03/04/2023
Namni du'e jalqaba yeroo qabrii keessatti Rabbiin lubbuu isatti deebisu akka du'e if hin beeku.
Eeysaan jira ja'ee if laala. yeroo uffata isaa laalu uffanni isaa kan inni dur beeku hin jiru.
Kana booda "eessa jira? shamiziin koo eessa jira? tichertiin koo eessa jira?" Jachuun of gaafata.
Amma bakka kophaa akka jirus yaadatee, gandi kun hedduu isa yaachisee
"Yaa fulaan,
Yaa fulaan
Yaa abalu
Yaa abalu"
Jachuun warra duniyatti isa cinaa dhaabbatee waa hundarratti isa jajjabeessaa ture hunda maqaa isaanii hunda waama. Eega waamee Booda namni tokko akka isatti hin dhufne erga hubatee, gandi kun ganda qabrii ja'amu san ta'uu hubatee,
Gama rabbii isaa deebi'ee "Yaa Rabbi Yaa Rabbi" jechuu eegala.
Acchi booda yoo inni duniyaarratti nama gaarii dalagaa ture ta'e Malaa'ikaan lama isatti dhufanii
Waa sadi isa gaafatan;
Rabbiin kee eenyu?!
Nabbiin kee eenyu?!
Diin kee maali?!
Yoo sadeen kana deebise isa gammachiisanii mana isaa kan jannata keessaa isa garsiisan. "osoo ati nama gaarii dalagatu ta'uu baattee manni kee kana" ja'anii ibidda jahaannam keessaa mana isaa isa garsiisan. yeroo kana "yaa rabbi qiyaamaa ammumma taasisi" ja'ee Rabbi kadhata.
Yoo nama gaafii sadeen sana deebisuu hin dandeenye taate, Buruusha hadiidaatiin isa dhawan. ammas lubbuu isatti deebisan. iyyeensa inni iyyu namaa fi jinnii malee uumamni hundi nidhagaya. hulaa jannataa bananii mana isaa kan inni osoo gaarii dalagatee seenu isatti mul'isan. nigammada! manni kee kana ja'anii hulaa jahannam isaaf banan. Hoggaa kana "Yaa Rabbi qiyaamaa narratti hin taasisin" ja'ee rabbi kadhata !!!!!
Anaa fi Nama barruu tana Haga xumuraatti dubbise hunda warra gaaffii sadeen Sana deebisee Jannataan gammachiifamu irraa Rabbi nuhaa godhu!