06/06/2026
Barreeffama keenya 'Post'icha irra ๐ก kennee eegalle.
Hanga dhumaatti yoo hindubbisne hin eegaliin. Abdurree chal ingidi!๐
Yaada ati kaasteef deebii kennuuf jedheeti, dhaloota waan hunduma keenya jedhu oomishuu hinqabnu jechaaf!
1. Waa'een qaallittii taanaa saboota biyya kanaa biratti ni odeeffama. Bakka dhaloota ishee yoo himan hunduu ''Ila kunoo ganda gamaa sanitti dhalatte, awwaalli haadhaafi abbaa isheenis qabrii sana keessaa jira'' jedhaniituma sitti himu. Kana kanaan jedheef ummaanni biyya kanaa hundi ofumatti dhiheesse waa'ee ishee himata. Akkaataa itti himantu adda adda malee ''Akkoo Manooyyee-Oromoofi Yoodit Gudit-Tigree'' seenaan walfakkaatu.
Wanti haasa'a kana hundaa godhu immoo Maddi ragaa qabatamaa wanta kana dhugoomsu tokkos hin jiru. Seenaan immoo yoo ragaan hin deeggaramne Asoosoma ta'a. Waa'ee namitti taana immoo afaaniin qofa himama. Dr. Himteen immoo Seenaa ta'uu hin danda'u. Liqimsi tana.๐
2. Waa'ee Zaagwee inni kaastees sirrii miti. MOOTUMMAA zaagwee kan hundeessee soddaa Mootii Aksum kan xumuraa(Dilnaa'ood) Kan ta'e Marraa Taklahaymaanoot(Zawuga Mikaa'eel). Inni kun immoo bara 1150 A.L.H irraa eegala. Teessoon mootummaa Zaagwee dura Adeeffaa ykn Roohaa ture. Bara mootii Laallibalaa jijjiirame malee.
'Myths' waa'ee Yoodit Gudit ykn Akkoo Manooyyee immoo sana dura irraa kaasee odeeffama. Taanas inuma liqimsi Dr.๐
''Zaagwee'' hiikni isaa isa ati jette sana osoo hintaane, Zagwe jechi jedhu jecha afaan Gi'iizii yoo ta'u hiikni isaas ''Kan Agawu'' jechuudha. Amma sii cabee Dr.๐
Hin xumurree afachu...
3. Mana Amantaa Laallibalaa kan hundeesse immoo Mootii Zaagwee kan Maqaan isaa Gabra Masqal jedhamuudha. LAALLIBALAAN bakka dhaloota mootii kanaati. Kanaaf yeroo tokko tokko Gabra Masqal Laallibalaa jedhama. Manni amantii kun kan ijaarame ajaja mootii kanaatiin!
''Ofii mootichi Gabra Masqal jedhamu kun yaada kana eessaa fide, akka manni amantii kun achitti ijaaramu taasise?'' Jettee gaafataa jirtaamii....na biraa hin hafin deebii ni argattaa.๐
Gabra Masqal dawwannaaf gara biyya Israa'eel magaalaa Iyyausalaam deemee waggootaaf achi jiraataa ture. Bojaa kiyya amantiin isaa kiristaana kanaaf Iyyaruusalaam deeme. Ati yoona maaliif Makkaa daawwachuu dide jetta. ๐
Kan deeme immoo akka hardhaa kana Xiyyaaraan miti. Baddaafi gammoojjii qaxxamuree, gammoojjii hoo'aa Sahaaraa Kaabaa Afrikaa biyya Misir kanaas qaxxamureeti. Deemsa karaa kanaa keessatti namoota baay'eetu biraa dhumaa ture. Lafeen namoota gara Iyyaarusalaam osoo deeman du'anii hedduus isa waraanaati.
Kanarraa kan ka'ee Maaliif bakka qulqulluu Iyyaarusalaam fakkaatu asuma Habashaa keessatti hin ijaarre jedhee ijaarsa jalqabsiise. Manni amantaa kun ijaaramee xumuramuuf immoo waggaa 20 ol itti fudhate. Hanga sanatti namni aangoo mootichaa quba dammaatiin tuqe hin jiru.๐ค
Wanti si ajaa'ibu immoo dandeettii waa Gabra Masqaal...Laga Yoordaanos isa Iyyaruusalaam keessa darbus korrojee, Mana Amantaa Laallibalaa kana qarqaraa lagaa irratti ijaarsisuu isaati. Mootonni Itoophiyaa durimaarraa ijaarsaa jaallatu!๐
Si gaha moo siif dabalu?
Nuti guyyaa tokko waa'ee dhibee buqqee ykn mataa waa dubbannee hinbeeknu, nu dhukkubu shaashiin xaxannee marannee ciisna. Ganda keessan hindhufnee nutti hin dhufinaa!
Seenaa warra seenaaf dhiisaa.๐