Shirrishirrii Badhaadhaa 11

15/06/2026
Baga ittiin geenye!Baga gammadanii!Afurtama aabbaaBaga qaqqabdaniiJila tuulamtichaaJila hayyuu fi jaarsaaMallattoo angoo...
12/06/2026

Baga ittiin geenye!
Baga gammadanii!
Afurtama aabbaa
Baga qaqqabdanii

Jila tuulamtichaa
Jila hayyuu fi jaarsaa
Mallattoo angoomaa
ALANGEE dabarsaa

Alangeen qajeeltee
Jilliillee wal ga'ee...
Sirni bultoo buluu
Hayyuudhan mogga'ee

Mallattoo angoomaa
ALANGee dabarsaa...
Uummanni tuulamaa
Warri hayyuu fi jaarsaa

Waggaa saddeeti guutuu
Kan angoo irra turee.......
Eebbaan wal angeessa
Dabareen wal furee

Ilmaallan tuulamaa
Milkaa'aa oofkalaa
Burqee haa lola'u
Eebbi alaa golaa

Dabaree dabareen
Angoo waliin ga'u
Beekaa bara raagee
Dhugaaf ragaa ba'u

Gaammee fi dabballee
Foollee fi itti makoo......
Kan diroo fi dabaree
Maatii jaarraa fagoo

Hirkoo ormaa fi firaa
Beekaa sirna guutuu
Angoo dabarsanii
Eebbaan waliif laatuu

Hortee hunda dursee
Sirna bu'uuressee.....
Sirna gadaa tumee
Addunyaa sirneessee

Raagaa fi raagduudha
Egeree akeeku...........
Kan darbe xiinxalu
Bara dhufu beeku

Qabeenyan galaana
Baay'inaan cirracha
Beekumsan guutuudha
Umuriin buleecha

Morkatus dureedha
Yoomuu mirga oola
Faanni isaa milkiidha
Ba'aa fi gala tola

Abbaa qe'ee bal'oo
Abbaa malkaa jiituu
Abbaa tulluu eebbaa
Alaa manni guutuu

Warra dhibdee isaa
Gaaddisan furatu...
Kan eebban eegalee
Eebban xumuratu

Kan addi kallachaa
Kan bokkuu qabatu
Galaana beekumsaa
Keessaa warabbatu

Kan sirnaan gaggeessu
Hortee dhala namaa
Daacci, bachoo fi jiille
Yaa sadeen tuulamaa

Dameen sirna gadaa
Damee shantu jiraa
Dabaree dabareen
Angoodhan wal fura

Waggaa saddeetidha
Marsaan gadaa tokkoo
Tartiiba eeggatee
Waliif kenna angoo

Alangee qajeeli
Duudhalee sirneessi
Waan sirrii jabeessi
Waan dabduu sirreessi

Jilli kan milkii fi nagaa
Kan qanaanii fi quufaa
Diroo fi dabaree.......
Dhaloonni itti fufaa
🖋🖋hayiluu👍

11/06/2026

Imimmaan ilma dhiiraa bishaan miti dhiigaaOnneetu Adoodee hadhooftuu diddigaa
07/06/2026

Imimmaan ilma dhiiraa bishaan miti dhiigaa
Onneetu Adoodee hadhooftuu diddigaa

Address

Ambo
Shewa

Telephone

+251919919869

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shirrishirrii Badhaadhaa 11 posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share