Bulchiinsaafi Nageenya Aana Gumii Eeldallo

Bulchiinsaafi Nageenya Aana Gumii Eeldallo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bulchiinsaafi Nageenya Aana Gumii Eeldallo, Digital creator, Adama, Shewa.

Qindoominna qaamolee nageenyaatin Alseerumma dhabamsiisuun Murteessa akka ta'ee himamee. Hagayya 09/2016_Nageellee Boora...
15/08/2024

Qindoominna qaamolee nageenyaatin Alseerumma dhabamsiisuun Murteessa akka ta'ee himamee.

Hagayya 09/2016_Nageellee Booranaa

Godina Boorana Bahaatti Kilaastasrii Nageenyaa gamaggama hojii bara 2016 guyyoota lamaaf geggeeffamaa ture sirna beekamtiifi badhaasaatiin xummuree.

Hoggaanan Bulchiinaa fi Nageenyaa Godina Boorana Bahaa Obboo Mallicha Galma ergaa dabarsaniin Mootummaan gama kamiinuu hojii nageenyaa tasgebbeesuf Kutannoo guutuun raawwachuuf hojiitti seenee jiraachuu isaa ibsun Komiiwwan gara garaa ka'an irratti deebii kennuun, nageenya godina keenyaa kan dura caalaa fooyyessuuf Dagannaa malee hojjechuun Diina qulqulleessuu qabna jedhan

Nageenyi mirkanaa’ee hawaasni nagaan bahee hojii misoomaa irratti akka hirmaatuuf gaheen Qaamolee Nageenyaa fi hooggansi siyaasaa sadarkaan jiru gaarii akka ta'ee kaasu,gara fuulduraattis Alseerummafi Dhimma daldaala Seeran alaa irrattii cimnee hojjachuu qabna jechun Obboo Mallichii ibsan.

Godinnichati uummataa fi seelii diinaa guutummaa guutuutti addaan kutuuf caasaa odeeffannoo qindaa'aa diriirfachuun hojjechuu qabna; akkasumas, humnoota qabnu hunda sirnaan bobbaasuufi tooftaalee nu dandeessisan hundatti fayyadamuun humna xiqqaa biyya Keenya rakkisa jiru isa dhumaatiif dhabamsiisuu qabna kan jedhan Ajajaan Qajeelcha Poolisii Godina Booranaa Bahaa Komaander Indalkachow Tafaari

Itti Gaafatamaan Waajjira Milisha Godina Boorana Bahaa Obboo Mammuye Balay hojii Nageenyaa tasgeebbeessu keessatti hirmanna Uumaataf Qindoominnii Qaamolee Nageenyaa Sadaarkan Jiru Murteessa akka ta'ee ibsu,hojii Qulqulliinna Keessoo Caasaa nageenyaa Sirritti ilaala deemuu qabna jechuun dhaamsa dabarsan.

Caasaleen nageenyaa fi hooggantootni gamaggama kanarratti argaman yaada kennaniin hojiin nageenya tasgabbeessuu qindoominna Qaamolee nageenya hojjetame hojii fakkenyummaa qabu ta'uu kaasu, gara fuula duraattis ergama mootummaafi paartiin itti kennuu kamiyyuu amanamummaan bahuuf qophiidha jedhan

Xumura irrattis qaamolee hojii nageenyaarrat

26/07/2024
25/07/2024
Adoolessa 17/16 Ganama kana Godina Booranaa Bahaa Aanaa Gumii Eel-dallootti Miseensi Shiftaa Shanee tokkoo (1) carraa wa...
24/07/2024

Adoolessa 17/16 Ganama kana Godina Booranaa Bahaa Aanaa Gumii Eel-dallootti Miseensi Shiftaa Shanee tokkoo (1) carraa waamicha karaa nagaa mootummaan taasisettii gargaaramuun harka kennatee
~~~~~~
maqaa isaanii:-
1) Abduuba jirmaa Rasoo #
✓ maqaa shiftuuma
✓ iddoon dhaloota Aanaa Gumii Eeldalloo Magaala Bulbulii
✓ turtii waggaa 6'n booda
✓ Kilaashii 1
✓ Rasaasa kilaashi 17
✓ kaartaa waliin harkaa kennatee jira.

Balballi Nagaa ammallee Banaadha!

Address

Adama
Shewa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bulchiinsaafi Nageenya Aana Gumii Eeldallo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share