11/10/2024
Ani obboleettiin keessan Yadi naaf amantaan kiyya kiristiyaana sabni koo,dhiigni koo Oromoo dha. akkuma Waaqni kiristaanummaa naaf kanneeti Oromummaas naaf kanne. kennaa uumaa lamaanuu jaaladheen jira. gaafan afaan guutee Oromoo jedhus saba biraaf jibbaa hin qabu,sabni kiyyaas saba biraa caala jedhe hin amanu,akkuma abbootii kiyyatti wal qixxummaattin amana.
Sabnin irraa dhaladhe dhiigaan tokko taanus amantaa gara garaa hordofa. kan koo nan Jalladha kan biraafis akuma amantaa isaatti kabajaan qabaaf. kan irreechi ayyaana ja’ee kabajus tahee,aadaa dha ja’ee kabajus akkuma mirga jsaatti namuu mirga waan barbaade hojjachuudha qaba. yeroo irreechi gahe maaf namoonni tokko tokko gara 2tti qoodamee wal arrabsuufi walitti duulu naan galu. kan kabajus mirga isaati haa kabaju kan hin kabajnes mirga isaati haa dhiisu jecha hin taaneen daanga walitti dabruun sirrii nattin fakkaatu.
Waan walii waliif osoo kabajne,garaagarummaa keessa miidhaginni akka jiruttis hubannee,yoo wanti nuun galin jiraates tasgabbiin,ragaan osoo waliif ibsine, jaalalaaf kabaja qofa facaasne, Injifannoo xiqqo amma arganne kanaas tasgabbiin deemuun kan hunda-galeessa fi fayyadamummaan isaas hunda hammataa osoo tahe gaariidha.
Maxxansaa ani miira keessa galee dhoobee tureef dhiifaman jedha.
Amanteeen immoo silaa dhiisuu hin beektuu hamma dandeesse gad haa naqxu.😐
Amantaa koo nan jaalladha,
eenyummaan koos ibsituu kiyya.
lamaanuu anaaf miidhagina❤️❤️❤️
Yoon dogongore dhiifama na ofkolchaa
Galatoomaa 😍🙏