14/10/2025
Waan Ajaa'ibaa๐.
Gurbaa bareedaa tokkootu hoteela tokko seene. Hoogganaa Hoteelichaa naa yaamaa je'een. Hoogganaan ni dhufe:
-Mucaa: Room 39 qullaadhaa?
-Boss: Eeyyee qullaadha.
-Mucaa: Qabachuu nan dandahaa?
-Boss: Eeyyee.
-Mucaa: Galatoomi boss.
Amma osoo gara kutaa qabate kanaa hin seenin dura, mucaan kun boss hoteelichaa ablee gurraattii habbaa 2, carqii adii seentimeetira 39lii, burtukaana kiiloo 73 naa kennaa je'ee fudhate.
Boss waan gurbaan gaafate kana laaleeti "mucaan waan akkam gaafate sa" je'ee use. Mucaanis erga san fudhatee kutaa isaa seenee nyaataaf gad hin baane.
Akka carraa tahee biiroon Boss, kutaa lakkoofsa 39iin walitti dhaabbata.
Halkan walakkaa, boss sagalee addaa kutaa mucaa keessaa dhagahuu eegale. Sagalee bineensa addaatiifi sagalee sibiilaa fi distii lafatti darbamtuu dhagahe. Boss halkan san hin rafne, sagaleen akkasii sun maal akka tahe yaaddawaa bule.
Ganama barii mucaan ka'ee qulfii bossiif kenne. Hoggaa san boss dura kutaa kana seeneetin laalaa afachu je'ee seenee laale. Wanti bade takkalleen hin jirtu. Inumaa carqii adii, ablee (billawni) fi burtukaanni kursirra tattaa'an arge.
Mucaan hoteela bules waan bultii kafalee, gurbaa hulaa eeguuf tiippii kennee sesseeqaa deeme. Boss ni rifate, garuu waan eda isa mudate mucaa hulaa eeguuf hin himne. Inumaa, ifuma shakkuu eegale.
Waggaa tokko booda mucaan sun deebi'ee hoteelicha dhufe. Akkuma dhufeen boss naa yaamaa je'een. Akkuma yeroo duraa sanitti roomii 39ffaa, ablee gurraattii, hucvuu adii 39cm taate fi burtukaan kiiloo 79 naa kenni je'eenii fudhatee seene.
Marraa tana boss waan jiru hunda baruuf qophaahe. Halkan guutuu maal akka tahu baruu qaaxiraa bule. Halkan walakkaa sagaleen akka gaafasanii tii fi wacni ka bara dabrerraa addaa dhagahamuu eegalte. Akkuma gaafasitti halkaan bulee hogga bahu mucaan achi bule sun gurbaa hulaa eeguuf tiippii dhiiseef. Boss if gaafachuu eegale. Mucaan kun maaliif ablee gurraattii qara san fudhate? Maaliif carqii adii fudhate? Roomii 39 maa kireeffate? Je'ee if gaafatus deebii ifiif dhabe.
Amma gaa Boss dhufee politedhaan mucicha dhiifama gaafatuun iccitii sagalee fi jeequmsa isaa san gaafate.
Mucaa: -"yoonin iccitii san sitti hime, akka nama tokkotti hin himne waadaa naa ni seentaa?"
Boss: "Waadaa siifin seena, nama tokkotti hin himu". "Nan kakadha". "Nan kakadha, nama tokkotti hin himuu naa himi๐ฅน" je'een.
San booda mucaan iccitii san Bossiif hime.
Garuu akka tasaa Boss nama nagayaati. Hanga ammaa iccitii san maal akka taate nama tokkotti himne. Gaafa inni hime, anis isinittin hima๐ญ. ... Waan dubbiftaniif galatoomaa!
Innaawaa aarte keessa dhuftee na dhawuu feetaa mi? Anis akkasuma. Waan natti himuu ooleef isa eeggachuttin jira.
Nagayatti๐ถ๐ถ๐ถโ๏ธ.
Irra_deebiidha.