30/05/2023
Tokkummaa keenya keessa sabdaneessummaa, sabdaneessummaa keessa ammoo tokkummaa cimaatu jira. Maddi miidhaginaa fi cimina biyya keenyaatis sabdaneesummaa fi heddumina keenya.
Paartiin Badhaadhinaa haala qabatamaa fi dhugaawwan jiran irraa ka’uudhaan nageenya itti fufiinsa qabu mirkaneessuudhaaf tokkummaa fi obbolummaa sabdaneessa wal kabajuu fi wal danda’uu bu’uureffate ijaaruuf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhachuu irratti argama.
Sirna diimokiraasii cimaa fi hirmaachisa ta’e ijaaruu akkasumas fayyadamummaa lammiilee bifa haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabuun mirkaneessuuf onnatee hojjachuu irratti kan argamu Paartiin keenya duudhaaleen waliin jireenya uummataa akka dagaagan, gufuuwwan tokkummaa uummataatiif qormaata ta’an ammo akka maqan gochuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira.
Tokkummaa fi obbolummaan Itoophiyaanotaa kaleessaa hanga har’aatti jabaachaa fi dhalootaa dhalootatti darbaa kan as qaqqabe, rakkoowwaniin osoo hin laafin, fedhii diinotaatiinis osoo diigamin caalmaatti cimaa fi jabaachaa kan dhufedha.
Qaamoleen tokkummaa lammii hin feenee fi dhibee finxaalessummaatiin hubaman dhugaa lafa irra jiru hubachuu dhabuudhaan uummata duudhaa waliin jireenyaa bu’uura cimaa qabu goonfatee waliin har’a gahe sabaan, amantiidhaan akkasumas ilaalcha siyaasaa isaatiin gargar qooduudhaaf abjuu hiika hin qabne yemmuu abjootan, gocha fudhatama hin argannes yeroo tarkaanfachiisan ni mul’atu.
Mul’atni finxaaleeyyii tokkummaa fi sabdaneesummaa diiguudhaan ol’aantummaa qaama ykn garee tokkoo mirkaneessuu, nageenya lammiilee booressuudhaan biyya kabaja dhabsiisuudha.Ilaalchi kasaartota kanneenii kun ammoo Itoophiyaanota biratti fudhatama kan hin qabne, naqarsa waliin jireenyaa fi gufuu imala keenyaati.
Itoophiyaa cimtuu gama hundaan fakkeenya taate fi lammiilee isheetiif mijattuu mirkaneessinte dhugoomsuudhaaf duudhaa tokkummaa fi obbolummaa cimsuu fi imala jijjiirama biyyaa keessatti adda durummaan hirmaachuu akkasumas ilaalchaa fi gocha finxaalessummaa irratti itti fufii