Hoosaa'inaa TV World Wide

  • Home
  • Hoosaa'inaa TV World Wide

Hoosaa'inaa TV World Wide Karaan, Dhugaan, jireenyi Yesuus qofa.

 .Nuyi abidda keessaa baanee jannatatti naqamne, seexanni jannataa ari'atamee, abiddatti darbatame. ? Nutu ulfaate seexa...
16/12/2023

.
Nuyi abidda keessaa baanee jannatatti naqamne, seexanni jannataa ari'atamee, abiddatti darbatame.
? Nutu ulfaate seexanatu salphate.
!

15/12/2023

.
Laga hadhaa'aa, Laagaa hadhaa'aa,
Qalbii harroome, Ilaalcha har'umee,
. Yoo hin dhiifne sin dhiisu. Erga safara mootummaa Kiristoos beekuu bira geessee, dhaqxee Gadheefaana gadhoomuun, Dhiqatanii Isa dhoqqoomanidha. Kanaafuu . Saree duttu dhaggeeffatta taanaan karaa hin deemtu. Dhiisuuf...
1, Gurraa kee haalota irraa duuchi.
Ati Isa siin jedhan otoo hin taanee ati sidha. Afarfamtootaa fi afarsitoota waliin dubbachuuf ykn deebii laachuuf akkasuma Af-gaaffii isaaniif dhimmuun karaa buluudha. Sobaan somba Si uru. Sagalee malee hojii haqaa hin qabani. Arrabni isaanii Isaan caala ati garuu dhiisii darbi. Hamma eessaatti akka deemtu yaadi. Mana keef imalli kee yoo ta'e Hamma achiitti gurra kee cufii fiigi.
Kan dhaabbatee yaada kennu Iddoo mataa isaatii Si kaa'a. Tokko nii ariifatte siin jedha, Kaanis of tuulte nu waliin dhaabbachuu didde jedhu, Kaanis Karaan ke dogoggora jechuun, Kaanis yeroo malee kaate siin jedhu ati garuu gurra kee duuchi. Hojjechuuf guyyichi Amma, fiiguuf humni kee gahaadha. Gurra kee duuchi. Waan xixiqqoo irraa gurra kee duuchuun dhiiftee darbuu keef karaa dha. Waan dubbiftaniif Eebbifamaa!

08/04/2023
19/02/2023
26/01/2023

.

.
Seerri Bakka lamatti qoodama.
1, Seera Hin jijjiiramne.
2, Seera Musee.
👉Seerri Musee bakka saditti qoodama.
1, Seera Amantii.
2, Seera hawwaasummaa
3, Seera Abboommii.
Hubachiisa:- Namoonni tokko tokko Abboommiin seera keessa hin galfamu jedhanii barsiisu. Kun dogoggora. Abboommiin kutaa seeraati. Walumaa galatti beektonni akka jedhanitti seeronni kun baay'inni isaanii 623 akka ta'an dubbatu. Seeronni kun namaaf jireenya kennuu dadhabani. Maaliif yoo naan jette, seerri irra daddarbaa baay'ise. Akkasuma namni cubbuu dhaalaa qabatee waan dhalatuuf seera otoo eeguu danda'eeyyuu karaa Isa dhaala Sanaa du'uu danda'a. Haa ta'u malee matumaayyuu namni sababii dadhabaa ta'eef seera eegee qajeelaa ta'uu hin danda'u. Kana malees namni seera hundumaa eegee tokko yoo cabse abaaramaa waan ta'uuf namni Seeraan fayyuurra ittiin du'e. Yaahiqoob 2:10 dubbisi. Akkasuma seerri cubbuun akka baay'atu godha. Rom7:7, Rom3:23, seerri cubbuun akka baay'atuuf karaa bana. Galaatiyaa 5:1-6 ...Warri seera eeguudhaan qajeelota taatanii lakkaa'amuu barbaaddan kiristoos ofirraa kuttaniittu Ayyaana Waaqayyoorraas kuftaniittu... Jedha. Kanaafuu kiristoos seericha iddoodhaa kaasuudhaaf fannifame.
?
Lakki seerichatu xuraa'aadha ykn nama xureessa miti. Cubbuutu karaa seerichaa dhufee nu ajjeese malee seerichillee qulqulluu fi qajeelaadha. Haa ta'u garuu dildila ittiin cubbuun nu ajjeesedha.
.
Kun bakka lamatti qoodama.
1, Seera Haqame. Kan haqame jiraa? Eeyyeen Ani seera diiguufan dhufe Kan jedhameef kana.
2, Seera Gabatee lapheerratti barreeffame.
Seerichi gabatee dhagaarraa, gara gabatee laphee keenyaatti dabarfame. Iddoodhaa butame jechuu fi Nii haqame jecha jedhu Gidduu Garaa garummaa hedduutu jira.
Ermi31:31 irratti akka nuuf ibsutti seericha Kan Taabota keessa kaa'amu Kan gabatoota Dhagaa lamaanirratti barreeffame dhagicharraa kaasee gabatee laphee keenyaartatti akka caafu ifa godhee lafa kaa'a. Ibiroota9, 10, 11 Boqonnaawwan kana sadan yoo dubbifne akka gaariitti hubachuu Nii dandeenya. Seera keessaa fayyina eeggachuun Ayyaana Waaqayyoo akkasumaan gochuudha. Namni seera eegee fayyuu waan dadhabeef kiristoos fannifame. Egaa fannifamuu gooftaa keenyaa Gatii maaliif dhoowwinaree? 2Qor3:6-10 Rom7:5-6, Rom3:3-4, Rom4:1-8 dubbisi hubachuudhaaf. Gooftaan seera jala akkati jiraattu hin barbaadu. Galaatiyaa5:1... Maal jala malee? Ayyaana jala malee.
.
Ayyaanni Waaqayyoo akka seerichaa miti. Seerichi du'a hin farada ayyaanni Waaqayyoo garuu jireenyaaf nama qopheessa. Rom5:15-21, 1Yoh3:4-6, Rom3:23, 2Qor5:21. Ayyaanni Waaqayyoo birmadummaatti akka jiraannu godha. Isas yaalii mataa keenyaan waan arganne Nutti hin fakkaatiin tola Waaqayyoo fi Jaalala isaa Isa gadi fagoon Kan nuuf kennamedha. Ayyaanni tola Jechuun riskiidha jechuu miti. Gatii Isa madaalutu waan hin jirreef tola ta'e jechuudha.
? Yuudaa3...5 ...Ayyaana Waaqayyo keenyaa argachuun gadhiisiitti jiraachuudha jedhanii warri yaadan nu gidduu lo'anii galaniiri... Jedha. Egaan walumaa galatti Ayyaana Waaqayyootiif Abboo mamuun qajeelaa nama godha. Warreen Ayyaana Ayyaana jechaa sobaa, hataa, Ejjaa jirtu Gatiike Eeggadhu gooftaan Si fudhee dhufa. Seerichi gaaddidduu waanta dhufuu jiruuti jedhamee barreeffameera. Lafa qaamni jirutti gaaddidduu maal goona. Ayyanichatu nu booji'ee nu keessa jiraata. Isa nuyi taanuuf yaallee dadhabne akka taanu Isa godhudha. fufa... godhaa.

26/01/2023

Far Kibbee Ejjetaa (Guyyaan jira)

26/12/2022


.
Waaqayyo inni Si uume inni Si tolche lafa Eelaatti Si ilaalee hin darbu. .
.
Barri qarmii cuuruu darbee bissii guurtee Nii galta.
.

 .
23/12/2022

.

 'inaa_Olii_Ergame_Addunyaalessaatti. Duukamiif Naannoo ishee Kan jirtan koottaa nu waliin Waaqayyoon waaqessaa.
17/12/2022

'inaa_Olii_Ergame_Addunyaalessaatti. Duukamiif Naannoo ishee Kan jirtan koottaa nu waliin Waaqayyoon waaqessaa.

Address

Finfinnee

Telephone

+251914164426

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Hoosaa'inaa TV World Wide posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Hoosaa'inaa TV World Wide:

  • Want your business to be the top-listed Media Company?

Share