Beka Abera fbp

Beka Abera fbp Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Beka Abera fbp, Digital creator, Ambo, Shewa.

29/09/2025
22/09/2025

GALMA KEE HIN IRRAANFATIN
1.Galma kee barreeffadhu
Galmi yoo barreeffame milkeessuuf akka onnattuu fi kaka'uumsa siif kenna.
2.Xiyyeeffannoo kee galma keetirra kaa'i.
Yeroo kee, yaada kee fi humna kee hunda waan galma kee biraan sin gahuuf oolchi
3.Kufaatii hin sodaatin
Galma kee bira gahuuf yeroo hunda kufaatiin si mudata.Kufuun kee garuu gara galma keetti tarkaanfachuu keet agarsiisa.
4.Abdii fi obsa qabaadhu
Milkaa'inni yeroo gabaabaa keessatti dhufuu dhiisuu danda'a. Garuu obsa qabaattee itti cichinaan bira gahuun ni danda'ama. Atis osoo galma kee bira hin gahiin harka hin kennin.
5.Barnoota itti fufi
Namni kaayyoo yookiin galma qabu yeroo hunda barata.

13/09/2025

Sadarkaalee Torban Galma Keenya Milkeessuuf Nu Gargaaran.

1.Galma jireenya kee adda baafadhu.
2.Galma kee barreeffadhu.
3.Guyyaa itti galma kee milkeessitu murteessi.
4.Wantoota galma kee milkeessuuf raawwachuu qabdu tarreeffadhu.
5.Wantoota hojjechuuf tarreeffatte bifa karooraatiin qindeeffadhu.
6.Karoora kee milkeessuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhadhu.
7.Guyyaa guyyaatti hojii gara galma kee guddichatti si tarkaanfachiisu hojjedhu.

Madda:- Eat That Frog Book
By Brian Tracy

12/09/2025
Amaloota namoota milkaa'ani keessaa muraasa1.Ganamaan ka'u, guyyaa isaanii karooran eegalu2.Ni dubbisu, itti fifinsaan b...
02/09/2025

Amaloota namoota milkaa'ani keessaa muraasa

1.Ganamaan ka'u, guyyaa isaanii karooran eegalu
2.Ni dubbisu, itti fifinsaan baratu
3.Namuusa fi itti fufinsaan hojjetu
4.Ni galateeffatu

Wantoota kana sadan qalbeeffadhu.1.Milkaa'inni guyyaa guyyaan ijaarama, halkan tokkotti hin dhalatu.2.Wanti guddaan tark...
28/08/2025

Wantoota kana sadan qalbeeffadhu.

1.Milkaa'inni guyyaa guyyaan ijaarama, halkan tokkotti hin dhalatu.
2.Wanti guddaan tarkaanfii xiqqaa irraa eegala.
3.Kufuun dhuma miti seensa injifannooti.

27/08/2025

Hin Danda'uun Diina Milkaa'inaati.

Jireenya keenya keessatti milkaa'uuf haalli ijaarama yaada sammuu keenyaa (mindset) shoora olaanaa qaba. Fakkeenyaaf jecha hin danda'u jedhu yeroo baayee irra deddeebinee fayyadamna yoo ta'e mindset keenya ta'a kanaafuu jecha hin danda'urraa gara yoon baradhe nan danda'a jedhutti jijjjiiruu qabna.

Wantoota Ijoo Jireenya Keenyaaf Barbaachisan.1.Kaayyoo jireenyaa qabaadhu2.Hojiitti malee carraatti hin amanin3.Baayee h...
27/08/2025

Wantoota Ijoo Jireenya Keenyaaf Barbaachisan.

1.Kaayyoo jireenyaa qabaadhu
2.Hojiitti malee carraatti hin amanin
3.Baayee haasa'uurra baayee dhaggeeffadhu
4.Furtuu jireenya kee nama kamittuu hin kennin
5.Dandeettii kee, ilaalcha kee fi ogummaa kee fooyessaa deemi
6.Galateeffachuu amaleeffadhu
7.Diina kee hin dhaggeeffatin.

Address

Ambo
Shewa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Beka Abera fbp posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share