
09/05/2025
Gabaabaa
❣️Intala Rakkattu Waaqayyoon Sodaattu ❣️
============================================Bilisummaa Dhugaasaatiin!.
Obsaan dubbisii adaraa kee!
◈Adaraa Waaqayyoo akka dubbisteen sher godhi!
Intala Waaqayyoon jaalattu tokkotu ture. Haata'u malee jireenyi ishee rakkinaan kan guutame dha. Firas ta'e nama isheetti dhiyaatu tokkollee hin qabdu. Guyyaa tokko karaa gubbaarraa qarshii kudhan argatti. Baay'ee waan beelofteef mana nyaataa xiqqoo wayiitti gortee nyaata ajajachuun nyaachuuf yeroo jettu namoonni beela'an sadii jireenyaan ishee gadi kan ta'an gara isheetti dhufuun sagalee laafaan, "adaraa waan nyaatamu nuuf laadhu" ittiin jedhu. Intalli kunis "koottaa nyaadhaa" jette afaan isaan keessi. Isaaniis "baay'ee si galateeffanna Waaqayyoonis siif kadhanna" ittiin jedhani. Isheenis, "anarrahoo kadhannaan kan barbaachisu isiniifidha" isaaniin jettee dhuma irratti yeroo deemuuf kaatu, "tole nuti kan qabnu saantima dulloome kana qofaadha homaa waan nun fayyadneef siin kan fayyadu yoo ta'e..." jedhanii saantima dulloome sana kennuufi. Isheenis isaanuma gammachisuuf jettee harkaa fudhattee deemte.
Humnaa ol beela'u isheerraa kan ka'e dadhabbii keessa taatee hojiin Waaqayyoo ishee dhibaa otuu deemaa jirtuu, "qarshii kudhan kana Waaqayyoo laaqana koof naaf laate jedheen otuu gammaduu anarra kan rakkatan natti ergaa?! otuma namoonni baay'ee nyaata quufanii irraa hafee kosii keessatti gatanii ana rakkattuu intalaattimoo? maaliif natti ergitee?" jechaa otuma gumgumaa deemtuu waan dadhabdeef riqicha cinaa tokko bira yeroo geessu diriirfattee teessi. Otuma teessuu qilleenssi buubbisaa waraqaa tokko gara isheetti fida. Yaadaan baddus harka ishee gara waraqaa sanaatti diriirsuun fuutee yeroo dubbistu "bara 1990 tti kan hojjetame saantima dulloomaa namni qabu qarshii miiliyoona shaniin ni jijjiirra" kan jedhu barreeffamaa fi suuraa argiti. Hin naati. Yeruma sana naannoo ishee ofirra gaggaragaltee ilaaluun of tasgabbeesuun suuraa fi barreeffama sana irra deebitee yeroo d