Dire Tv - Afaan Oromoo

  • Home
  • Dire Tv - Afaan Oromoo

Dire Tv - Afaan Oromoo You can follow us Here.
(1)

This is the official Dire Dawa Administration Mass Media Enterprise (Dire Tv - Afaan Oromoo) page - where you can get all the latest news in Afaan Oromoo.

Sirni awwaalcha Pireezidaantii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa kan duraanii Dr. Yaareed Maamoo raawwatame.Pireezidaantiin Y...
18/08/2025

Sirni awwaalcha Pireezidaantii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa kan duraanii Dr. Yaareed Maamoo raawwatame.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa kan duraanii Dr. Yaareed Maammoo sababa dhukkuba tasaatiin addunyaa kanarraa boqotan.

Magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatee kan guddate Dr. Yaareed Maammoo barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Dirree Dhawaatti hordofuun kan xumure hoggaa tahu, San booda Yunivarsiitii Haramayaatti barnoota olaanaa hordofuun Yuunivarsiituma kana keessatti barsiisaa fi qorataa ta’uun tajaajilee ture. Akkasumaas Bitooteeysa 10, 2010 hanga Mudde 30, 2012tti waggoota lamaaf Pirezidaantii Yunivarsiitii Dirree Dhawaa ta’uun tajaajilanii jiru.

Dr. Yaareed hanga Hagayya 11, 2017 du’aan addunyaarra boqotutti hogganaa olaanaa, barsiisaa fi qorataa olaanaa ta’uun yunivarsiiticha tajaajilaa turee jira.

Sirni awwaalcha Dr. Yaareed Maammoo guyyaa har'aa Dirree Dhawaa bataskaana Kaatediraala Debree Selam Medihanialemitti iddoo maatiin, hiriyoota fi barattoonni isaanii irratti argamanitti raawwatamre jira.

Dhaabbanni sab-qunnamtii Dirree Dhawaa du’aan boqochuu Pireezidaantii Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa kan duraaniitiin gadda guddaa itti dhaga’ame ibsuun maatii fi hiriyoota Dr. Yaareed Maammootiif jajjabina hawwa.

Biiroon Daldala, Industiriifii Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Baazaarri Agarsiisaa fi gurgurtaa Meeshaaleen Indaa...
18/08/2025

Biiroon Daldala, Industiriifii Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa Baazaarri Agarsiisaa fi gurgurtaa Meeshaaleen Indaastiriitiifii Intarpiraayzotaa Itti dhihaate kan guyyaa 5'f turu qopheeyse.

Torbeen 'kan Itoophiyaa Haa bitannuu' Hagayya 12-16 bara 2017 Itti aanaa kantiibaa bulchinsa Dirree Dhawaatiifii Hoogganaa Biiroo Daldala, Indaastiriifii Invastimantii Bulchinsa Dirree Dhawaa obbo Harbii Buuhiin Banameeti jira.

Baazaarri Kan Itoophiyaa haa bitannuu Hagayya 12-16 bara 2017 bulchiinsatti adeemsifamu eegalameeti jira.

Baazaarri Indaastiriileefii Intarpiraayizoonni ooomisha isaanii itti beeysisaniifii itti gurguran kuniis Itti aanaa kantiibaa bulchinsaatiifii hoogganaa biiroo Daldala, Indaastiriifii Invastimantii bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Harbii Buuhiin kan baname yoo tahu, oomishoota dhihaataniis gatii gaafachaa irra naannawuun Daawwatan.

Sirna kanarratti kan dubbisne Itti aanaan Biiroo Daldala Indaastiriifii Invastimantii Obbo Abdii muktaar Biyyi teenya Itoophiyaan Inisheetiivii Muummee ministeeraa kabajamoo Dr Abiyyi Ahmadiin Sagantaan Itoophiyaan Haa oomishtuu Eegalamuu kaasanii, Kanaaniis Industiriileen 10 ol kan cufamanii turan gara hujiitti galuuniifii Industiriileen haarayni gara hujiitti galuun Oomishaa jiraachuu ibsan. Yaroo ammaa ammoo torbeen 'kan Itoophiyaa haa binnuu' Hagayya 12-16 bara 2017 Intarpiraayizoonniifii Indaastiriileen oomisha isaanii gatii gaariin itti dhiheeysan banamuu himan.

Hogganaan waajjira Daldalaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Amiinoo Xaahaa sagantaan 'Kan Itoophiyaa Haa binnuu' kun akka guutuu biyyaatti adeemsifamaa jiraachuu kaasanii, hawaasni bulchiinsaa meeshaalee gara garaa kan dhihaatan gatii gaariin iddoo baazaaraa kan dhufanii akka bitatan dhaamsa dabarsan.

Torbeen kan Ittoophiyaa haa binnuu kun Hagayya12 -16 Bulchinsatti kan adeemsifamu yoo tahu, Akka biyyaattiis Hagayya 24 iraa kaasee magaalaa finfinneetti kan adeemsifamu tahuuniis beekkame.

Iddoon Baasarichaatiis Daandii Maasaraa Mootummaa Fuuldura jirurra tahuufii hawaasninniis dhufanii akka bitatan waamichi dhihaatee jira.

Agarsiisa Daldalaa kanarratti Indaastiriileefii Intarpiraayizonni 40 ol oomisha isaanii dhiheeysuun hirmaatanii jiran.

Gabaasni:Husseen Yaassiin
Suuraan: Mintasinoot Darajjee

Manni Murtii Ol Iyyannaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa raawwii hojii bara baajataa 2017'tiifii karoora bara baajataa 2018'tii...
18/08/2025

Manni Murtii Ol Iyyannaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa raawwii hojii bara baajataa 2017'tiifii karoora bara baajataa 2018'tii abbootii gayeetii wajjiin gamaaggame.

Abbaa seeraafi itti Aanaan pireesdaantii mana murtii ol iyyannaa bulchiinsa Dirree Dhawaa Komaandar Mahammad Ibraahiim raawwii karoora bara 2017 fi sanada karoora bara baajataa 2018 dhiheesannii hojjattootaafii qaamoolee gayee wajjin mariin ballaan irratti taasifamee jira.

Gabaasa raawwii karooraa dhihaate kanaaniis Istiraateejii wagga 5 ka'umsa godhaachuun karoorfamuun kan raawwatan tahuu kaasanii keeysaahuu dhimmoota galmee ol iyyannaa 10995 ol kan dhihaatte yeroo tahuu haama kuma10 fi torbaatamii shanii murtee arkatuu gabaasichaan kan dhiheeysan yo tahu parsantii 95 0l raawwachuu jirra addeeysan.

Waa'ee seeraarratti akkasummaa sirna haqaarratti hawaasni hubbannoo akka arkataniif gama miidiyaatiiniis odeeyfannooleen hubbannoo cimsitu dabarfamaa turuus ibsan.

Manni murtichaa baaddiyyaatti ramaddii dhaddachaa tokko aanaalee magaalaarratti ammoo lama hundeeysuuf qorannoorratti hundaa'uun bara dabre adda baafamee bara baajataa kana gara hojiitti kan galu tahuu gabaasichaan eerameeti jira.

komaandar Mahammad gabaasa dhiheeysaniin teeknooloojii fayyadamuun tajaajila fooddaa tokkootiin hujii qulqullina qabuufii tajaajila saffisaa laachuu dandeenyee jirra jechuun dubbatan.

Tajaajilamtoonnni yaada isaanii akka barruun dhiheeysaniif galmeen kaayamee yaada isaanii akka galteetti itti fayyadamaa jiraachuus addeeysan.

Iddoo hojii mijjataa uumuudhaaf hujiin gaariin hojjatamuus ibsanii jiran. Walumaa galatti raawwiin bara 2017 gaarii tahuun ibsameeti jira.

Haaluma walfakkaatuun karoorri bara 2018 dhihaatee mariin ballaan irratti kan taasifame yo tahu gaafiifii yaadoowwan gara garaa hirmaattotarraa dhihaatanii jiran.

Yaadoowwan ka'aniis akka galteetti itti fayyadamuudhaan karoora bara 2018 keeysatti kan itti fayyadaman tahuu itti aanaan pireesdaantii mana murtii ol iyyannaa komaandar Mahaammad Ibraahim ibsan.

Gabaasni: Kimiyaa Musxafaa
Suuraan: Amiin Shariif

  Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf mindaa fooyyessuuf murteesseera-komishinii siviil sa...
18/08/2025

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf mindaa fooyyessuuf murteesseera-komishinii siviil sarviisii Federaalaa

Hagayya 12, 2017 Dire Tv - Afaan Oromoo

Fulbaana bara 2018 irraa eegalee mootummaa hojjettoota mootummaaf fooyyessa mindaa dabalataa gochuuf murteessuusa komishiniin siviil sarviisii Federaalaa beeksise.

Mootummaan jreenya lamiilee fooyyessuuf tarkaanfii humni biyyaa danda’u fudhachaa jira

Itiyoophiyaan cabiinsa dnagdee baroottan darban ishee mudatan suphuu fi adeemsa gara badhaadhinaatti taasiftu si’achiisuuf ilaalchaa fi daandii misooma dinagdee hordofaa jirti. Kallattii guddina dinagdee damee hedduuminaa qabameen, hirmaattota hedduu fi fayyadamtoota hedduu qulqullina dinagdee fi hirmaachisaaf xiyyeeffannoon guddaan kennameera.

Akkuma beekamu, biyyi keenya dinagdee gooroo waliin dhahame bu’urarraa furuuf riifoormiiwwan gara garaa jalqabdee milkeessaa jirti. Gama tokkoon cabiinsa biyyaalessaa turan suphuu fi idaawwan cehaa dhufan salphisuu yoo ta’u, gama biraan ammoo gaaffilee dhaloota har’aa fi boruu deebisuun, badhaadhina Itiyoophiyaa bu’ura amansiisaa irratti dhaabuudha.

Mootummaan boqonnaa badhaadhina Itiyoophiyaa hundarraa lammiin hundi fayyadamuu qaba jedhee ni’amana. Kanaaf fooyyessoota fudhataman biroon dabalatatti. Fulbaana 2018 irraa eegalee hojjetaa mootummaaf fooyyessa mindaa dabalataa gochuuf mootummaan murteeseera.

Akkaataa fooyyessa Kanaan-

1. Mindaan hojjetaa mootummaa inni xiqqaan birrii kuma 4760 irraa birrii 6,000tti kan guddatu ta’a.
2. Mindaan hojjetaa mootummaa inni guddaan birrii kuma 21,492 irraa gara kuma 39tti akka guddatu ta’a.
3. Digiriin kan eebbifame mindaan ka’umsaa birrii 6,940 irraa gara 11,500tti fooyya’a.
4. Hojjettoonni mootummaa siviil sarviisiin alatti dameelee garagaraa irratti hojjetan mindaan isaanii nifooyya’a.

Mindaa kana sirreessuuf bajata birrii biiliyoona 160 ol gaafateera. Kunis baasii mootummaa waggaatti mindaaf bahu birrii biiliyoona 560tti guddisa. Rakkoon hojjetaa mootummaa mindaa dabaluun qofa waan hinfuramneef fuulduratti dhiheessii manaa fi uwwisa inshuraansii fayyaa dabalatee furmaanni garagaraa nifudhatamu.

Mootummaan mindaa kana wayita fooyyessu daballiin kun gahaa fi isa dhumaati jedhee hin amanu. Fuulduratti fooyyessi riifoormii siviil sarviisii hojeeffamaa wayita deemu fooyyessu bu’aa irratti hundaa’e nitaasifama.

Mindaa fi faayidaan hojjetaa mootummaa sadarkaa fi amma barbaadamu kaffaluun yoo barbaachise dinagdee biyyaalessaa kana gochuuf dandeessisu ijaaruu qabna.

Dinagdee kana ijaaruuf ammoo ittigaafatamni biyyaalessaa hojjetaa mootummaa mootummaa irraa eegama.

Komishinii siviil sarviisii federaalaa.

Arsenaal Maanchistar Yuunaayitid injifateTapha Piriimarliigii Ingiliiz torbee Jalqabaatiin Arsenaal Maanchistar Yunaayit...
17/08/2025

Arsenaal Maanchistar Yuunaayitid injifate

Tapha Piriimarliigii Ingiliiz torbee Jalqabaatiin Arsenaal Maanchistar Yunaayitid goolii 1 fi 0'n injifate.

Tapha Olditiraafoorditti gaggeeffame kanarratti Arsenaal daqiiqaa 13ffaarratti goolii taphataan sarara ittisaa lammii Xaaliyaan Riikaardoo Kaalaafiyoorii galcheen qabxii sadeen jalqabaa argachuu danda'ee jira.

Gooli eegaan Maanchistar Yuunaaytiid Altaayi Baayindar dogongorri hojjate gooliin kun akka galuuf gumaacha taasisee jira.

Dhukaastonni erga bara dorgommii 2023/24 as rukuttaa rogaarraa goolii 31 galchuun kilabiin isaani qixxaatu hin jiru. Liivarpuul gooliiwwan 20, Tootinaam 19, Westihaamiifi Evartan goolii 18 rukuttaa rogaarraa galchuun Arsenaalitti aanu.

Injifannoon kuniis, seenaa kilaboota lamaanuu keessatti injifannoo 90ffaa Arsenaal Yunaayitid irratti galmeeyse tahuu danda'ee jira.

Gareen Maayikiil Arteettaa Arsenaal injifannoo galmeeysuun ala tapha kanarratti Maanchistar Yuunaayitidiin caalamanii turan.

Leenjisaan Lammii Ispeen kun erga leenjisaa Arsenaal tahanii muudamanii as, taphoota 12 Maanchistar Yuunaayitiid waliin taphatan irraa saddeet Injifachuu danda'anii jiran.

Maanchistar Yunaayitiid akkuma boqonnaan duraatti boqonnaa boodaas Arsenaal caalee dhiibbaa uumee taphachuun Carraa hedduu uumuus, carraawwan argate itti fayyadamuu hin dandeenye.

Kilaboonni lamaanuu taphattoota ganna kana mallatteeyfatan seensisuudhaan kan taphatan yoo ta'u, gama Yunaayitidiin Maatiyaas Kunhaa fi Biriyaan Imbeemoo tapha gaarii taphatanii jiran. Jijjiirraa gannaa bara kanaatiin kilaba RB Leepziig irraa gara Maanchistar Yunaayitiiditti kan makame Beenjaamiin Seeskoo jijjiiramee seenuudhaan tapha jalqabaa isaa taasisee jira.

Gama Arsenaaliin ammoo taphataan sarara jidduu Maartiin Zubameendii fooyya'iinsa gaarii agarsiisuus, taphataan sarara fuulduraa Viiktar Yookareesh tapha kilabichaatti madaquudhaaf ammallee akka yeroo barbaachisu agarsiisee jira.

Goolii eegaan Arsenaal Daavid Raayaa kubbaa goolii tahuu malan hedduu baraaruun taphataa cimaa taphichaa jedhamuun badhaafamee jira.

Maanchistar Yunaayitid tapha kanarratti yaalii 22 taasise.Kuniis waggaa 11 booda yaaliiwwan hedduu Maanchistar Yunaaytiid Arsenaal irratti galmeeyse tahuu danda'ee jira.

Ahmad Mahammad

Boqonnaa : Maan. Yuunaayitiid 0-1 Arsenaal Tapha Cimaa Piriimarliigii Ingiliiz Maanchistar Yunaayitid fi Arsenaal gidduu...
17/08/2025

Boqonnaa : Maan. Yuunaayitiid 0-1 Arsenaal

Tapha Cimaa Piriimarliigii Ingiliiz Maanchistar Yunaayitid fi Arsenaal gidduutti gaggeeffamaa jiruun Arsenaal goolii 1 fi 0'n dursaa boqonnaa bahe.

Arsenaal tapha istaadiyeemii Ooldiraaforditti taphatamaa jiru kana goolii taphataan sarara ittisaa Riikaardoo Kaalaafiyoorii daqiiqaa 3ffaa irratti isaaniif galcheen dursaa boqonnaa bahe.

Boqonnaa dura tapha fooyya'aa taphachaa kan ture gareen Ruuban Amooriim Maanchistar Yuunayitid ammoo goolii qixxeessituu galchuuf yaaliiwwan taasisaa turan hin milkooyne.

Cheelsiin Dirree Isaarratti Qabxii Qooddate.Taphoota Piriimarliigii Ingiliiz torbee jalqabaa har'a taphatameen Cheelsiin...
17/08/2025

Cheelsiin Dirree Isaarratti Qabxii Qooddate.

Taphoota Piriimarliigii Ingiliiz torbee jalqabaa har'a taphatameen Cheelsiin walqixa bahuun qabxii yoo qooddatu, Notiingihaam injifannoo galmeessee jira. Haaluma kanaan dirree isaa istaanfoordi Biriijitti Kiristaal Paalaas waliin taphate Cheelsiin goolii malee 0 fi 0 walqixa bahuun qabxii qooddatee jira.

Shaampiyooniin kilaboota Addunyaa Cheelsiin taphattoota haaraya ganna kana mallatteessise hedduu fayyadamuus, walqixa bahuun bara dorgommii qabxii tokkoon jalqabuu danda'ee jira.

Tapha biraatiin Notiingiham Foorest Bireenford 3 fi 1n injifate.

Notiingihaamiif Kiriis Wuud goolii lama, Daan Nidaayee goolii tokko yoo lakkoofsisan, Iigor Tiyaagoo ammoo goolii takkittii Bireentifoord galchee jira.

  Ispoortii bu'uura Hawaasaa taasiisuuf Dargaggoota irratti hojjachuun barbaachisaa ta'uu Komishinarri Koomishinii Darga...
17/08/2025

Ispoortii bu'uura Hawaasaa taasiisuuf Dargaggoota irratti hojjachuun barbaachisaa ta'uu Komishinarri Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaaliid Mohammad himan.
Hagayya 11,2107 Dire Tv - Afaan Oromoo

Dorgommii Biskileetaa Dargaggootaa Feenaan Peey, dhaabbanni Hariif Ispoortii, Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Feedreeshiinii Biskileetaa Dirree Dhawaa waliin ta'uun qopheesse guyyoota shaniif dorgomamaa ture goolabame.

Dorgommiin Biskileetaa Dargaggootaa Feenaan Peey dhaabbanni Hariif Ispoortii Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa fi Fedeereeshiinii Biskileetaa Dirree Dhawaa waliin ta'uun Haagayya 6 irraa eegaluun hanga Haagaayya 11 tti qopheesse, gosoota dorgommii gara garaatiin iddoowwan dorgommii adda addaatti gaggeeffamaa ture xummuramee jira.

Dorgommii guyyaa goolabbii kana irratti kan argaman Koomishinarri Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaaliid Mohammad Ispoortii bu'uura hawaasaa taasiisuuf dargaggoota irratti hojjachuun barbaachisaa ta'uu kaasuun kana milkeessudhaaf immoo mootummaan kophaa isaa osoo hin taane dhaabbileen dhuunfaa fi abbootiin qabeenyaa hirmaannaa gama isaanii taasiisuu akka qaban himan.

Koomishinar Kaalid itti dabaluudhan akka Koomishinii Dargaggoo fi Ispoortii Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Ispoorteessitootaaf leenjii fi shaakala itti fufiinsa qabu laachuudhaaf Ogeessota affeeruu fi hirmaachisuuf karoora qabaachuu dubbatan.

Itti Aanaan Pireezdaantii dhaabbata Hariif Ispoortii Obbo Daani'eel Mitikkuu dhaabbanni isaanii bakka buutoota boru biyya bakka bu'an horachuuf kan hojjatu ta'uu himuun, dorgommii kana irratti dargaggoonni morkii cimaa taasiisuun boru biyya Keenya bakka bu'anii dorgomuu akka danda'an mirkaneessanii jiran jedhan.

Itti gaafatamaan Barreessaa Federeeshinii Biskileetaa Dirree Dhawaa Obbo Tizaazuu Tasfaayee gama isaaniitiin kaayyoo guddaan dorgommii kanaa ijoollee ciccimoo bakka buutoota horachuuf ta'uu himuun bara itti aanu dorgommiiwwaan kana caalaa milkaa'aa ta'an gaggeessuuf qophii ta'uu himan.

Itti dabaluudhanis dorgommiin akka kanaa guyyaa guyyaadhaan gaggeefamu ijoolleen biyya bakka bu'anii gaafa dorgoman kan isaan qopheessu fi kanneen kanaan dura piroojeektii keessa turan carraa kilaba jalatti hammatamuu kka argatan isaan taasiisa jedhan.

Dorgommii Biskileetaa Dargaggootaa Feenaan Peey guyyoota shaniif gaggeeffamaa ture kanaan qabxii waliigalaatiin Isaakoor Fireew sadarkaa tokkoffaa bahuudhaan badhaasa Maallaqaa fi Waancaa yoo argatu, Heenook Geetaachoo fi Biruuk Bagaashaw sadarkaa 2 ffaa fi 3'ffaa bahuudhan badhaasa maallaqaa isaaniif qophaa'e fudhatanii jiran.

Gabaasni :- Xibabuu Sisaay
Suuraan :- Faadil Riiduwaan

  US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabdeHagayya 11,2017 Dire Tv - Afaan OromooAmeerikaan viiz...
17/08/2025

US namoota wal'aansaaf Gaazaarraa imalaniif viizaa kennuu dhaabde

Hagayya 11,2017 Dire Tv - Afaan Oromoo

Ameerikaan viizaa namoota Gaazaa irraa garas imalaniif kennaa turte kennuu dhaabuu ibsite.
Jaarmiyaan dhimmi kun ilaallatu viizaa kennuun yeroof kan dhaabbateef ''adeemsa jiru sirriitti qorachuuf akka ta'ee fi qajeeltoo yeroo ammaa tajaajila fayyaa xixiqqoo kennuuf jecha viizaan kennamu dhubbachuuf akka ta'e,'' X irratti ibse.

Murtee Ameerikaa kana gareen mirga namoomaa Filisxeemiif balaaleffataniiru. Jaarmiyaan gargaarsa daa'immanii Filisxeem- "Palestine Children's Relief Fund" jedhamu tarkaanfiin kun ''daa'imman Gaazaatti miidhaman gara US geessuun tajaajila fayyaa argatanii lubbuunsaanii akka baraaramu gochuu irratti miidhaa guddaa qaba,'' jedhe.

Ameerikaan dhimma viizaa jiraattota Gaazaa irratti jijjiirama imaammataa kan ibsite erga rogeettiin warra sirna duriitti cichanii (far right) dhimma viizaa kana irratti qeeqa jajjabaa irra deddeebiin X irratti barreessiteetti. Laawuraa Luumar Bulchiinsi Tiraamp ''gocha saalfachiisaa kana akka dhaabu,'' akeekkachiisteetti.

Sambata ( Saftii) kaleessaa ergaa qeeqa of keessaa qabu hedduu X irratti maxxansite, kanumaan US tarkaanfii kana labsite. Dubartiin kun tarkaanfii US kanaaf ka'umsa ijoo taate. Daa'immaan tajaajila fayyaa barbaadan kunneen gara Baha Giddugaleessaa, Awurooppaa, Afrikaa Kibbaa fi Ameerikaatti geessuu ibse jaarmiyaan kun.

Tarkaanfiin Israa'el kun jaarmiyaaleen miti-mootummaa jiraattota Gaazaa beelaan dhumaa jiraniif qaqqabuun akka hin baraarre taasise jedhan. Mootummaan Israa'el ammoo gargaarsa namoomaatti karaa kan cufeef akka Hamaas nyaata hin fudhanneef jedhe.

Jaarmiyaaleen gargaarsaa deeggarsa UN qaban hedduun, gareen mirga dhala namaaf falman fi gaazexeessitoonni Gaazaa keessatti beelaan uummanni dhumaa jira jechuun yaaddoo qaban ibsaa jiru. Xumura Adoolessa darbee kanatti miidiyaaleen idiladdunyaa kanneen akka AFP, AP fi Rooyitars fi akkasuma BBC'n Gaazaa keessatti gaazexeessitoonni beelaan dhumaa jiraachuu ilaachisuun ibsaati turan.

''Ji'oota hedduuf gaazexeessitoonni waa hundarraa bilisa ta'an kunneen waan qabatamaan Gaazaa keessa jiru ijaa fi gurra addunyaan ga'aa turan. Amma isaanis akkuma namoota waa'eesaanii gabaasaa turaniitti dararaa argaa jiru,'' jedhan miidiyaaleen kunneen.

Adoolessa darbe keessa Piresdaantiin US Doonaald Tiraamp ''beelli inni sirriin Gaazaa keessa jira,'' jedhanii turan. Haata'u malee ammaas qondaala ijoollee Gaazaa beeleessuun himataman, Beenjaamiin Neetaaniyaahuu faana hiriiranii jiru.

  Raashiyaan waraanni akka hin xumuramneef 'dubbii waliin dhahaa jirti,' jedhan Zeleniskiin.Hagayya 11,2017 Dire Tv - Af...
17/08/2025

Raashiyaan waraanni akka hin xumuramneef 'dubbii waliin dhahaa jirti,' jedhan Zeleniskiin.

Hagayya 11,2017 Dire Tv - Afaan Oromoo

Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskii Raashiyaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu diduunshee akkaataa waraanni kun itti xumuramuu danda'u wal-xaxaa taasiseera jechuun himatan.

''Raashiyaan waamicha dhukaasa dhaabuu irra deddeebiin dhihaatuuf diddeetti. Ajjeechaa raawwachaa jirtu dhaabuuf kutannoon irraa hin mul'atu. Kun adeemsa jiru daranuu wal-xaxaa taasisa,'' jechuun X irratti barreessan.

Zeleniskiin Wiixata gara Waashingitan DC imaluun Tiraamp waliin ni mari'atu. Walga'ii isaanii kanarratti dureen Yukireen kun akka waliigaltee dhukaasa dhaabuu fudhatan Pirezidant Tiraamp dhiibbaa irratti uumuuf jedhu.

Tiraamp erga Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin Alaaskaatti arganii booda waliigalteen kun kan dhukaasa dhaabuurra darbee guutummaatti waraanicha dhaabuu ta'uu akka qabu dhiibbaa akka uuman himaniiru.

Ergaa miidiyaa hawaasummaasaanii Truth Social irratti dabarsaniin ''adeemsa kanaan waraana balaafamaa kana xumuruun danda'ama,'' jedhan.
Kora Tiraamp fi Puutin booda bilbilaan Tiraamp waliin kan haasa'an Zeleniskiin nageenyi waaraa inni dhugaa ta'e akka dhufu gaafataniiru.

Yukireen nageenya barbaachisu argachuuf wantoota ammaaf biyyattiif murteessoo ta'an keessaa ijoon ''wabii nageenyaa amansiisaa ta'e'' argachuudha jedhan Zeleniskiin.

Tiraamp walga'ii Alaaskaa dura guyyaa Jimaataa dhukaasa dhaabuurratti hatattamaan akka waliigalamu ibsuun, yoo kun hin raawwatamne ammoo Raashiyaarra qoqqobbii kaa'uuf dhaadatanii turan.

Tiraamp duraan waliigaltee nageenyaaf mariin taasifamu kamuu daangaa wal jijjiiruu of keeysaa hin dhabu jedhanii turan. Kora Alaaskaa boodas Zeleniskiif bilbilanii kanuma hubachiisan.
Korri Alaaskaa eegalamuu guyyoota dura Zeleniskiin biyyisaanii daangaashee dabarsitee akka hin kennine dubbataniiru. Keessattuu dhimma ijoo ta'ee kan ka'e Doonbas akka hin kennine ibsan.

Yoo amma dabarsanii kennan iddoon kun fuulduraaf iddoo mijataa Raashiyaan irraa haleellaa raawwattu ta'a yaaddoo jedhu ibsan Zeleniskiin. Michuu BBC kan ta'e CBS akka gabaasetti aanga'oonni Awurooppaa Tiraamp walga'ii Alaaskaa booda Zeleniskii irratti dhiibbaa uumu sodaa jedhu qabu.

Tiraamp kora Alaaskaa booda yaada kennaniin pirezidantii Yukireeniif gorsi qaban ''walgalteerra ga'uu,'' akka ta'e dubbatan. ''Raashiyaan biyya guddoo humna guddaa qabduudha, Yukireen akkas miti,'' jedhan Tiraamp gaaffii fi deebii Fox News waliin taasisan irratti.

Barnaabaas Yilmaatu Qindeesse

Manni Murtii Sadarkaa Tokkoffaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa raawwii karoora bara baajataa 2017 Hojjattootaa wajjiin Gamaagg...
16/08/2025

Manni Murtii Sadarkaa Tokkoffaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa raawwii karoora bara baajataa 2017 Hojjattootaa wajjiin Gamaaggamuudhaan Karoora bara baajataa 2018tii irratti mariyate.

Gabaasa dhihaateen galmeelee yakkaa seera Hariiroo hawaasaa laaluuf bara baajataatti karoorfatan dhibbeentaa 94% ol milkeeysuu Pireesidaantiin mana murtii sadarkaa tokkoffaa bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii Mahammad ibsan.

Gabaasichaan keeysaahuu galmeelee yakkaa ga laaluutiin dhibbeentaa 95 raawwachuu fi Galmee seera hariiroo Hawaasaa dhibbeentaa 94 raawwachuu danda'uu ibsan.

Hujiileen rifoormii kan akka kenniinsa tajaajilaa Dijitaaleysuutiifii tajaajila E-Sarviisiin maammiltootaaf roga kennuutiin hujiileen gaariin hojjatamuus addeeysanii, tajaajila Ismaart koortii laachuuf bu'uraalaan misoomaa diriirsuu dubbatan.

Waltajjuma kanarratti karoorri bara 2018 dhihaatee mariin ballaan irratti adeemsifamee jira.

Karoora bara kanaatiiniis sirna haqaa ammayyeeysuuf hujiilee bara 2017 eegalaman kan akka ismaarti koortii, Dhaddacha kilaastara baadiyyaatti gad buusuun hawaasni baadiyyaa dhiheenyuma isaaniitti tajaajila haqaa akka argatan taasisuuf karoorfamuun ibsameeti jira. Mana murtii aadaa wajjiiniis qindoominaan kan hojjatamu tahuus ibsameeti jira.

Karoora bara baajatichaa kan dhihaaterratti Hojjattoonni yaadowaniifii gaafiilee gara garaa dhiheeysanii jiran.

Pirezidaantiin mana murtii sadarkaa 1ffaa Bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Abdii mahaammad yaadoowwan gabbisoo Hojjattoota mana murtichaa waltajjicharratti ka'an karoora keeysatti dabaluun kan raawwatan tahuu ibsan.

Gabaasni: Husseen Yaassiin
Suuraan: Israa'el Muluu

Sandarlaandii fi Tootinaam Morkattoota isaanii moohatanHagayya 10/2017: Dire Tv - Afaan Oromoo Taphoota Piriimar Liigii ...
16/08/2025

Sandarlaandii fi Tootinaam Morkattoota isaanii moohatan

Hagayya 10/2017: Dire Tv - Afaan Oromoo

Taphoota Piriimar Liigii Ingiliiz torbee jalqabaa har’a taphatameen, Sandarlaand kan barana ol guddate injifannoo galmeessee jira.

Turtii waggoota sagaliin booda bara kana gara Piriimar liigiitri kan ol guddate Sandarlaand Weesthaam 3 fi 0'n injifatee jira.

Gooliiwwan injifannoo sadeen Sandarlaand Elziir Maayendaa, Daani'eel Baallard fi Weellsan Isidoor lakkoofsisanii jiran.

Tootihaam kan leenjisaa Toomaas Fraankiin durfamu ammoo, tapha jalqabaa taasiseen Barneelii 3 fi 0 moohachuu danda'ee jira.

Kilaba Kaaba landan Tootihaamiif Riichaarlisan goolii lama yoo galchu; Bireen Joonsan goolii takkittii hafte galcheefii jira.

Taphni biraa sa'aa walfakkaataatti Biraayitan fi Fulhaam jidduutti taphatame goolii 1 fi 1 qixa xumurame. Biraayitaniif Maat O’Reilly rukuttaa peenaaliitiidhaan, Rodriigoo Muniiz ammoo Fuulhaamiif goolii lakkoofsisanii jiran.

Taphni guyyaa sa'aa 8:30 irratti Astoon Viilaafi Niwukaastiil Yunaayitid jidduutti gaggeeyfame goolii malee walqixa kan xumurame yoo tahu, Maanchistar siitiin ammaa sa'aa 1:30 irraa eegaluudhaan Woolviis waliin taphata.

Ahmad Mahammad

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Dire Tv - Afaan Oromoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Dire Tv - Afaan Oromoo:

Shortcuts

  • Address
  • Telephone
  • Alerts
  • Contact The Business
  • Claim ownership or report listing
  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share