Takkalleen Rabbummaa Obsi

Takkalleen Rabbummaa Obsi Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Takkalleen Rabbummaa Obsi, Digital creator, Adama, Shewa.

11/08/2025
11/08/2025
 !”“Dhalootni Barsiisaadhaan Qarama, Biyyi Barnootaan Badhaadha!” Mata duree  jedhuun hayyoota Yunivarsiitii Adaamaa waa...
23/05/2025

!”

“Dhalootni Barsiisaadhaan Qarama, Biyyi Barnootaan Badhaadha!” Mata duree jedhuun hayyoota Yunivarsiitii Adaamaa waaliin marii irra jirra. Kaayyoon marii kanaa shoora murteessaa barsiisotni dhalootaa fi biyya ijaaruu keessatti qaban irratti walhubannoo uumuudhaan ergama itti aanuuf qopheessuudha.

07/08/2023
19/07/2023
06/07/2023

Sosochii biyyoolessaa “Itoophiyaan haa oomishtu” jedhuun warshaaleen akka biyyaatti hojii dhaabanii turan 160 gara oomishaatti akka deebi’an goochuun danda’ameera. MM Dr. Abiyyi Ahimad.

Gaaffiilee dhimma diinagdee, hawaasummaa fi birootiin wal qabatee miseensota Mana Marii Bakka Bu'oota Ummataa irraa ka'aniif deebii kennuu irratti kan argaman MM Dr Abiyyi Ahimad diinagdeen Itoophiyaa guddina ariitii qabu agarsiisaa jiraachuu ibsuun carraawwan guddina diinagdee keenya bayyanachiisanitti qixaan fayyadamuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa jira jedhaniiru.

Keessattuu sosochii biyyoolessaa Itoophiyaan haa oomishtu jedhuun warshaalee hojii dhaabanii turan 160 oomisha akka eegalu goochuun danda’uu isaa ibsaniiru.

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስ መረቁጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ በአዲስ አበባ ሸጎሌ አካባቢ የተገነባው አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስን...
05/07/2023

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስ መረቁ

ጠቅላይ ሚኒስትር ዶክተር ዐቢይ አሕመድ በአዲስ አበባ ሸጎሌ አካባቢ የተገነባው አዲሱን የኢቢሲ ሚዲያ ኮምፕሌክስን
መርቀው ከፍተዋል።

ዘመናዊ የሚዲያ ኮምፕሌክስ ተቋሙ በአፍሪካ ብሎም በዓለም አቀፍ ደረጃ ተወዳዳሪ እንዲሆን ያስችለዋል ተብሏል።

Waliigaltee biyyoolessaa milkeessuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf murteessaadha------------------Itoophiyaan biyya...
24/05/2023

Waliigaltee biyyoolessaa milkeessuun badhaadhina Itoophiyaa dhugoomsuuf murteessaadha
------------------

Itoophiyaan biyya sabaafi sablammoonni hedduu afaan, aadaa, eenyummaafi amantaa garaagaraa qaban obbolummaafi tokkummaan waldanda'uun keessa jiraatanidha. Haata'u malee, sirnoonni darban eenyummaa sabaafi sablammootaaf akkasumas gaaffii dimokiraasiifi walqixxummaaf beekamtii dhabuu isaanii irraan kan ka'e saboonniifi sablammoonni kunneen tokkummaan qabsaa’uun sirni Federaalizimii akka hundaa’u taasisaniiru.

Sirni federaalizimii waggoottan 30n dura bu'uuramus qajeeltoo sirna dimokiraasiin waan hin utubamneef gaaffii uummata Itoophiyaa guutuutti deebisuu hin dandeenye. Dhabamuun sirna dimokiraasii kunis jijjiiramni akka dhufu taasise. Yeroo ammaa kanas Mootummaan sirna Federaalizimii dhugaa dimokiraasiin utubameefi walqixxummaa sabootaafi sablammootaa mirkaneessuun waliin jireenyaafi hariiroo sabootaa cimsuun biyya jabduu ijaaruu dandeessisu hojii irra oolaa jira.

Sirni Federaalizimii yeroo ammaa hojiirra oolaa jirus gaaffii mirga ofiin of bulchuu madda jeequmsaafi walitti bu'insaa ta'aa ture kan deebiseefi walqixxummaafi bilisummaa sabaafi sablammoota kan dhugoomsedha.

Haata’u malee, dhimmoonni akka biyyaatti irratti waliif hin galamnee fi madda walmormiifi walmorkii ta'an hedduun jiraatanis muuxannoo biyyoota hedduu irraa hubachuun akka danda'amutti dhimmoonni kunneen mariifi ilaaf ilaameen kan hin furamne miti. Dhimmoota kana irratti hayyoonniifi beektonni mari'achuun hawaasni gara yaada tokkootti akka gochuun ni danda'ama.

Mootummaan biyya bulchaa jirus dhugaa kana hubachuun dhimmoota akka biyyaatti irratti waliif galamu irratyi walii galuun dhimmoota irratti waliigaluuf yeroo fudhatan ammoo adeemsa yeroon mariifi sirnaan furaa maddoota waldhabdee hundeerraa hiikaa biyya badhaateefi kabajamte uumuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira. Galma ga'insa pirojektii guddaa kanaafis Komishiniin Araara Biyyoolessaa hundaa'uun hojjechaa jira.

Adeemsi kun aadaafi duudhaa ilaaf ilaamee dagaagsuun seenessa dogongoraafi qabatamaa hin taaneen waldhabdeen irra deddeebiin muudatu akka furamu; walshakkiin akka badu; gaaffiiwwan ka'an ammoo heera mootummaa jalatti karaa sirnaawaa ta'een akka deebii argatan taasisuun saboonniifi sablammoonni hariiroo isaanii cimsachuun obbolummaan akka waliin jiraatan taasisa.

Finxaaleyyiin walitti bu'insa keessaa bu'aa buufatan adeemsi kun galma ga'uun biyyattii keessatti nagaafi tasgabbiin waaraan akka uumamu hin fedhan. Kanaafis, hojii diigumsaafi uummata walitti buusuu kallattii garaagaraan hojjechuu irratti argamu.

Waan ta'eef, saboonni, sablammoonniifi uummanni hunduu imala badhaadhinaa akka biyyaatti qabamee jiru dhugoomsuu keessatti araarri biyyoolessaa shoora olaanaa qabaachuu isaa hubachuun qaamota maqaa sabaafi amantaa bu'uura godhachuun jibba facaasuun uummata qoqqoodaafi walitti bu'insa oomishaa oolan dhabamsiisuuf gahee isaanirraa eegamu hunda bahachuu qabu.

Address

Adama
Shewa

Telephone

+251924216181

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Takkalleen Rabbummaa Obsi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share