Nuguse mosisa

Nuguse mosisa Oromumaa Nige [email protected]

14/08/2022

Biyyoo natti facaasaniin
Biqiltuu seenaan dhaaba
Funyoo ittiin na hidhuuf yaadan
Qabadheen tulluu yaaba!
Kobota utuu eeganii
Warqeen natti mogga'a
Adurree ta'ee kufeen
Leenca ta'ee ol ka'a…
Dhamaan itittuu hin jedhu
Buquriidhaanis baaduu
Wanti haadhoo koof hin taane
Naaf ta'a jedhee hin yaadu!
Kallattiin deemsa kootii
Haalaan hin madaalamu
Fuulduran tarkaanfadha
Utuman takaalamuu!

Jaalala Oromummaa malee
Hin kudhaammanne jibba
Adda baafadheen beeka
Hiika ciqileefi jilbaa…
Yaadannoo Baroon dubbisa
Huccuu Taaddeen uffadha
Hangan lubbuun jirutti
Dhugaa Oromoon dubbadha!

Madaa ko lakkaa'eeKaleessa hin komadhuboruuf abdii dhabeeOf jibbaa hin jiraadhu😍😍😍😍😍😍😍❀❀❀❀❀❀❀
13/08/2022

Madaa ko lakkaa'ee
Kaleessa hin komadhu
boruuf abdii dhabee
Of jibbaa hin jiraadhu
😍😍😍😍😍😍😍
❀❀❀❀❀❀❀

06/08/2022

Share your videos with friends, family, and the world

13/07/2022
09/06/2022

Osuman diduu diduu
Marqaa dubbii naaf fiduu
Osuman iyyuu iyyuu
Dhagahuu dide biyyuu
Osuman dhorkuu dhorkuu
Qalbii koo na shorororkuu
Osuman Shakkuu Shakkuu
Imimmaan lakkuu lakkuu!!

Address

Adama
Shewa

Telephone

+251919200585

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nuguse mosisa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Nuguse mosisa:

Share