
03/10/2024
Dhiphinni Yesus Kiristoos simate rukkuttaa duwwaa sitti fakkaataa? Mismaaraan Waqaramuu, Gindillaa jiidhaa fi Ulfaataa baachuu, Kabalamuu, Dhiigaa dhangalaasuu, Qacceedhaan garafamuu, dugdi isaa boboccoqamuu, Lafeen isaa caccabuu, Miilli isaa Cinqaaramuu, sitti fakkaataa? Yesusitti wanti ulfaate, dhiphatee abbaa isaa akka waammatu kan isa godhi miidhama qaama isaa irra gahee qofa isinitti fakkaataa? Lakki! Miidhamaa fi Reebicha kana caalatti Yesusitti kan ulfaate jira.
Innis Cubbuu biyya lafaati. Yesus Kiristoos Cubbuu Nama hundumaa dhaqna isaatti baate Fannoo irratti ol ba'e. Abaarsa keenya, Dheekkamsa keenya, Ba'aa keenya, ba'aa biyya lafaa Gatiitti isaatti baate Fuula Waaqayyoo dhaabate. Waaqayyos ba'aa keenya hundumaa isa irra kaa'e. Dhiphina Yesus Kiristosii fi Hattoota sana wanti adda adda godhu isa kanadha!
Nuyi cubbuu jalaa duunee qajeelinaaf akka jiraannuuf, inni ofii isaatii cubbuu keenya dhagna isaatiin baatee fannootti ol ba'e; madaa'uu isaatiin isin in fayyifamtan.
1Phex 2:24
📸 Elias
Suuran Chali CB obboleettidha