
21/04/2025
Kan Oromoo kun furmaannii isaa maali yaa biyyaa?
Oduu: Lixa Aanaa namoonni 7 hidhattootaan ajjeefaman; Jiraattonni "hidhattoota " himataniiru
Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu aanaa Abee Dongorootti Ebla 09, 2025 haleellaa konkolaataa uummataa irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni torba ajjeefaman. Kunis haleellaa guyyoota muraasa giddutti aanicha keessa raawwatame isa lammataati.
Jiraataan aanichaa konkolaata kana keessa tureefi haleellaa kanaan hiriyyaan isaa waliin ture ajjeefamuu himu “karaatti hidhattoonni Faannoo kunneen bosona keessaa bahuudhaan dhukaasa nutti roobsan” jechuun haala ture ibsa. “Ani ija kootiin namoota hidhatan shan argeera” jedha.
Jiraataan konkolaata kanaan imalarra ture kan biraan ammoo haleellaa kanaan abbaa isaa gara umrii ganna 45 ta’an isa cinaa ajjeefamuu hime. “Hanga ammaatti gadda fi rifaatuu cimaa keessa jirra” jedhe.
Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=6132