Waldaa Wal Gargaarsa Artistoota Oromoo

Waldaa Wal Gargaarsa Artistoota Oromoo Afaan,Aadaa Fi Guddina Aartii Oromootif Artistoota Keenya haa Jajjabeessinuu

06/12/2025

Yoo obsaa atuu itti beekta
Koodee kiyya yaa obbolee
Osoo hin darbin hafa jettee
Tasa of hin buustu mogolee
Bara Ormaaf hakaaftee
Harka siif keesse fal'aana
Booruu dhugaa boru eegu
Bara hamtuu maaltu dhaana!

05/12/2025

Naa'ol Gazzuu mucaan qaxaleen sagalee kiilolee kan kanaan dura Sirboota aadaa gara garaatin fudhatama guddaa Uummata biratti argate sun, Wallee Mata dureen Isaa Shumburee jedhu qabatee dhufaa jiraachuu quba qabdu mitii?

Eessatti fi yoom gadhiisa jettanii kanneen iyyaafachaa jirtan
Kunoo gadhiifameera.

Karaa Youtube Shubbisaa, Barreessaa, Keeroogiraafara, fi abbaa ogummaa hedduu Alamaayyoo Dhaabitiin isiniif gadhiifamee jira.

ammuma Seenaa daawwadhaa Chaanaal isaas Subscribe godhaa

Link guutuu isaa ittiin daawwattan πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡

https://youtu.be/2kKL3EdFACY?si=6peByhw6i3Av5NvM

Hangaatuu Labuu tun Hintala sifaa fi safeeffannaa qabdu dhugaa.haasaa kanarrattin hubadhe.
28/11/2025

Hangaatuu Labuu tun Hintala sifaa fi safeeffannaa qabdu dhugaa.

haasaa kanarrattin hubadhe.

Hangaatuu Ahmad Koket Show Waliin

Tarruu Taaddasaa Sirba kanaan dura nu biraan gaheen jaalatama guddaa horatee kan ture yoo ta'uu, ammallee jimaata fuuldu...
17/11/2025

Tarruu Taaddasaa Sirba kanaan dura nu biraan gaheen jaalatama guddaa horatee kan ture yoo ta'uu, ammallee jimaata fuuldura keenya jiru kana wallee ajaa'ibaa jabaa nuun jechuufi.

 Dawoo kiyya dawoo koo, kooyya dawoosituu birbirsa kooti, dhiichisi kawoo Γ—2            Taliila dhangalaasnee booruu bar...
17/11/2025


Dawoo kiyya dawoo koo, kooyya dawoo
situu birbirsa kooti, dhiichisi kawoo Γ—2
Taliila dhangalaasnee booruu barru
Barruu baran nubaasee saaqaa karru.
Rakkoo rakkina keenyaa daamaa galcha
Dawoo kalaqni keenya kan mijuun dacha
Dawwoo kiyya dawoo koo, kooyyaa dawoo
situu birbirsa kootii, dhiichisi kawoo
Wiirtuu marti qaraa.............. Lolee,lolee
Waadan hitichitee................ Lolee,lolee
Jabaa jibbu dharaa................ Lolee,lolee
Qe'een biqilchitee.................. Lolee,lolee
Taliilli ganamaa...................... Lolee,lolee
Walaabu burqitee.
Marabbaa waloo mandi'ee. samii
Gandamoo karri kee kami?
Marabbaa waloo mandi'ee samii
Gandamoo gadaa karri kee kami?

Jajjabaan hirree ati itti hirkattu
Yoo malee fala argattuπŸ’ͺ
πŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺ
Namni keenya gaafa ati lubbuun jirtu sitti fayyadamuu malee, lafa ati jirtu quba sin qabu,
Gaafa ati garuu saanduqa reeffaa warqii biyyoota biraa irraa siif galcha πŸ™
Weellisan kun Oromoo ol kaasuu keessatti gahee inni qabu hangana jedhamee waan himamu miti.
Eegaa jalqaba kan gara kanatti dhufe bara #2001 GGAO Garee jedhu dhaabun magaalaa keessatti garaagaraa hojjachaa fi hojjachiisaa kan ture yoo tahu shubbisaa fi weelluu shaakalaa ture isaan lachuunuu milkaa'ee,daran gara weellutiin immoo milkaa'ina guddaa argatee jira.
Sirboota inni kana dura hojjate keessa kan dhuunfaa isaa;
-
-
-
-
Kana malees karaa yeedaloo Aartistoota Bebbeekkamoo Uummata biratti fudhatama qabanii fi weellistoota Oromoo ol guddisu jedhee itti amanuuf yeedaloo hojjatee ol baases jira,
Olbaasas jira.
hojjate keessaa muraasa isaa;
-
-
-
-
-
-
-
-
-
-
Kana malee sirboota harka keessaa qabu lakkaa'amee hin dhumu.
Akkasumas Si'eessituu jalatti immoo ( ) fsirba keessaa sagaleen inni jalaa dhabame hin jiru. Keessattu sirboota dhiichisaa jalatti daran gahee olaanaa hojjatee jira, hojjachaas jira. Iddoo sagaleen isaa jala jiru marti waan miira namatti horudha.
Dhugaa dubbachuuf Namni kun hanga har'aa jireenya dhuunfaa isaa jiraatee hin beeku.
Har'a garuu warri isarraa fayyadamanii ittiin ol bahan hundatu har'a itti kooraπŸ€”
Aartiif ofkennanii hojjachuun hanga kana aarsaa nama kaffalchiisa.
Akka har'a alaqlaaqii hundi waan xiqqoo hojjattee ani akkana jettee miidiyaarraa iyyaa ooltu kana miti, yoo dhugaa dubbanna tahe .
Dhuguma uummata kanaaf ofkenninee hojjanna taanan fakkeenya godhadhaa.
β€’ Hundi keenya dandeettii wal qixa hin qabnu,
Garuu hundi keenya keenya guddisuuf carraa wal qixa qabna.
Akkuma dandeettii isaa osoo hin qusatin hojjachaa jiru.
Nutis dandeettii qabnu hundaan gaafa hojjanne Aartiin daran guddataa deema.
Kanaaf hundi keenya dandeettii qabnuun yaa hojjannu.
Walumaagalatti yaada kootti yoon deebi'u nama kana irraa fayyadamanii ittiin beekkamuu qofa osoo hin taane. Walqabannee waan walii qabnu kana yaa jabeeffannuπŸ™
hin dandeessa jabaadhu, jabaa dhiiraaπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺπŸ’ͺ
✍️.

Address

Jemo
Shewa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Wal Gargaarsa Artistoota Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waldaa Wal Gargaarsa Artistoota Oromoo:

Share