04/02/2025
Namicha yakkamaa tokkotu ture. Namichi sun yakka guddaa raawwate irraa kan ka'e murtiin du'aa itti murtaa'eetu mana hidhaa keessa taa'ee guyyaa du'aa isaa eeggachaa ture.
Achi keessa utuu jiruu, piroofeeserri saayikooloojii tokko mootummaa heyyamsiisuudhaan qorannoo irratti hojjechuu barbaade. Heyyama barbaachisus ni argate.
Torban sadiif ganama ganama yeroo hundumaa gara namicha yakkamaa Sanaa deema ture__ piroofeeserichi. Yeroo Isa argu hunda, "Amma murtiin du'aa sitti murtaa'ee Jira. Du'uun kee hin oolu. Kan si ajjeesu immoo anadha. Lilmoo summii qabu waraaneen si ajjeesa!" Ittiin jedha. Torban sadii guutuu irra deddeebi'ee dubbiima kana itti hime. Namichis dhugummaa waan kanaa amanee fudhate.
Guyyaa dhumaatti piroofeeserichi lilmoo isaa qabatee deeme. " Har'a lilmoo summii qabu sana fidadhee dhufeera. Sin Waraana . Isa booda ni duuta!" jedhee namichatti hime . Namichis baay'ee sodaate.
Piroofeeserichis dhangala'aa tokko itti naqatee lilmoo sanaan namicha waraane. Namichis battalumatti du'e. Wanti baay'ee nama ajaa'ibu yoo jiraateef, dhangala'aa piroofeeserichi namicha waraane summii utuu hin taane, bishaan qulqulluu ture.
Jireenya milkaa'aa qabachuuf jalqaba Sammuu waan sirrii amanu qabaachuun dirqama.
Sammuu dogoggoraan ilaalcha dogoggoraa qabaachaa waan dogoggoraa amanaa jireenya sirrii qabaachuu hin dandeessu.
Wanta Sammuun kee amanuun ala waan argattu waan tokko illee hin qabdu.
Taphichi tapha Sammuu ti.
Namni waan amanu tokko ni argata.
Namni kam iyyuu waan Sammuun isaa amanuuf of eeggachuu qaba.
Ergaawwan ajaa'ibsiisoo hedduu jireenya kee jijjiiruu danda'u yeroo hunda argachuu yoo feete Peejjii koo armaan gadii cuqaasuun follow akka follow akka gootanii sin jajjabeessa.
Sagalee Wareegamtoota Wangeelaa
The voice of the world Christians martyrs