An ekelee gadimoo
Maafan akkasa hinta'u
Namni nama hin caalun
yoomi kan dhugaa ta'u
Hin turuu na argita
Mataakerra Yoon ba'u

Shanoo  Bitooteessa 15/2018, kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa Buufata Filannoo Naannoo Qimbibbii keessatti filannoo ...
24/03/2026

Shanoo Bitooteessa 15/2018, kaadhimamtoonni Paartii Badhaadhinaa Buufata Filannoo Naannoo Qimbibbii keessatti filannoo biyyoolessaa marsaa 7ffaa irratti bakka bu’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Caffee Oromiyaatiif dorgoman akka armaan gadiitti dhiyaataniiru:
Aaddee Fannoos Hayiluu – Aanaa Abbichuu irraa, Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatiif
Obbo Gabriyyee Tammiruu – Aanaa Abbichuu irraa, Caffee Oromiyaatiif
Obbo Fiqiree Abarraa – Aanaa Qimbibbii irraa, Caffee Oromiyaatiif
Aaddee Roomaan Kibabew – Magaalaa Shanoo irraa, Caffee Oromiyaatiif

  kombolchoo Gooroo Shaampiyoonaa Aammayaa Bara 2018 shanoo ta'ee.Shaampiyoonaan Aammayaa bara 2018 Bulchiinsa Magaalaa ...
23/03/2026

kombolchoo Gooroo Shaampiyoonaa Aammayaa Bara 2018 shanoo ta'ee.

Shaampiyoonaan Aammayaa bara 2018 Bulchiinsa Magaalaa Shanootti guyyoota sadiif gaggeeffamaa kan ture, guyyaa har’aa xumuramee jira.
Bitootessa 14/2018 Magaalaa Shanootiitti taphaan shaampiyoonaa Aammayaa gareewwan adda addaatiin gaggeeffamaa ture.Taphoonni gosoota garaagaraatiin gareewwan hedduun irratti hirmaatan.
GareenOlguddattoota Piroojektii Birhaanuu Gizaa fi gareen Ganda Kombolchaa Gooroo gidduutti dorgommii cimaa gaggeeffame. Tapha kana keessatti, rukuttaa penaltitiin gareen Kombolchaa Gooroo injifannoo gonfatee jira.
Dabalataanis, gareen Kombolchaa Gooroo tapha kubbaa saaphanaatiin injifannoo lammaffaa argateera. Akkasumas, gareen dubartootaa Pirojektii Birhaanuu Gizaa geebba argachuun shaampiyoonii Aammayaa bara 2018 ta’aniiru.
Shaampiyoonaan kun bifa ho’aa fi miira waldorgommii cimaa qabuun gaggeeffamee, hirmaattonni cichoominaan hojjechuun wanti hin injifamne akka hin jirre agarsiiseera. Dirreen kubbaa miilaa Shanootii kunis agarsiistuu guddaa ta’ee jira.
Walumaagalatti, dargaggoonni yeroo isaanii sirnaan yoo fayyadaman bu’aa qabeessa ta’uu akka danda’an hubachiiseera. Ispoortiin tokkummaa, obbolummaa fi wal kabajuu kan ittiin baratamuudha.

Address

Sheno 2
Sheno
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when SHENO TIMES posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share