Abinaat Mulaatuu

Abinaat Mulaatuu Aduunyaa kanarraattii baayee sodaataman nikiwulaara. Garuu nikiwulaara kan omishee sammuudha

Bor haa deebisu!-Silaa,Gogaa jiidhaatti maruMana ganamaan haru,Firaafii alagaa baru!Silaa,Bobaa fagootti hin fiiganQe'ee...
13/08/2023

Bor haa deebisu!
-
Silaa,
Gogaa jiidhaatti maru
Mana ganamaan haru,
Firaafii alagaa baru!
Silaa,
Bobaa fagootti hin fiigan
Qe'ee ofirratti hin diigan!
Silaa,
Gorsa alagaa baqatu
Dutna firaa abdatu!
Silaa,
Alagaa fuula hoosisu
Qe'eetti garaa deebisu!

Garuu,
Karaa baasu hin barre
Gogaa jiidhaatti hin marre
Fira diinomu hin beekkanne
Aantee jiraatu hin eegganne
Isuma taa'anii fannisan
Buusuuf ofum rakkisan,
Qe'eettis gaaffii harkisan!

Ammahoo!?
Waan darberraa maal baratan,
Maal dhabanii maal argatan!?
Ijaaruree qe'ee diigan,
Deebisuuree nagaa dhiiban?..
Fira kaleessaa- alagaa har'aa,
cabsuu qofaaf mijeeffatu
...Moo...
Eenyummaa hin fudhanne,
kan ormi ittiin abaaru,
qe'ee ganamaa sirreeffatu?

Olmaa. Gaarii

01/11/2022

Darbatamuun hundi gatamuuf, kufuun hundis achiin hafuuf miti.
Sanyiin midhaanii lafatti darbatamee; kufee ka'a, ka'ee lata, latees baha.
Ija tokko ta'ee faca'ee, bu'aa ija hedduu waliin dhufa.
Akkuma biyyoon darbatamu hundi awwaaluuf, dhagaan namatti darbatamu hundis balleessuuf hin taane, wanti hamaa fakkaatee namatti dhufu hundis jireenyatti nagaa nama dhaamsisuuf miti.
Eeyyeen, darbatamuun hundi darbee nama hin hambisu.
Harka hin kenniin!
πŸ‘‰ 'SANSAKKAA SAKAALAME' jedhamu, kan Abdiisaa Ejjetaa 'n barreeffame keessaa fudhatame.
πŸ‘‰Kitaaba kana barbaadaa dubbisaan affeerraa kooti!πŸ™πŸ˜
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
fulduraa_kee_jira

Address

Adama
Shewa

Telephone

+251913572084

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abinaat Mulaatuu posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Abinaat Mulaatuu:

Share