18/06/2026
Dinqiisaa Dabalaa waggaa 7'n kana yeroo reefu Waraanni qe'ee Oromoo gooluu eegalu akkas jedhee sirbee turee, garuu namuun dhaggeeffannee.
"Abaayyee maaloo koot ya abaayyee maaloo
Karrarra geessee maaf olin seenne jaaloo X2
Ulfi lubbuu lama baattee, osoo ciniinsutti jirtuu
Wayyoo isin gidduutti duutee, kunoo bu'aan kana taate
Haayyoo gadaamessi dhiigaa, madaan lammii kiyyan qoorre
Walii galaa nu waldhaanaa, akka qeerroon hin wareerre"
Kunigaa waggaa torba duraa, eddasii qe'een Oromoo, haati, abbaan, dargaggessi Oromoo maal akka ta'an ni beektu. Hardhas hin dhaabbanne Ulfi isaan giddutti du'aa jirti, ammas dhuguma madaan Lammii kanaa hin qoorre, ittuu baldhate, ittuu cime. Falli walii galuu qofa, falli marii fi marabbaan ta'anii rakkoo furuudha. Kunin taane taanan ammas Gadadoon Harmee Oromoo itti fufa💔